Injifannoon nageenya waaressuun argame jabaatee ittifufa - ENA Afaan Oromoo
Injifannoon nageenya waaressuun argame jabaatee ittifufa
Sadaasa 1/2019(ENA)-- Godina Kibba Lixa Oromiyaatti mareen nageenya waaressuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti xiyyeeffatee Magaalaa Jimmaatti ta'ameera.
Waltajjiin kun hoggansa caasaalee nageenyaa waliin kan geggeeffame yoo ta’u bu'aawwan hawaasa hirmaachisuun nageenya kabachiisuu keessatti argame xiinxaluun kallattiin hojii fuulduraa ka'ameera.
Godinichatti humna nageenyaa qindeessuu fi hawaasa hirmaachisuun aggaammiiwwan diinaa fashaleessuun akka ciminaatti kan ilaalame yoo tahu nageenya godinichaa caalmaan wareessuuf ammoo tooftaawwan raawwii akeekamaniiru.
Itti aanaa Bulchaa fi Ittigaafatamaan Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Amaan Danuu godinichatti hojii nageenyaa dagannaa malee hawaasa hirmaachisuun hojjetameen sochii farreen nageenyaaa fashaleessuun danda'ameeraa jedhaniiru.
Qindoominaa fi kutannoo caasaaleen nageenyaan nagaa waaressuuf qabaniin aggaammiin diinaa fashalaa'uu kan ibsan Obbo Amaan; humni diina miidhaa lubbuuf qabeenyarraan gahuuf dhufe rukuttaa jabaan haleelameeraa jedhan.
Kana keessattis shoorri hawaasni godinichaa qabu olaanaata’uu ibsaniiru.
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaja Giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Deeggarsa Waraanaa kan ta'an Meejer Jeneraal Mulaat Jalduu godinichi nagaa waaraa ittifufiinsa qabun hojiiwwan misoomaaf guddina diinagdee akka galmeessuuf caasaalee nageenyaa naannichaa waliin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Ajaja giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Oppireeshinaalii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ta'an Meejer Jeneraal Abdurroo Kadir humnootni badii biyya keessaa fi alaan gurma'anii nagaa lammiileef birmadummaa biyyaa diiguuf yaadanis hin milka'anii jedhaniiru.
Humna nageenyaa jabaa biyyattiin ijaarrattee fi hirmaannaa hawaasa nagaa jaallatuun nageenyi biyyaa tiksamaa jedhan.
Kanaafis hawaasni caasaalee nageenyaa waliin tahuun nagaa usaa tikfachuu qabna jedhniiru.
Xumura irrattis nageenya godinichaa akkaataa ittifufiinsaan waaressuun danda'amurratti kallattiin hojii nageenyaa kennameera.
TK.Godinichaarra