Tamsaasa Kallatti:

Abbummaa Hulaa Galaanaa Mirkaneessuun Qaama Ijoo Tarsiimoo Guddaa Ida’amuuti – doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa

Sadaasa 1/2019 (ENA) – Guddina dinagdee Itoophiyaa itti fufiinsa qabu saffisiisuu, daldala alaa babal’isuufi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf abbummaa hulaa galaanaa mirkaneessuun qaama ijoo tarsiimoo guddaa Ida’amuu keessaa tokko ta’uu Ministirri Bishaaniifi Inarjii, doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan.
Doktar Injiinar Habtaamuun ENAtti akka himanitti, Itoophiyaan gaaffii laga Abbayyaa misoomsuu irratti qabdu ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaatiin dhugoomsuun seenaa haaraa barreessiteetti.
Amma immoo gaaffii seena-qabeessaa abbummaa hulaa galaanaa deebii argamsisuu fi mirkaneessuuf hojjechaa jirti jechuun ibsaniiru.


Dhimmi abbummaa hulaa galaanaa kun gaaffii seenaa Itoophiyaanota biratti ka’aa ture, hanga ammaatti deebii hin arganneefi akka gaabbii biyyaalessaatti ilaalamaa ture keessaa tokko ta’uu himaniiru.
Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuun ishee imala seenaa, siyaasaa fi faayidaa biyyaalessaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa turuu kaasaniiru.


Yeroo sana hoggansi siyaasaa ture faayidaa biyyaalessaa fi gaaffii uummataa dagachuun murtoo faayidaa biyyattii hin eegne fudhachuu isaa madaa guddaa seenaa ta’uu dubbataniiru.


Haa ta’u malee, Itoophiyaan yeroo ammaa tarkaanfiiwwan dipilomaasii olaanaa fudhachaa jirtuun, yaadni Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu qabdi jedhu dhimma Itoophiyaa qofa osoo hin taane, dhimma xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa ta’aa dhufuu isaanii ibsaniiru.


Akkuma shira diinoonni seenaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa akka hin ijaaramne gufachiisuuf taasisaa turan tokkummaa uummataatiin fashaleessine, hulaa galaanaa shiraan dhabne kana illee tokkummaa keenya cimsachuun mirkaneessinee qaroomina Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti ni ijaarra jechuun dubbataniiru.


Kallattiin qaroominaa fi ammayyummaa Itoophiyaan yeroo ammaa hordofaa jirtu fedhii yeroo qofa kan ilaalu osoo hin taane, carraa fi egeree dhaloota dhufu murteessuuf kallattii tarsiimoo ta’uu ibsaniiru.
Tarsiimoo guddaan Ida’amuu bara 2050tti Itoophiyaa badhaadhina ishee mirkaneessite, sadarkaa addunyaatti kabajamtuu fi humna isheetiin beekamtu ijaaruu akka kaayyeffate hubachiisaniiru.


Tarsiimoon kun rakkoolee yeroo ammaa qofa furuuf osoo hin taane, fedhii misoomaa, dinagdee fi birmadummaa dhaloota boruu giddugaleessa godhatee kan hojjetu ta’uu himaniiru.


Kana irraa ka’uun, Itoophiyaan qabeenya uumamaa mootummaa birmadummaa ishee keessatti argaman sirnaan misoomsuu, dabalataanis laga Abbayyaa fi qabeenya biroo qabdu fayyadamummaa uummataaf oolchuun humna dinagdee biyyattii guddisuu kallattiiwwan misoomaa ijoo keessaa taasifatte jechuun ibsaniiru.
Dhimmi abbummaa hulaa galaanaa mirkaneessuus qaama tarsiimoo kana keessaa tokko ta’uu hubachiisaniiru.


Itoophiyaan uummata miliyoona 130 ol qabduufi biyyoota Afrikaa keessaa baay’ina uummataatiin sadarkaa jalqabaarratti argamtu hulaa galaanaa dhabuun ishee daldala, geejjibaa fi walitti hidhamiinsa dinagdee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru.


Kanaaf, gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa karaa seera qabeessa, nagaa fi dipilomaasii irratti hundaa’een furmaata argachuun guddinaafi egeree biyyattii keessatti murteessaa ta’uu himaniiru.


Gibxiifi ergamtoonni ishee Itoophiyaan hiyyummaa keessatti akka turte fedhii akka qabanis kaasaniiru.
Akkuma Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaatiin fedhii seenaa dheeraa bishaan laga Abbayyaa misoomsuu irratti qabdu hojiin dhugoomsite, gaaffii abbummaa hulaa galaanaa ishees tokkummaa biyyaalessaa, dipilomaasii cimaa fi karaa seera qabeessa ta’een mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu ishee ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015