Tamsaasa Kallatti:

Falaasamni ida’amuu paartii badhaadhinaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’u bu’aa siyaas-dinagdee hammataa galmeessiseera

Sadaasa 1/2019 (ENA)- Falaasamni ida’amuu paartii badhaadhinaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’u bu’aa siyaas-dinagdee hammataa galmeessisuusaa bakka bu’oonni paartii siyaasaa biyyoota Afriikaa ibsan.

Walgahii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa, Onkoloolessa 26 hanga 28 bara 2019tti Finfinneetti gaggeeffame irratti bakka bu’oonni biyyoota Afrikaa garaagaraa hirmaatan, falaasama Ida’amuu fi muuxannoo misooma Itiyoophiyaa dinqisiifataniiru.

Walgahii kana irratti hoggantoonni paartilee siyaasaa fi hirmaattonni kuma 1 ol ta’an biyyoota Afrikaa 54 irraa walitti dhufuun, gahee paartileen siyaasaa guddina dinagdee Afrikaa saffisiisuu keessatti qaban irratti mari’ataniiru.

Bakka bu’aa Zimbaabuwee, Daaglaas Miwonzora,  Misooma magaalaa Finfinnee fi kallattii misooma Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, muuxannoo kana biyya isaanii Zimbaabuweetti hojiirra oolchuu akka barbaadan ibsaniiru.

Bakka buutuun Lesoottoo, Ireene Mifahamaa, Dubartoota hoggansaa fi murtee kennuu keessatti hirmaachisuu, akkasumas misooma koridarii fi qarqara laggeenii Finfinnee dinqisiifataniiru.

Karoora misoomaa fi yaad-rimeewwan hojii hanga bara 2040tti hojiirra oolan, Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 waliin walsimatan irratti waliigalteen uumameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015