Dhiibbaan alaa imala misooma Itoophiyaa gufachiisuuf yaalamaa jiru tokkummaa ummataa daran cimsaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dhiibbaan alaa imala misooma Itoophiyaa gufachiisuuf yaalamaa jiru tokkummaa ummataa daran cimsaa jira
Onkololessa 29/2019 (ENA): Dhiibbaan alaa tattaaffii misooma qabeenya bishaanii Itoophiyaa gufachiisuuf yaalu tokkummaa ummata Itoophiyaa kan mancaasu osoo hin taane, cimsee akka waliin dhaabbatu taasisa jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD).
Hojiin misoomaa Itoophiyaan hojjachaa jirtu biyyoota naannichaaf bu'aa kan qabuu fi eenyuuyyuu kan hin miine ta'uu hubachiisaniiru.
Injiinar Habtaamuu Ittafana (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti; Seenaa keessatti itti fayyadama qabeenya bishaanii Itoophiyaa ilaalchisee odeeffannoon qaamolee faallaa misooma Itoophiyaan dubbatamu dhugaarraa kan fagaatedha jedhani.
Kaayyoon Itoophiyaa yeroo hunda faayidaa waloon tajaajila argachuudha malee qofaan fayyadamuu akka hin taane eeraniiru.
Haa ta’u malee, Itiyoophiyaan bishaan kana fayyadamuu yoo jalqabde miidhaan nurra ga’a jedhu irratti hundaa’uun, milkaa’ina pirojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa irratti qaamotni alaa gufuulee adda addaa uumaa akka turan yaadachiisaniiru.
Haa ta’u malee dhiibbaan alaa jiraatus ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa dabalatee pirojektoota misoomaa hedduu dhugoomsuu danda’aniiru jedhan Ministirri kun.
Dhiibbaan alaa fi duulli miidiyaa dogoggoraa Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee misoomsuuf taasiftu jeequuf kaayyeffate tokkummaa Itoophiyaanotaa kan hin miinee fi daran tokkummaa kan cimsu ta’uu dubbataniiru.
Ministirri kun pirojektoonni misoomaa Itiyoophiyaan hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa fi dameewwan misoomaa adda addaa keessatti raawwachaa jirtu Masrii dabalatee biyyoota naannichaaf bu’aa kan qaban ta’uu fi balaa kan hin taane ta’uu ibsaniiru.
Hojiin misoomaa amma hojjachaa jirru kun Itoophiyaas ta’e Masriif bu’aa kan qabu ta’uu, kanaaf yaadda’uu akka hin qabne ibsaniiru.
Marii fi ololli sochii misooma biyya keenyaa gufachiisuuf taasifamaa jirus, xiyyeeffannaan Itiyoophiyaa yeroo hunda misooma waloo fi bu’aa waloo irratti akka ta’e ibsaniiru.
Ministirri kun itti dabaluudhaan pirojektoota misoomaa biyyi keenya raawwachaa jirtu haala qabatamaa fi ejjennoo sirrii ta’e afaanota adda addaatiin hawaasa addunyaa biraan ga’uuf tattaaffii cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa