Tamsaasa Kallatti:

Kabaja Ayyaana Saboota, sablammootaa fi ummattootaa sadarkaa biyyaalessaatti Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamu irratti marii’atame.

Onkoloolessa  1/2019 (ENA)- Kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa marsa 21ffaa Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamu  haala   milkeessuun danda’amu irratti giddugaleessa  Mattuutti  mariyatamee jira.

Ittigaafatamaan  Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo  Mahammaad  Xahaa Abbaa Fiixaa  ayyaanni sabootaa,  sablammootaa fi  ummattoota  Itoophiyaa  bara kanaa  barii lammiileen biyyatti sagalee isaaniin mootummaa haaraa hundeeffatanitti kan kabajamu tahuu isaatiin ijaarsa biyyaaf mootummaa ida'amuu keessatti seenaa addaa qabaa jedhaniiru.

 Ayyaanni kun agarsiiftuu tokkummaa sabdaneessummaa uummataa, ibsituu  walqixxummaaf  eenyummaa  sabootaa  waan ta'eef ayyaanichi karaa miidhagaaf aadaaf dudhaa lammiilee agarsiisuun kabajamaa jedhan.

Ayyaanni kun akkaataa dudhaa Oromoon itti keessummaa simatuu  fi saboota biroo ofitti qabuun waloomaan jiraatu giddugaleeffachuun kabajama kan jedhan Obbo Mohammad Xahaan ; ayyaanichi carraa dame  tuurizimii fi simannaa investimentii guddisu waan qabuuf qaamoleen hawaasaaf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannoon qophii ayyaana kanaarratti hojjechuu qabaa dhaaman. koomunikeeshinii Godinichaarraa 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015