Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana jalqabaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana jalqabaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffame
Onkololeessa 29/ 2019 (ENA) : Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019 Paartii Badhaadhinaa gaggeeffameera.
Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo waajjira muummee fi waajjiraalee damee Paartii Badhaadhinaa hirmaataniiru.
Gabaasni raawwii karoora hojii dhaabichaa kurmaana jalqabaa bara 2019 itti gaafatamaa damee dhimma tarsiimoo Paartii Badhaadhinaa Ministir Dr. Darajjee Dhugumaan dhiyaate irratti mari’atameera.
Kunis bu’aa kurmaana kana keessatti galmaa’e, qormaata mudate, akkasumas kallattii hojii gara fuula duraa xiyyeeffannoo barbaadu qoratameera.
Waltajjichaan ciminaa fi hanqina raawwii hojii adda baasuun madaalameera.
Kana malees, muuxannoowwan argaman cimsuu, qaawwa raawwii hojii sirreessuu, kallattii hojiiwwan gara fuula duraa bu’a qabeessa ta’een akka hojjetaman dandeessisan irratti xiyyeeffannoon kennameera.
Odeeffannoon waajjira paartichaarraa argame akka mul’isutti Pireezidaantii Ittaanaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faarahi waltajjicharratti raawwii hojii gara fuula duraa cimsuuf dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattii kennaniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa