Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan misoomaa invastimantii qonnaa Magaalaa Harar keessatti hojjetaman gara boqonnaa haaraatti ce’aa jiru – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Sadaasa 1/2019 (ENA) – Hojiiwwan misoomaa invastimantii qonnaa Magaalaa Harar keessatti hojjetaman gara boqonnaa haaraatti ce’aa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, invastimantoonni kaappitaala jalqabaa xiqqaan hojii isaanii jalqaban waggoota muraasa keessatti humna kaappitaalaa isaanii guddisuu akka danda’an  ibsaniiru.


Sangoonni Harar erga furdisamanii booda, ji’oota sadii sadiin gabaa alaa irratti dhiyaachuun galiin sharafa alaa akka cimuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu isaanii himaniiru.

Fuuldurattis, damee kana irratti bal’inaan bobba’uun dinagdee Itoophiyaa fi galii sharafa alaa guddisuuf tattaaffii taasifamu keessatti hoggantoonni sadarkaa gara garaa, ogeeyyii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon ciminaan akka hojjetan Itti Aanaan Ministira Muummee yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015