Tamsaasa Kallatti:

Sagalee keenya olkaafnee,fedhii misoomaa, qaqqabama faayinaansii fi tumsa teeknooloojii magaalaawwan Afriikaa ni guddifna-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Sadaasa 1/2019 (ENA) - Sagalee keenya olkaafnee,fedhii misoomaa, qaqqabama faayinaansii fi tumsa teeknooloojii magaalaawwan Afriikaa ni guddifna jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan (COP31) Turkiyyee Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira.

COP31 Antaaliyaatti gaggeeffamaa jirurratti baankii misooma Afriikaatti daarektara jijjiirama haala qilleensaa piroofeessar Antoonii Okoon Niyoongi fi ambaasaaddara Global Covenant of Mayors fi kantiibaa Paariis duraanii Aan Hiidalgo waliin haala qilleensaa Finfinnee fi dhimmoota misoma magaalaa egereerratti mari’achuusaanii fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniiru.

Keessumaa faayinaansii haala qilleensaa kallattiin magaalota qaqqabsiisuu, dandeettii qophii fi raawwii pirojektootaa cimsuu, akkasumas misooma magariisaa, misooma qarqara lagaa, muuxannoowwan magaalaa deebisanii misoomsuu fi qonna magaalaan argaman walirraa barachuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf akka danda’amu dameewwan tumsaa cimsuuf walii galleerra jedhaniiru.

Finfinneen COP32 waan qopheessituuf, magaalota Afriikaaf dura haala qilleensaa waloo, fedhiiwwan faayinaansii fi ajandaa misoomaa sagalee tokkoon addunyaaf dhiheessuuf kan dandeessisu waltajjii uumuuf carraa guddaa qabdi jechuun ibsaniiru.

Sagalee keenya waloo cimsuun, fedhii misoomaa magaalaawwan Afriikaa, qaqqabama faayinaansii fi tumsa teeknooloojii ni cimsina jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015