Jalqabaa - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Magaalichatti kanneen karaa seeraan alaa hojii fe'umsaa fi buusuurratti hawaasa rakkisan irratti tarkaanfiin fudhatame
May 30, 2023 2
Caamsaa 22/ 2015 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti kanneen Tajaajila Meeshaalee fe'uu fi buusuurrarri gatii hin malle gaafachuun hawaasa rakkisan irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalichaa beeksise. Hoggantuun biirichaa dhimicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin magaalicha bakkee adda addaatti kanneen karaa seeraan alaa gurmaa'anii hojii fe'uufi buusuu hojjetan gatii hin malle gaafachuun hawaasa rakkisaa jiraachuun barameera jedhan Keessaayyuu naannaawwa manneen waliin jireenyaatti rakkoon kun kan cimu ta'uu eeranii, dhimmicha ilaalchisuun waldaalee 44 jalatti gurmaa'anii hojii fe'uufi buusuu kan karaa seeraam alaa hojjetan miseensoonni isaanii 505 seeraan akka gaafataman taasifamuu himaniiru. Dabalataan kanneen tajaajilamtoota irratti yakka reebichaafi mirgoota biroo sarban 97 to'annaa seenaa jala oolfamuu himaniiru. Gara fuula durraattis tarkaanfiin seeraa barbaachisu fudhachun kan itti fufu ta'uu himaniiru.
Komishiinii Poolisii Federaalaatti Komishinaar janeraal Dammallaash Gabramikaa'eel ajajaa poolisii biyyaaleessaa Somaaliyaafi Itti aanaa ajajaa Poolisii biyyaalessa Jibutii waliin mariyatan
May 30, 2023 7
Caamsaa 22/2015 (TOI) - Komishiinii Poolisii Federaalaatti Komishinaara janeraalafi Pirezidaantii Dhaabbaata Gamtaa ajaja Afrikaa bahaa kan yeroo ammaa Dammallaash Gabramikaa'eel ajajaa poolisii biyyaaleessaa Somaaliyaa Birgaader jeneraal Suluub Ahmadiifi Itti aanaa ajajaa Poolisii biyyaalessa Jibutii Koloneel Umar Huseen waliin waajjira isaaniitti mariyatan Marii kanaan ardichatti shororkeessummaafi yakkoota gareen daangaa ce'aamanii raawwataman qindoomina sadeen ittisuuf walii galaniiru. Dabalataan humna qondaaltota poolisii biyyoota sadanii cimsuurratto dhimmoota xiyyeeffatan irratti mariyataniiru. Dhimma kanarratti gara fuula duraatti Jibutiitti waliigaltee mallateessuuf waliigaluu ragaan Poolisii Federaalaarra argame ni mul'isa.
Naannoo Affaaritti dhaabbileen Bishaanii 196 suphamuun tajaajila kennuu jalqabuu biiroon Bishaaniifi Inarjii beeksise.
May 30, 2023 10
Caamsaa 22/ 2015 (TOI) - Naannoo Affaaritti dhaabbileen Bishaanii 196 suphamuun tajaajila kennuu jalqabuu biiroon Bishaaniifi Inarjii beeksise. Dhaabbileen suphamanii tajaajilaaf gahan kunneen dhaabbilee miidhaan irra gahee ture 293 keessaa ta'uu biirichi beeksiseera. Hogganaan biirichaa obbo Ahmad Shaamii TOItti akka himaniitti dhaabbileen suphamanii tajaajilaaf gahan kunneen deeggarsa Ministeera Bishaaniifi inarjiifi qaamolee dhimmi ilaallatu walin biirichi hojjeteen ta'uu himaniiru. Dhaabbilee hafanis suphiin tajaajila jalqabsiisuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu hogganichi himaniiru. Godinaalee afuritti dhaabbilee bishaaniirraa miidhaan gahee birrii biliyoona 1.8 ol kan baasu ta'uu qorannoon barameeras jedhaniiru. Dhaabbileen bishaanii suphamanii tajaajilaaf gan kun birrii miliyoona 356 kan suphaman yoo ta'u, kanaanis lammilee kuma 831 fayyadamoo akka ta'an taasisuu danda'amuu himaniiru.
Manni marichaa wixinee labsii gibira osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahiinsa taaksii irratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate qorachuun sagalee guutuun raggaase
May 30, 2023 15
Caamsaa 22/2015(TOI) – Manni maree Bakka Bu'oota Uummataa wixinee labsii gibira osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahiinsa taaksii irratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate qorachuun sagalee guutuun raggaase. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Pilaanii, Baajataafi Faayinaansii Obbo Dassaaleny Wadaajee wixinee labsichaa ilaalchisuun gabaasafi yaada murtee dhiyeessaniiru. Mootummaan Itoophiyaa fi mootummaan Giraand Duuchii Lukzambargii giddutti gibira galii osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahii taaksii irratti raawwatamu ittisuuf waliigaltee dhiyaate cimsuuf wixinee labsii hamattoo seeraa uumuuf kan yaaddame ta’uu obbo Dassaaleny eeraniiru. Barbaachisummaa wixinee labsicharratti Walitti Qabaan Koree Dhaabbichaa, Gorsaa Ministeera Maallaqaa waliin waltajjii gara garaarratti mari’achuun eerameera. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataarraa odeeffanne.
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walgahii idilee isaa geggessaa jira.
May 30, 2023 10
Caamsaa 22/2015 (TOI): Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa walgahii idilee isaa gaggeessuu eegaleera. Korichi miseensa koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa kan turan obbo Girmaa Yashixilaa kan dhiheenya kana haala gaddisiisaa ta'een lubbuu isaanii darbeef yaaddannoo sammuu taasisuun marii kana eegale. Korichi walgahii isaan dhimmoota biyyaalessaa fi paartii irratti marii gadi fageenyaa gaggeessuun murteewwanii fi kallattii itti aanan ni kaa'a jedhamee eegama.
Siyaasa

Manni marichaa yaa'ii idileesaa taa'aa jira
May 30, 2023 16
Caamsaa 22/2015(TOI):- Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Yaa'ii idileesaa 23ffaa taa'aa jira. Manni marichaa wixinee labsii gibira walirra bu'u hambisuu fi gibira galii irratti kaffalamu ilaalchisee mootummoota Itoophiyaa, Lukismbargiifi Siwiizilaand gidduutti yakkaa gibirarratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate ilaalchisee gabaasaa fi yaada koreen dhaabbii karoora, baajataa fi faayinaansii dhiheesse qorachuun ni raggaasisa jedhamee eeggama.
Komishinichi dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan furuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira
May 29, 2023 48
Caamsaa 21/2015 (TOI)- Komishiniin marii biyyoolessaa dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan hiikuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaaf hojjechaa akka jiru Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfiin araayaa himan. Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa walitti dhufan waliin magaalaa Boongaatti mari'achaa jira. Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfiin Araayaa akka biyyaatti waliigaltee uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Komishinichi dhimmoota garaagarummaa lammilee gidduutti uuman irratti mari’achuun rakkooleen jiran karaa itti hiikkatan irratti xiyyeeffachuun tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa fiduuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. "Waan hunda caalaa nageenya nu barbaachisa" kan jedhan komishinarchi, yeroo nageenyi jiru hariiroon waliin jirenyaafi waljijjiirraa aadaa dabalatee bu'aawwaan misoomaa biroo ni jiraatu jedhaniiru. Walhubannoon tokko tokkoonii hawaasa keessatti wal kabajuu waan fiduuf gama kanaan hirmaattonni marii kanaa, naannawwaa tokkoon tokkoon isaaniitti bakka bu’uun gahee olaanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru. Komishiinichi waggaa 1 fi ji’oota 4 darban keessatti yaad-rimee komishinichaa irratti mariyachuun cinaatii, aadaa naannoo fi haalota jiraan qorachuu akkasuma hojiiwwan qophii biroo hojjechaa turuu himaniiru. Mariin kun caasaa gadii irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uun dhimmoota wal-hubannoo dogoggoraa ummata gidduutti uuman adda baasuuf akka ta’u hubachiisaniiru. Itoophiyaa biyya lammileen ishee hunduu wal qixa bakka bu’ummaa qabaniifi walqixa fayyadamtoota ta’an taasisuuf waltajjiin marii kun ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjii marii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti komishinichi ajandaa walitti qabamuu fi filannoo miseensota hawaasaa marii kana irratti hirmaatan irratti ni mari'ata jedhameera. Waltajjii marii magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti miseensonni ummataa aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda irraa hirmaachaa jiru.
Ministirri muummee Abiyyi Ahimad Pirezidaant Reesiip Xayiib Erdohaaniif ergaa gammachuu dabarsan
May 29, 2023 66
Caamsaa 21/2015 (TOI) - Ministirri muummee Abiyyi Ahimad Pirezidaantiin Turkii Reesiip Xayiib Erdohaan irra deebi’anii filatamuusaaniif ergaa gammachuu dabarsan. Ministirri muummee Abiyyi Ahimad odeeffannoo fuula tiwiitariisaaniirratti baasaniin pirezidaantichi irra deebi’anii filatamuunsaanii hariiroon Itiyoophiyaa fi Turk jidduu jiru cimee akka itti fufu amantaa qaban ibsaniiru.
Dooktar Abrahaam Balaay hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifameef galateeffatan
May 28, 2023 69
Caamsaa 20/2015(TOI)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay hiriira deeggarsa guutuu biyyattiitti Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifameef galateeffataniiru. Dooktar Abrahaam Balaay ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hiriirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifame kutaalee biyyattii hafanittis cimee kan itti fufuufi tattaaffiiwwan nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaa babal’isuu fudhatamummaa uummataa argachuun isaan amumarraa kan mul’isu ta’uu ibsaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa biyyiifi uummanni nagaan akka jiraataniif halkaniifi guyyaa kan hojjetu, birmadummaan biyyaafi nageenyi lammiilee akka mirkanaa’uuf lubbuu isaa kennaa kan jiru ta’uu eeraniiru. Sochii qaamolee badii alaafi keessaa maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa balleessuufi biyya gara jeequmsaatti oofuuf taasisan uummata waliin ta’uun fashaleessaa badhaadhina Ityoophiyaa ni dhugoomsina jedhaniiru.
Jijjigaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf bahame.
May 28, 2023 68
Caamsaa 20/2015 (TOI)፦ Naannoo Somaale magaalaa Jijjigaafi naannawwaa isheetti hawaasni walitti babahe deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaf hiriira baheera. Hiriiricharratti kanneen hirmaatan maqa balleessiin Raayyaa Ittisa Biyyaarratti geggeeffamu haa dhaabatu, Finxaaleeyyiin gochaa maqa balleessii kana raawwatan seeraan haa gaafataman, Finxaaleyyiin daldaltoota siyaasaati malee saba kamiyyuu bakka hin bu'an dhaadannoo jedhu qabatanii bahaniiru.
Hiriirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa magaalaa Asoosaatti geggeeffameera.
May 28, 2023 71
Caamsaa 20 /2015 (TOI) - Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti geggeeffameera. Hiriira kanarratti jiraatoonni magaalichaafi naannaawwa ishee hedduun hirmaataniiru. Kanneen hiriira kanarratti hirmaatanis harka keessaa raayyaa ittisa biyyaa sabdaneessa ta'erra harka keessan kaasaa, Finxaaleeyyiin tokkummaan uummata akka diigamuuf hojjetan seeraan haa gaafataman ergaa jedhu qabatanii bahaniiru. Hoggantoonni mootummaa naannichaas hiriira kanarratti ergaa dabarsaniiru.

Hawaasummaa
TOI odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahaa jira.
May 29, 2023 38
Caamsaa 21/2015 (TOI):- Tajaajilli Oduu Itoophiyaa odeeffannoo dhiheesuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahachaa jiraachuu Hoji geggeessaan olaanaa Tajaajilichaa obbo Saayfee Darribee himan. Diraga hojii fi itti gaafatamummaa TOI'f labsiin kenname keessaa tokko leenjii ogummaa miidiyaa fi ogeeyyii qunnamtii hawaasaaf qopheessuudha. Haaluma kanaan Tajaajilichi kanaan dura ogeeyyii qunnamtii hawaa dhaabbalee adda addaa keessa hojjetaniif leenjii kennaa kan ture yoo ta'u ,guyyaa har'aas ogeeyyii qunnamtii uummtaafi kominikeeshii Ministeera Galiiwwaniif leenjii ogummaa kunnuu jalqabeera. Lenjichi marsaa lamaan guyyoota shaniif kan kennamu ta'uu sirna jalqabsiisa leenjii kanaarratti himameera. Sirna kana kan jalqabsiisaan hoji geggeessaan olaanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa Obbo Saayfee Darribee leenjin kun dhaabbileen lamaan carraa muxannoo waliif qoodu argatanidhas jedhaniiru. Dhaabbileen lamaanuu akka biyyaatti dameewwaan hedduu kan qaban waan ta'eef waajjiraalee bakka adda addaa jiran kana waliin qindoominaan hojjechuuf carraas kan uumu ta'uu eeraniiru. Leenjii yaad rimee leenji'aan qabatamaan kutaa hojii TOI keessatti akka leenji'aan himaniiru. Tajaajilli Oduu Itoophiyaa odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahachaa akka jiru himaniiru.
Yaa'iin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa Itoophiyaatti geggeeffamuuf jira jedhame.
May 29, 2023 41
Caamsaa 21/2015(TOI) - Yaa'iin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa Waxabajjii 30 hanga Adooleessa 2/2015tti Itoophiyaatti geggeeffamuuf jira jedhame. Walga'iin duraa foramichaa bakka dippiloomatoonnii, bakka bu'oonnii dhaabbilee idil addunyaafi qooda fudhatoonni biroon argamanitti Finfinnee Dhaabbaata Mootummoota Gamatoomanitti galma Komishiinii dinagdee Afrikaatti geggeeffameera. Deetaan ministira Hojiifi ogummaa obbo Nugusuu Xilahuun Afrikaatti humna namaa oomisha oomishuu danda'u guddachaa dhufe guddina dinagdee Afrikaaf akka carraatti itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru. Mootummaan Itoophiyaa hojii dargaggootaaf carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannnoon hojjechaa jiraachuu himanii, kanaafis karoora carraa hojii uumuu biyyaaleessaa hojiirra oolchuun akka fakkeenyaatti kan eeramudha jedhaniiru. Afrikaatti akkuma walitti hidhamnisa gama dinagdeen jiru cimsuuf hojjetamaa jiru carraa hojii dargaggootaaf uumuurrattis qindoominaan hojjechuu akka barbaachisu eeraniiru. Kanarratti Karoora waliin baasuufi hojiirraa oolchuuf kan dandeesisuu Adooleessa dhufu yaa'iin carraa hojii uumuu akka aardichaatti qophaa'e gahee olaanaa akka qabu obbo Nugusuun himaniiru. Yaa'ii Waxabajjii 30 hanga Adooleessa 2/2015tti geggeeffamu kana milkeesuuf mootummaan Itoophiyaa ciminaan kan hojjetu ta'uu himanii qaamoleen dhimmi ilaallatu biroonis deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha taasisaniiru. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Itti aanaan eeggataa barreessaa olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Antooniyoo Peedroo akka jedhanitti, bara 2035tti lakkoofsi hojjettoota oomishaa Afrikaa miiliyoona 450 ni ga’a jedhamee eegama. Kanaaf biyyoonni baay’ina hojii barbaaddotaa saffisaan guddachaa jiruuf tarsiimoo bocuun filannoowwan carraa hojii uumuu Afrikaa keessatti fayyadamuu qabu jedhaniiru. Qaxanaan Daldala Walaba Ardii Afrikaa carraawwan gurguddoo keessaa isa tokko ta’uus mootummoonni kutannoon akka hojjetan dhaamaniiru.
Dargaggoonni qooda misoomaa fi ijaarsa biyyaarratti qaban cimsanii itti fufuu qabu -Biiroo dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaa
May 26, 2023 112
Caamsaa 18/2015 (TOI)- Dargaggoonni qooda misoomaa fi ijaarsa biyyaarratti qaban cimsanii itti fufuu qaban Biiroon dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaa ibseera. Konfaransiin dargaggootaa mata duree “dargaggootaa fi ijaarsa byyaa” jedhuun qophaa’e magaalaa Jimmaatti adeemsifameera. Itti gaafatamtuun biiroo dargaggootaa fi Ispoortii naannoo Oromiyaa adde Saamiyaa Abdallaa akka jedhanitti, jijjiirama aarsaa dargaggoonni keenya kafalaniin dhufe itti fufsiisuuf cimanii hojjechuutu barbaahisa. Dargaggoonni hirmaannaa misooma keessatti qaban cinaatti nageenya naannoosaa eeguun duudhaalee waliin jireenyaa fi walqixxummaa ummataa itti fufsiisuun gumaacha gochuu akka qaban ibsaniiru. Dargaggoonni naannoo Oromiyaa jiran gochaa misoomaa fi oomishtummaa keessatti agarsiisaa jiran adde Saamiyaan galateeffatanii ijaarsa biyyaa keessatti qooda bakka bu’aa hinqabne akka qaban dubbataniiru. "Seenaa kaleessaarraa kan nufayyadu irraa barannee nu mataan keenya seenaa caalu hojjennee dhaloota boruuf tursuu qabna” jedhan adde Saamiyaan. Dargaggoonni naannoo Oromiyaa araada addaddaarraa bilisa ta’uun bakka hinmalle ooluurraa ofqusatanii misoomaa fi ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru. Bulchaan godina Jimmaa obbi Tiijaanii Naasir gamasaaniin dargaggoonni godinichaa fi nmagaalaa Jimmaa hirmaannaa qamadii jallisii bonaa, oomisha dammaa gaagura ammayyaa, horsiisa loonii, damee qonnaa fi addaddaarratti Qaban cimsanii itti fufsiisuu akka qaban dubbataniiru. Dargaggoonni Konfaransicharratti hirmaatan biyya eeguu, misoomsuu fi ijaaruuf qophii ta’uu ibsanii, dargaggoonni itti gaafatama irraa eegamu tokkummaan bahuuf qophaa’uu akka qaban dubbataniiru. "Sirna fooyyee dargaggootaaf mijatu Itiyoophiyaa keessa akka jiraatuu fi walqixxummaan, nageenyii fi misoomni akka dhufu hojjechuu mari’achuu fi itti gaafatamummaan hirmaachuun barbaachisaadha” jechuun ibsaniiru.
Dargaggoonni Finfinnee bara bajataa kanatti tajaajila tola ooltummaatiin mana namoota dadhaboo 765 haaromsaniiru
May 26, 2023 89
Caamsaa 18/2015 (TOI)-Waldaan dargaggoonni Finfinnee bara bajataa keessa jirru kantti baatii sagal keessatti tajaajila tola ooltummaatiin mana namoota dadhaboo765 haaromsuusaa beeksise. Tajaajilli tola ooltummaa dhalli namaa kafaltii malee boqonnaa sammuu argachuuf kaka’umsasaan hojii hojjetudha. Hojii kana namni kamiyyuu kan itti hirmaatu yemmuu ta’u, irra guddeessa dargaggoonni kan itti hirmaatanii fi walitti dhufeenyi hawaasummaa, tokkummaa fi jaalalli caalaatti akka cimu dandeessisuunsaa ammoo ibsituu kanaati. Baasii olaanaa mootummoonni hojii kanaaf baasan hambisuun dinagdee biyyootaa cimsuun alatti hojiin birrii miiliyoonaan lakkaa’amu hojjechuu hin dandeenye tola ooltummaan nihojjetama. Haala Kanaan dargaggoonni biyya keenyatti ilaalcha namoomaan kaka’anii hawaasaaf fedhiisaaniitiin gargarsa barbaachisu taasisan waggaa waggaan dabalaa dhufeera. Barreessaan olaanaa waldaa dargaggoota Finfinnee Yihuneny Mahaammad hojiiwwan bara bajataa 2015 baatii sagal darbe hojjetamanii fi tajaajila tola ooltummaa gannaa fi bonaa itti aanu ilaalchisuun TOI waliin turtii taasiseera. Dargaggoonni miseensa waldichaa ta’an hedduun walgargaaruun baatiiwwan sagal darban tajaajila tola ooltummaa gannaa fi bonaan mana namoota dadhaboo 765 guutummaa fi walakkaan haaromsuusaanii dubbataniiru. Dargaggoonni tola ooltotaa kunneen mana haaromsuun cinaatti hojii tiraafikaa, lammiilee bakkeewwan addaddaatii waldhaansaaf dhufan waldhaanuun, maaddii qooduu fihojiilee misoomaa addaddaarratti hirmaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa haaromsi manaa kun qaamolee mootummaa fi mitmootummaa, baasii waldichaa, maallaqa miseensarraa sassaabamee fi deeggarsa hawaasaatiin raawwatamuusaa ibsaniiru. Hojii kana baatii Waxabajjii bara 2015 irraa kaasee amma xumura bara bajataa kanaatti hojiiwwan tola ooltummaa addaddaatiin itti fufuuf hojiileen haalduree hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Hojiin tola ooltummaa kamiyyuu wayitiirratti hundaa’uu akka hinqabne ibsanii, namni humna qabuu fi itti gaafatamni itti dhadahamu hundi xiyyeeffannoo kennuufii qaba jedhaniiru. Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa kennuun cinaatti nageenya naannoosaanii eegsisuu keessatti adda duree ta’uun qoodasaanii bahuun akka irraa eegamu dubbataniiru.
Diinagdee
Naannoo Affaaritti dhaabbileen Bishaanii 196 suphamuun tajaajila kennuu jalqabuu biiroon Bishaaniifi Inarjii beeksise.
May 30, 2023 10
Caamsaa 22/ 2015 (TOI) - Naannoo Affaaritti dhaabbileen Bishaanii 196 suphamuun tajaajila kennuu jalqabuu biiroon Bishaaniifi Inarjii beeksise. Dhaabbileen suphamanii tajaajilaaf gahan kunneen dhaabbilee miidhaan irra gahee ture 293 keessaa ta'uu biirichi beeksiseera. Hogganaan biirichaa obbo Ahmad Shaamii TOItti akka himaniitti dhaabbileen suphamanii tajaajilaaf gahan kunneen deeggarsa Ministeera Bishaaniifi inarjiifi qaamolee dhimmi ilaallatu walin biirichi hojjeteen ta'uu himaniiru. Dhaabbilee hafanis suphiin tajaajila jalqabsiisuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu hogganichi himaniiru. Godinaalee afuritti dhaabbilee bishaaniirraa miidhaan gahee birrii biliyoona 1.8 ol kan baasu ta'uu qorannoon barameeras jedhaniiru. Dhaabbileen bishaanii suphamanii tajaajilaaf gan kun birrii miliyoona 356 kan suphaman yoo ta'u, kanaanis lammilee kuma 831 fayyadamoo akka ta'an taasisuu danda'amuu himaniiru.
Pirojeektiin Invastimantii Qindaa'aa Paarkiiwwaan Agiroo Indastirii ifoome.
May 29, 2023 44
Caamsaa 21/2015(TOI) - Komishiiniin Imvastimantii Itoophiyaa har'a Pirojeektii Invastimantii Qindaa'aa Paarkiiwwaan Agiroo Indastirii ifoomse. Komishiinichi pirojeekticha Dhaabbata faayinaansii addunyaa(IFC) waliin ta'uun qindaa'uu kan qopheessee yoo ta'u, Invastimantii kallattii paarkiiwwaan agiroo indastirii qindaa'oo haala ammayyaan ijaaramanitti simachuuf, deeggarsaafi hordoffii taasisuufaa kan kaayyeeffate ta'ee ragaan toora miiidiyaa hawaasummaa ministeerocharra argame ni mul'isa. Piroojektichi kubbaniyaawwan idil addunyaa 'OCB fi Tiriippil laayin' jedhamaniifi dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin hojiirra kan oolu ta'uun eerameera.
Jaappaan deeggarsa misoomaa Itoophiyaaf taasiftu cimsitee itti fufti.
May 29, 2023 32
Caamsaa 21/2015(TOI) - Jaappaan deeggarsa misoomaa Itoophiyaaf taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta'uu Itoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Takaakoo beeksisan. itti fufti. Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Nagallee Arsiitti jiddugalli leenjii qonnaan bultootaa deeggarsa mootummaa Jaappaan birrii miliyoona 13'n ijaarame xumuraamee wal harkaa fuudhinsii taasifameera. Sagantaa wal harkaa fuudhinsaa kanarratti hoggantoonnii hojii mootummaa Federaalaafi naannoo Oromiyaa akkasuma hawaasni naannaawwaa argamaniiru. Itoophiyaatti amabaasaaddarri Itoophiyaa Itoo Takaakoo sirna kanarratti akka himanitti, walitti dhufeenyii Itoophiyaafi Jaappaan waggoota 65 lakkoofsiseera. Waggoota kana keessaatti mootummaan Jaappaan hojiiwwan misoomaa hudduu Itoophiyaatti hojjetaman deeggarsaa tureera jedhaniiru. Jiddugalli Leenjii Qonnaan bultootaa Godina Arsii GANDA Xurgee gaalootti hojjetamees hojiiwwaan kanneen keessaa tokko ta'uu eeraniiru. Jiddugallii kun deeggarsa mootummaa Jaappaaniin kan ijaarame yoo ta'uu hojiin isaa waggaa tokko keessatti xumurame jedhameera. Gara fuula duraattis hojiiwwaan akka kanaa naannoo Oromiyaafi Amahaaraatti babal'isuun jireenyaa qonnaan bultootaa fooyyeesuufi qonnaa ammaayyeessuuf hojii hojjetamu deeggaru itti fufti jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa Itoophiyaatti hojjetama kanneen biroos Jaappaan deeggaruu kan itti fuftu ta'uu eeraniiru.
Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mariyatan.
May 29, 2023 38
Caamsaa 21/2015 (TOI) - Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mariyatan. Ministeerri Qonnaa Itoophiyaatti damee qonnaarratti hojiiwwan hojjetaman irratti hoggantoota hojii Baankii Addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuun ibsameera. Jijjira Qilleensaa, Nyaataafi nageenya nyaataa, Nageenya biyyoorratti, qabinsaafi ittifayyadama qabeenya bishaanii, hojii invastimantii dhuunfaa akkasuma dhiheessii fi tajaajila faayinsaansii baadiyyaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaan gahuurratti mariyatamuun himameera. Pirojeektootaafi sagantaalee deggarsa maallaqaa Baankii Addunyaan damee qonnaarratti hojjetaman irratti mariyamuu odeeffannoo toora miidiyaa hawaasummaa Ministeericharra argame ni mul'isa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran
May 29, 2023 35
Caamsaa 21/2015 (TOI) - Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran Dorgommichi Caamsaa 16 hanga caamsaa 20/2015tti Chaayinaa magaalaa Sheenzaanitti kan geggeeffame yoo ta'u, dorgommii kanarratti biyyoota 36 irraa gareen dorgomtootaa 146 hirmaataniiru. Baratoonnii Itoophiyaa dorgommicharrtti garee sadi kan tokkoon tokkoon isaanii miseensoota sadi sadi ofkeessaa qabu ta'uu 'Piraaktikaal Tiraak(Daataakoom,Sakuriitii, Netiworkii kompuutaraa funyoo malee, Big Daataa Istooreej, kuusaa odeeffannoo ‘OpenEuler’ fi ‘OpenGauss’ jedhamuufi kanneen biroon hirmaataniiru. Barattoonnis, bu’aa galmeessaniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun muuxannoo idil addunyaas argachuu himaniiru. Dorgommiin ICT huwaawwee qulqullina kennaa addaa ICT saffisiisuuf, indaastirichaaf kennaa ga’umsa qabu qopheessuu fi filachuuf, kennaa addaa kan qaban walitti dhiyeessuun ce’umsa dijitaalaaf hirmaannaa dammaqaa akka taasisan, dhiyeessii fi fedhii damichaaf ga’oo akka ta’an jajjabeessuu fi gumaacha waaraa taasisuuf ni hojjeta jedhamera.
Pirojektiin Oomisha qonnaa dabalatee oomishoota kanneen biroo akka kalaqa sammuutti akka eegaman taasisuu nidandeessisa jedhame ifoome
May 24, 2023 93
Caamsaa 16/2015(TOI)- Pirojektiin Oomisha qonnaa dabalatee oomishoota kanneen biroo akka kalaqa sammuutti akka eegaman taasisuu nidandeessisa jedhame ifoomeera. Pirojektiin kun waggaa sadiif hojiirra kan oolu yemmuu ta’u baasii kanaaf oolu ejensii misooma Faransaayitu akka danda’u ibsameera. Ministirri Inniveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa Itiyoophiyaan oomishoota qonnaa bebbeekamoo qabdu eegumsa kalaqa sammuutiin eegsisuun faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru. Seera baasuun cinaatti oomishoota qonnaa Itiyoophiyaa gurguddoo keessaa olaanaa kan ta’e oomisha bunaarratti xiyyeeffannoo addaa kennuusaa dinqisiifataniiru. Abbaa taayitaa qabeenya kalaqa sammuu Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan gaggeessaa beekumsa hawaasaa obbo Taaddasaa Warquu gamasaaniin, pirojektiin bu’ura seeraa ofkeessaa qabu kun oomishoota Itiyoophiyaa keessatti maqaa bakkaan ibsamaniif eegumsa mirga kalaqa sammuu kan taasisudha jedhan. Kun ammoo qaamolee oomisha oomishan dorgomaa akka taasisu ibsaniiru. Pirojektiin kun bu’ura seeraa fi sirna hojmaataa bakkeewwan Itiyoophiyaa keessatti argaman kan agarsiisuu akka diriirfamu kan dandeessisuta’uusaa beeksisaniiru. Kanaaf labsii fi danbii qopheessuun mallattoolee daldalaa abbummaa eeggsisuuf yaalii taasifamaniin alattis oomishoota addaddaa qulqullina bakkeetiin eeraman sirna akka qabeenya kalaqa sammuutti ittiin eegaman uumuuf pirojektichi faayidaa murteessaa qaba jedhan.
Baatiiwwan sagal darban maallaqni tiriiliyoona 1 tuqaa 2 ol karaa sirna kafaltii dijitaalaa raawwatameera
May 22, 2023 115
Caamsaa 14/2015(TOI)- Baatiiwwan sagal darban maallaqni tiriiliyoona 1 tuqaa 2 ol karaa sirna kafaltii dijitaalaa raawwatamuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa doktar Fitsum Asaffaa ibsan. Ministirittiin raawwii karooraa baatii sagalii kan bara 2015 de’eetaa ministirootaa, miseensota mana maree fi hooggantoota dhaabbileef wayita dhiheessanitti, mootummaan dinagdee hunda hamate ijaaruuf faayinaansii dijitaalaarratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeraniiru. Haala Kanaan imaammataa fi hojmaataan xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru eeranii, fayyadamtoonni teeknooloojii moobaayiliin maallaqa dabarsan miiliyoona 60 ol akka gahan dubbataniiruy. Haala Kanaan baatii sagal keessatti birriin tiriiliyoona 1 fi biiliyoona 220 ol kafaltii dijitaalaan raawwatamuu eeraniiru. Kunis bara 2014 yeroo walfakkaataatti maallaqa karaa dijitaalaa darbe birrii biiliyoona 454 tuqaa 31’n walbiratti yemmuu ilaalamu guddina dhibbantaa 169 galmeessisuusaa ibsaniiru. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu gamasaaniin, Itiyoophiyaa dijitaalaa ijaaruuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan. Deeggarsi boba’aa xiyyeeffannoon kennameef guutummaatti sirna teeknooloojii keessa galuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Sirna taaksiis kafaltii elektirooniiksii keessa galchuun eegalamuusaa dubbataniiru. Dinagdeen biyyattii caalaatti hawaasa fayyadamaa akka taasisu bu’urri misoomaa telekoomii diriirsuun qaqqabiinsa tajaajila faayinaansii bal’isuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Baayi’na namoota intarneetii fayyadamanii dabaluuf hojjetamaa akka jiru kaasaniiru. Qaqqabiinsa walitti hidhiinsa intarpiraayizootaa fi dhaabbilee fi gama fayyadamtootaan qaqqabiinsa biroodbaandii bal’isuuf hojii hojjetameen guddinni dhibbantaa 19 galmaa’uusaa eeraniiru. Fuulduras dinagdee dijitaalaa fi faayinaansii hunda hamate mirkaneessuuf hojiirra oolmaa bifa tokko qabu, qindaa’ee fi to’annaan irratti taasifamu jiraachuu akka qabu ibsaniiru.
'Ogeeyyiin kalaqaa rakkoo isaan mudatuun osoo hin gufatiin hojiiwwan bu'aa irratti xiyyeeffataniin hojjechuun milkaa'ina misoomaa fi badhaadhina Itoophiyaaf carraaquu qabu'
May 22, 2023 117
Caamsaa 14/2015(TOI) - mINISTIRRI Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ogeeyyiin kalaqaa rakkoo isaan mudatuuf osoo hin jilbeeffatiin hojiiwwan bu’aa irratti xiyyeeffataniin hojjechuun milkaa’ina misoomaa fi badhaadhina Itoophiyaatiif carraaquu qabu jedhan. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Dorgommii kalaqaa Biyyaalessaa 3ffaa ifatti bananiiru. Dorgommicha mata duree ''kalaqa dorgommiif'' jedhuun kan qopheessee Ministira Hojjii fi ogummaan yoo ta'uu dorgommiin kun guyyoota shaniif kan turudha jedhameera. Waltajjii dorgommii kanarratti agarsiisni hojii kalaqaa, marii paanaalii fi sagantaalee biroo kan dhihaatan ta'uunis himameera. Dorgommiin kun gahumsa dargaggoota ogummaa fi dandeettii qaban agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'uu Ministirri Muummee himaniiru. Itoophiyaan akka badhaatuuf, dameewwan hunda ammayyeessuuf kalaqaan barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Itoophiyaa keessa dameen hundarratti rakkoon galtee waan hin jirreef galteewwaan jira kanarratti kalaqaa fi dandeettii dabaluun barbaachisaadha jedhaniiru. Kalaqni kan jiru kan balleessu, gahumsa kan barbaadu fi rakkoo kan hiiku waan ta'eef kalaqa gama hundaanuu dafnee ofitti fudhachuu qabna jedhaniiru. Ogeeyyiin kalqaa rakkoo isaan mudatuun osoo hin gufatiin rakkoo isaan mudatu bu'uura godhachuun akka carraatti itti fayyadamanii Hojii bu'aa irratti xiyyeeffate hojjechuurratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru. Hojiiwwan kalaqaa guyyaa sanatti mul’atan keessatti kalaqa abdachiisaa guddaa akka arge dubbataniiru.
Ispoortii
Taphoonni xumuraa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’a nitaphatamu
May 23, 2023 119
Caamsaa 15/2015(TOI)- Taphoonni xumuraa Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaa har’a Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Akkaataa sagantaa kanaatiin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti magaalaan Hawaasaa Madin Itiyoophiyaa waliin nitaphatu. Magaalaan Hawaasaa qabxii 33’n sadarkaa 8ffaarratti yemmuu argamu, Madin Itiyoophiyaan qabxii 44’n sadarkaa 2ffaarratti argama. Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen homaa hinmo’anne . Al lma mo’amee, al lama mo’ameera, sadii ammoo walqixa baheera. Gama biraatiin Madin Itiyoophiyaan taphoota shan kanaan dura taphateen lama mo’atee lamaan mo’amee al tokko qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii malee walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Taphoonni xumuraa sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa 25faa kan biraan Itiyoo elektiriikii fi Machaal jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti nitaphatama. Itiyoo elektiriik qabxii 11’n sadarkaa xumuraa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarratti argama. Machaal ammoo qabxii 32’n sadarkaa 11ffaarra jira. Itiyoo elektiriik taphoota shan walitti aanan taphateen homaa hinmo’annee. Afur mo’amee tokkoon walqixa baheera. Morkataansaa Machaal taphoota shan walitti aanan taphateen al sadii mo’atee, al lama mo’ameera. Itiyoo elektiriik tapha har’aatiin yoo mo’ame ykn walqixa yoo bahe piriimer liigiirraa gadi bu’uusaa kan mirkaneeffate kilaba lammaffaa nita’a. Lagaxaafoo Lagadaadhii dhihoo kana Piriimer liigiirraa gadi bu’uunsaa niyaadatama. Kilaboonni lamaan taphni marsaa jalqabaa taasisan qabxii tokkoo fi tokkoon walqixa xumuramuunsaa nibeekama. Haala walfakkaatuun taphoota torbee 25ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Sidaamaa Faasiil Kanamaa goolii 1 fi 0’n akkasumasa magaalaan Dirreedawaa magaalaa Walqixxee goolii 2 fi 1’n mo’ateera.
Taphoonni Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’as nitaphatau
May 22, 2023 100
Caamsaa 14/2015 (TOI) – Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaan oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Faasiil Kanamaan Buna Sidaamaa waliin nitaphatu. Faasiil Kanamaan qabxii 37’n sadarkaa shanaffaa akkasumas Bunni Sidaamaa qabxii 30’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen sadii mo’atee tokko mo’amee al tokko walqixa baheera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota shan keessaa sadii mo’atee lama mo’ameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Faasiil Kanamaan goolii 4 fi 2’n mo’achuunsaa niyaadatama. Sagantaa Piriimer liigii Beetkiingii Itihioophiyaa torbee 25ffaa kan biraatiin magaalaan Walqixxee galgala sa’aatii 12tti magaalaa Dirreedawaa waliin nitaphatu. Magaalaan Walqixxee qabxii 29’n sadarkaa 13ffaarratti yemmuu argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa darbe shan taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’amee al lama qabxii qooddateera. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota shan darbaniin al lama mo’atee sadii mo’atameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama. Haala wal fakkaatuun piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Bahaardaar akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Walaayittaa Diichaa goolii Walfakkaataa 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’aa kaasee nitaphatamu
May 20, 2023 145
Caamsaa 12/ 2015 (TOI) – Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin nijalqabama. Magaalaan Adaamaa magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu. Magaalaan Adaamaa qaxii 32’n sadarkaa 8ffaa akkasumas magaalaan Arbaa Minci qabxii 25niin sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadu bu’aa keessatti argama. Magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii walitti aansee taphate shaniin lama mo’atee, tokkoon mo’amee, al lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Arbaa Miinci taphoota shan taphateen homaa hinmo’anne. Al tokko mo’ateera, al afur ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin magaalaan Arbaa Minci goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama. Taphni piriimer liigii beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa marsaa lammaffaa buna Itiyoophiyaa fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti taphatama. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 34’n sadarkaa 5ffaa akkasumas Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa isa dhumaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarratti argama. Bunni Itiyoophiyaa taphoota shaman darban taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’ameera. Al lama ammoo Walqixa baheera. Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota shan taasiseen homaa hinmo’anne. Afuriin mo’atee altokko ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii 2 fi 2 walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Bunni Itiyoophiyaa Lagaxaafoo Lagadaadhii mo’atee magaalaan Arbaa Minci magaalaa Adaamaa yoo mo’ate Lagaxaafoo Lagadaadhii taphni shan osoo hafuu kilaba piriimer liigiirra bu’u kan jalqabaa ta’a. Sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa amma Caamsaa 15 bara 2015tti nitura.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 52ffaa boru xumurama
May 20, 2023 114
Caamsaa 12/2015 (TOI) - Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 52ffaa boru xumurama Shaampiyoonaan kun Caamsaa 8 bara 2015 irraa kaasee akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti adeemsifamaa jira. Dorgommii kanarratti atileetonni dhiiraa 743 akkasumas atileetonni dubaraa 527 walumaa gala atileetonni kuma 1 fi 270 hirmaachaa akka jiran federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Atileetonni kunneen naannolee fi bulchiinsota magaalaa, kilabootaa fi dhaabbilee addaddaarraa kan walitti babahan tahuun ibsameera. Kaayyoon shaampiyoonaa kanaa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 19ffaa baatii Hagayyaa bara 2015 Haangaarii Budaapeestitti adeemsifamuuf atileetonni gahumsasaanii akka madaalanii fi atileetota naannolee, bulchiinsota magaalaa, kilabootaa fi jiddugaleessota leenjiitti argamaniif carraa dorgommii uumuu akkasumas atileetota bakka bu’uu danda’an horachuu ta’uun beekameera. Federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksii kanaaf bajata birrii miiliyoona 2 fi kuma 700 ol ramaduunsaa eerameera. Kana keessaa birriin kuma 541 badhaasa dorgomtootaak kennamu ta’uu beeksiseera. Shaampiyoonaa Kanaan har’aa fi boru dorgommiiwwan calallii fi xumuraa nitaasifamu. Shaampiyoonaan atileetiksii Itiyoophiyaa bara 1963 irraa kaasee dorgomamaa jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’eera-Biiroo qonnaa naannichaa
May 25, 2023 74
Caamsaa 17/2015 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’uusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Eliyaas Kadir, sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaaf naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 ol dhaabamuusaanii dubbataniiru. Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman madaallii naannawaa eeguun hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii fooyyessuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 tuqaa 9 qophaa’uusaa eeranii, biqiltuuwwan fuduraaf xiyyeeffannoon kennamee qophiin taasifamaa akka ture dubbataniiru. Bakka biqiltuun dhaabamu filachuu fi qophiin boollaa dursee jalqabamuusaa ibsaniiru. Waggoottan arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 13 tuqaa 6 dhaabamuu eeranii, kana keessaa dhibbantaan 88 tuqaa 6 qabateera jedhan. Yuunivarsiitii Haroomayaa waliin ta’uun baatii bonaa sululoota kuma 6 fi 450 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamuusaa dabalanii ibsaniiru. Kana malees lafti heektaarri kuma 500 ol kan qullaatti hafe tuttuqaan ala taasisuun akka danda’ame Waxabajjii 15 bara 2015 irraa kaasee sadarkaa naannootti sagantaan ashaaraa magariisaa akka adeemsifamu eeranii, kanaafis kutaalee hawaasaa hedduu tola ooltummaan hirmaachisuuf haaldureen xumuramuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin sadarkaa biyyaalessaatti qophiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 taasifamaa akka jiru ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisuunsaanii niyaadatama.
Fooramiin raaga haala qilleensaa Afriikaa bahaa 64ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jira
May 24, 2023 87
Caamsaa 16/2015(TOI)- Fooramiin raaga haala qilleensaa Afriikaa bahaa 64ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jira. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa jiddu galeessa raga qilleensaa ‘IGAD’ waliin ta’uun fooramii kana qopheessaniiru. Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa, daarektara itti aanaa inistiitiyuutii meetirooloojii Itiyoophiyaa Kinfee Hayilamaaram dabalatee miseensonni biyya ‘IGAD’ fi qooda fudhattoonni damee kanaa baniinsa fooramii kanarratti argamaniiru. Fooramiin waggaatti al sadii adeemsifamu kanarratti barreeffamoonni qorannoo jijjiirama haala qilleensaarratti xiyyeeffatan, mariin paanaalii ni adeemsifamu. Fooramiin kun saayintistoota,qorattoota, fayyadamtoota damee hawaasummaa fi dinagdee, dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa, deeggartoota misoomaa, kanneen murtee kennan, dhaabbilee miidiyaa fi dhaabbilee hawaasa hawaasa siviilii ofjalatti qabateera. Fooramichi biyyoonni miseensotaa balaa sababa jijjiirama haala qilleensaan mudachuu danda’an hojmaata qindoominaa raga qilleensaatiin dursanii hojjechuuf akka gargaaru ibsameera. Fooramiin raaga jjjiirama haala qilleensaa Afriikaa Bahaa 64ffaa sadarkaa ogeessotaan guyyoota lamaan darban adeemsifamaa ture mariihooggantoota olaanoo har’a adeemsifamuun nixumurama.
Balaa uumamaa ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame.
May 23, 2023 102
Caamsaa 15/2015 (TOI): Balaa uumamaa sababa jijjiirama qilleensaatiin mudatan ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame. Yaa'ii Kongireesii Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaa Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaataa kan jira Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii doktar Abrihaam Addunyaa jijjiiramni qilleensaa balaa uumamaa kanneen akka hongee, lolaa, ibidda bosona, fi sigiga lafaa fiduu rakkoo dinagdeefi hawaasumma cimaan akka umamu sababa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaatti Kibbaafi Kibba bahaatti akkasuma biyyoota ollaatti hongeen walitti aansee waggoota shaniif ture namootaafi qabeenyaarraan miidhaa guddaa geesisuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Balaawwaan tasaa ittisuuf sirna akeekkachiisaa dursaa diriirsuun cinaatti eegumsafi kununsaa naannoof xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu eeranii, hojiin ashaaraa magariisaa Itoophiyaan hojjechaa jirtu akka fakkeenyaatti fudhatamuu qaba jedhaniiru. Sirna akeekkachiisa dursaa cimaa diriirsuu fi odeeffannoo dafanii kennuunis rakkoolee jijjiirama qilleensaatiin mudatu furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis sirni akeekkachiisa dursaa hordoffii fi to’annoo haayidiroo-meetirooloojikaalaa cimaa, bu’uuraalee misoomaa fi qindoomina qooda fudhattoota damichaa akka barbaadu ibsaniiru. Odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa Ministeera Bishaanii fi Inarjii irraa argame akka mul’isutti, Kongireessiin Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaan Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru guyyoota 10 dhufaniif itti fufa.
Sagantaa Ashaaraa Magarriisaa Baranaatiin Biqiltuu Biiliyoona 6 tuqaa 5 Dhaabuuf Qophiin Taasifamaa Jira-Ministira muummee Abiyyi Ahimad
May 23, 2023 112
Caamsaa 15/2015(TOI)- Sagantaa Ashaaraa Magarriisaa Baranaatiin Biqiltuu Biiliyoona 6 tuqaa 5 Dhaabuuf Qophiin Taasifamaa Akka Jiru Ministira muummee Abiyyi Ahimad Ibsan. Sagantaa waggaa shanaffaaf gaggeeffamaa jiru Kanaan sanyiiwwan biqiltuu kuduraa baay’inaan akka dhaabaman ministirri muummee Abiyyi Ahimad odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti baasaniin ibsaniiru. Waggoota arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabamuunsaanii niyaadatama.
Gabaasa addaa
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 31
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.
Hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf
May 14, 2023 169
Caamsaa 6/ 2015 (TOI)፦ Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf jedhan. Aadde Adaanech sirni kabaja guyyaa ittisa balaa tasaafi ibiddaa Finfinneetti kabajamaa jirurratti Waggoota lamaan darban balaa tasaafi ibiddaa ittisuuf xiyyeeffannoon kennamee, dhaabbata ammayyaa humna namaafi sirna cimaa qabu guddina magaalichaa waliin kan deemu meeshaalee galteef oolan gahaa akka qabaatu xiyyeeffannoon hojjetameera jedhaniiru. Guyyaan ittisa balaa tasaafi Ibiddaa akka idil addunyaatti yeroo 24ffaaf akka Itoophiyaatti immoo yeroo 2ffaaf Finfinneetti kabajamuu ragaan miidiyaa hawaasummaa waajjira kantiibaa magaalichaarra argame ni mul'isa.