“Akka irra hin deebi’amne yeroo kamiyyuu ni yaadanna” –Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizii Kaabaa - ENA Afaan Oromoo
“Akka irra hin deebi’amne yeroo kamiyyuu ni yaadanna” –Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizii Kaabaa
Onkololessa 24/2019(ENA) : “Akka irra hin deebi’amne yeroo hunda ni yaadanna” mata duree jedhuun Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizii Koorii Kaabaa guyyicha kabajani.
Iiziin Koorii Kaabaa gantummaa fi yakki sukaneessaa lammii isaan kan irratti raawwatame waggaa 6ffaan sagantaalee adda addaan miseensonni Koorii Raayyaa argamanitti kabajamaa jira.
Sirni kabaja yaadannoo kanaas ‘’Akka irra hin deebi’amneef yeroo hunda ni yaadanna jechuun kabajamaa jira’’.
Saganticha irratti kan argaman Ajajaan Koorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Jeneraal Mulaawuu Bayyanaa akka himanitti, Raayyaan kun waggoota 20 oliif Raayyaa daangaa tiksuu fi biyya misoomsuuf itti gaafatamaa ture ta’uu yaadachuun, faallaa kanaatiin gochi Ajaja Kaabaa irratti raawwatame akka irra hin deebi’amne yaadachuun barbaachisaa dha jedhani.
Sagantaan yaadannoo waggaa waggaan taasifamu kuni gootonni wareegama kaffalaniin akka yaadatamanii fi kabajamuuf gargaaruu qofa osoo hin taane, Raayyaa ittisaa Biyyaa amanamaa fi gootummaa uumuuf gumaacha guddaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Hoggantoonni Raayyaa ittisa biyyaa gama isaaniitiin gochi gara jabinaa miseensota iizii Kaabaa irratti Onkoloolessa 24, 2013 raawwatame, dhalootaan waggaa waggaan yaadatamuu fi irraa baratamuu akka qabu, akkasumas jibba caalaa jaalalaaf dursa kennuu akka qabamu, akka lammata irra hin deebi’amne ta’uu eeraniiru.
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
#Mootummaa Ida’amuu