Naannoo Tigraayitti har’aa eegalee hojjettootaaf mindaan ni kaffalama - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Tigraayitti har’aa eegalee hojjettootaaf mindaan ni kaffalama
Onkoloolessa 24/2019 (ENA)- Naannoo Tigraayitti nagaa fi tasgabbiin guyya guyyaatti mirkanaa’aa dhufuusaafii namoonni yaaddoo malee akkuma kanaan duraa jireenya dinagdee fi hawaasummaa bilisummaan gaggeessuu haalli itti danda’an uumamuun ibsame.
Bulchiinsi imaanaa naannicha bakkeewwan hunda qaqqabuun nagaa fi tasgabbii bu’uraa buusuun dhaabbileen humna guutuun akka tajaajilan gochuuf hojiin hojjetame milkaa’inaan itti fufaa jira.
Qindeessaan garee gurmeessaa hooggansa imaanaa Birhaanee Gabratsaadiq akka ibsanitti, nagaa fi bilisummaa hawaasni argate kana itti fufsiisuuf hoggansa jijjiiramaa fi mootummaa waliin kutannoo olaanaan hojjechaa jira.
Filannoo kallattii fi bilisaa ummataatiin hojii hojjetamaa jiruun hoggansa imaanaa amma caasaa gadiitti dhibbantaan 60 xumuramuusaa qindeessaan kun mirkaneessaniiru.
Yeroo ammaa Baankiin, dhaabbileen daldalaa fi waajjiraaleen mootummaa gara tajaajilaatti galaniiru.
Kanaan wal qabatee bulachiinsa imaanaatti qindeessaan dame dinagdee Dr. Tewoodiroos Aragaayi akka ibsanitti, hojjettoota mootummaaf mindaan akka kaffalamu tattaaffii taasifameen har’a irraa eegalee midaa kaffaluun ni eegalama jedhaniiru.
Ummanni Tigraayi nagaa fi tasgabbiin naannichaa amansiisaa ta’ee akka itti fufu deeggarsa hunda galeessa fi kutannoo agarsiise cimsee akka itti fufu bulchiinsi imaanaa dhaameera.