Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaan Aanaa Andoodeetti sagantaan facaasaa Qamadii jallisii eegalchiifame

Onkololessa 24/2019(ENA) : Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaan Aanaa Andoodeetti sagantaan facaasaa Qamadii jallisii eegalchiifamera.


 

Mootummaan cehumsa dinagdee damee Qonnaa mirkaneessuun Badhaadhina hunda-galeessaafi imala karoora of-danda'uu galmaan gahuuf hojiiwwan gargaaran tarsiimoon masakuun hojjechaa jira.
Kanaanis Qonna Aadaa amma dura ture gara ammayyaatti ceesisuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.


Mootummaan Naannoo Oromiyaas horataalee karoora xiiqiin argaman ittifufsiisuuf karoora of-danda'uu diriirsuun hojjechaa kan jiru yoo ta'u, kana galmaan gahuufis carraawwaniifi poteenshaalaa Oomishtummaa guddisuuf dandeessisan fayyadamuun hojjetamaa jira.



Keessumattuu imala karoora of-danda'uu gama wabi midhaan nyaataan dhugoomsuuf Ganna roobaan,Bona ammoo jallisii makanaayizeeshinii tekinooloojii qonnaatti fayyadamuun Oomishaafi Oomishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu'aawwan jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiran argamaa jiru.


Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaan Aanaa Andoodeetti facaasaan Qamadii jallisii Bonee eegalchiifameera jechuun Tajaajilli Komunikeeshinii magaalaa Shaggar ibseera.

Facaasaa Qamadii jallisii Bonee kana irratti kantiibaa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa dabalatee hoggantoonni garagaraa argamaniiru.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

#Mootummaa Ida’amuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015