Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa yaaii hatattamaa gaggeessuun muudamoota adda addaa fi wixinee dambii mirkaseeseera


 

Onkoloolessa 24/2019 (ENA): Manni Maree bulchiinsichaa bara hojii 4ffaa Waggaa 1ffaa yaa'ii hatattamaa jalqabaa isaatiin muudamoota adda addaa fi wixinee dambii raggaasisuun xumureera.


 

Mani marichaa yaa'ii hatattamaa har'a gaggeesseen muudama adda addaa raggaasiseera.

Haaluma Kanaan Aadde Karimaa Alii:walitti qabduu Koree dhaabbii seeraa, haqaa fi bulchiinsa gaarii mana marichaa

Aadde Sa'adaa Awwalee walitti qabduu Koree dhaabbii qonnaa, qabeenya uamaa fi eegumsa naannoo

Aadde Misraa Abdallaa walitti qabduu Koree dhaabbii dubartoota fi dargaggoo ta'uun,

Obbo Biqilaa Taaddasaa Itti gaaftamaa Wajjira Mana Marichaa ta'uun muudamaniiru.

Yaa'ichis dabalataan muudama Itti Aantoota fi Miseensota raggaasiseera.

Kana malees, Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Obbo Abdullaahii Aaddamitiin muudama Abbootii seeraa miseensota shanii dhihaatan Manni maree kun mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015