Tamsaasa Kallatti:

Walga'ii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa Finfinneetti gaggeeffamuuf qophiin taasifameera - Ministeera Fayyaa

‎ Onkoloolessa 24/2019 (ENA)-- Walga'ii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa magaala Finfinneetti gaggeeffamuuf qophiin taasifamuu isaa Ministeera Fayyaa ibse.

Walga'iin Idil-addunyaa 5ffaa Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Sadaasa 14 - 18/2019 Finfinneetti akka gaggeeffamuu ni beekama.


 

Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Itoophiyaan walga'iicha gaggeessuuf qophii gahaa taasisuu ibsaniiru.

Walga'iin kun tumsa fayyaa biyyoota Afrikaa cimsuu, rakkoolee fayyaa waliinii irratti mari'achuu, oomishaalee fayyaa biyya keessaa guddisuu, dijitaalaayizeeshinii fi tuurizimii fayyaa babal'isuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.

Daayirektarri Olaanaa Giddu Gala to’annoofi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa Doktar Jiyaan Kaasiyaan gama isaaniin, Mootummaan Itoophiyaa qophii milkaa’ina walga'ichaaf taasiseef galateeffataniiru.

Walga'icha irratti barruuleen qorannoo saayinsii Kuma tokko ol akka dhiyaatan eegama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015