Tamsaasa Kallatti:

Akka irra hin deebi’amneef yeroo hunda ni yaadanna!

 

Guyyoonni tokko tokko ni jiru; lammiileen imimmaaniin guyyittii kan yaadatu, wanti akkanaas lammaffaa akka hin deebine kan hawwu. Guyyoonni sukanessaan dhala namaa mudatan seenaa keessatti mul’achuu malanis garuu dogongora akkasii kana irraa immoo dhaloonni akka baratuuf yaadachuun barbaachisaadha.

Guyyoonni kunniin onnee lammiilee keessatti yaadannoo addaa fi godaannsa kaahanii hafanis, seenaan barabaraan isaan yaadata.

Onkololessa 24 bara 2013 guyyaa kana gootonni waggootaaf ummata isaanii tiksaa fi gaachana ta’aafii turan qaama itti amananiin ganamanii miseensonni raayyaa ittisaa kabaja biyyaa fi ummataaf dhaabbatan diina fuuldura isaan tiksaa tureen osoo hin taane, qaama isaan lammiikoo jedhanii abdatanii fi diina irraa eegaa turan duubaan isaan gane.

Raayyaa kabajaa fi ulfina biyyaa ta’ee lubbuu isaa tokkittii osoo hin mararfatiin lammiisaaf aarsaa kaffalu duubaan ganame.

Nageenyi ummataa akka eegamu, lammiileen bilisaan seenuu fi ba’uu, biyyi nagaan jiraachuu akka danda’uuf nageenya ofii osoo hin miidhin lubbuu ofii balaaf saaxiluun gootota ummata tiksanidha guyyaa har’aa kan ganame.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Itoophiyaa bosona keessatti jireenya isaanii gaggeessanii eegduu biyyaa ta’an, seenaa kunuunsuun diinota irraa birmadummaa biyyaa eegsisan fakkeenya gootummaati.

Gootota kana kan walitti fide jaalala biyyaaf qaban, alaabaa irratti boonanii, waadaa Itoophiyaaf galan dha. Loltoonni biyya tokkotti amanan, kan Itoophiyaa ta’anii mana waloo keessa jiraatan, guyyaa sana gantummaa hamaan isaan mudate.

Onkololessa 24, 2013, guyyaa lammiileen Itoophiyaa oduu garaa nama nyaatu dhaga’anii, haadholiin du’a gaddisiisaa ijoollee isaaniitiin gadda itti boo’anii, biyyi ganamte ta’uun seenaa keessatti galmaa’ee jira.

Haa ta’u malee, gootonni ganaman gaddaafi abdii kutannaa jalatti hin kufne. Biyya isaaniif kutannoo qabaniifi birmadummaa isheef amantaa cimaa qaban irratti hundaa’uun tokkummaafi miira jaalala biyyaan ka’ani.

Gantummaa fi rakkina keessa jiraatanis dirqama biyya isaaniif qaban hin dhiisne; cimina isaanii mirkaneessanii dandeettii waraanaa fi gootummaan seenaa hojjetan.

Gantummaa balaaleffachuu, wareegama waraanaa kabajuuf, walitti dhufeenya ummataa fi Raayyaa ittisaa gidduu jiru cimsuuf, seenaa irraa barachuun akka inni irra hin deebi’amne ni yaadanna. Seenaan gantummaa akkasii akka irra hin deebi’amneef yoomiyyuu ni yaadanna!

Raayyaa Ittisa FDRI Onkololessa 24, 2019

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

#Mootummaa Ida’amuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015