Bara kana qonna gannaarraaoomisha fooyya’aa ni abdanna – Qonnaan bultoota - ENA Afaan Oromoo
Bara kana qonna gannaarraaoomisha fooyya’aa ni abdanna – Qonnaan bultoota
Onkololeessa 24/2019 (ENA) – Qonnaan bultoonni godina Kibba Baha Oromiyaa aanaalee Heexosaa fi Xiyyoo jiraatan, bara kana teeknooloojii fooyya’aa fi mala hojii haaraa fayyadamuun waan facaasa raawwataniif oomisha fooyya’aa akka abdatan ibsan.
Aanaaleen Heexosaa fi Xiyyo godina Kibba Baha Oromiyaa keessatti argaman, wiirtuuwwan oomisha midhaanii gurguddoo wabii nyaataa biyya keenyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaban keessaa tokko ta’uun beekamu.
Bara oomishaa kana qonnaan bultoonni teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa fi mala hojii haaraa bara darbe caalaa fooyya’aa ta’een hojii irra oolchaniiru. Kanaafis oomisha fooyya’aa akka abdatan dubbatu.
Qonnaan bulaan aanaa Heexosaa, ganda Odaa Jiilaa jiraataa Obbo Bookii Dinqaa ENA’f yaada kennaniin, qonnaan bultoota biroo waliin kilaastaraan lafa misoomsuu fi lafa heektaara tokko irratti sanyii filatamaa qamadii facaafachuu isaanii ibsaniiru.
Haalli midhaan isaanii gaarii waan ta’eef heektaara tokko irraa kuntaala 60 akka abdatan eegaa jiru.
Maashina qonnaa fayyadamuu, gorsa ogeessotaa hordofuu fi sararaan facaasuun oomishni isaanii haala gaariirra akka jiru dubbataniiru.
Jiraataan aanaa heexosaa ganda odaa jiilaa qonnaan bulaan Nagash Laamaa immoo wagga waggaan sanyiiwwan qamadii filatamoo fayyadamuun oomisha isaanii guddisuu akka danda’an ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan haaraa fayyadamuun muuxannoo fi dandeettii isaanii akka fooyyeffatanis dubbataniiru.
Jiraataan aanaa Xiyyo ganda Odaa Dawwaataa qonnaan bulaan Goosaa Namoo sanyii filatamaa fayyadamuun qonna kilaastaraan lafa isaanii misoomsuu ibsaniiru.
Midhaan isaanii gahaa waan jiruuf maashina haamaa (Kombaayinar) fayyadamuun sassaabuuf qophii ta’uu fi hanqinni maashinaa akka isaan hin mudanneef dursee qophii gochaa akka jiran dubbataniiru.
Itti gaafatamaan itti aanaa waajjira qonnaa godina Kibba Baha Oromiyaa Obbo Ibraahim Qaaso, bara oomishaa kana godinichatti lafti heektaara miliyoona 2 tuqaa 5 ol ta’u midhaan gurguddoon misoomeera jedhaniiru.
Oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, akkasumas wabii nyaataa waaraa mirkaneessuuf sanyii filatamaa, xaa’oo albuudaa fi uumamaa, teeknooloojiiwwan haaraa, gorsa ogeessotaa fi deeggarsa misooma qonnaa bal’inaan fayyadamuu isaanii ibsaniiru.
Kanaafis haalli guddina midhaan gurguddoo bara kanaa fooyya’aa ta’uu ibsanii, bara oomishaa 2018/19 godina Kibba Baha Oromiyaa keessatti lafa rooba gannaan misoome irraa oomishni kuntaala miliyoona 96 tuqaa 8 ol akka eegamu beeksisaniiru.