Gantoota Seenaan hin dagannee fi Cichoomina boonsaa Itoophiyaanotaa! - ENA Afaan Oromoo
Gantoota Seenaan hin dagannee fi Cichoomina boonsaa Itoophiyaanotaa!
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, birmadummaa biyyaa eeguu bira darbee, misooma irratti hirmaachuunii fi tajaajila hawaasummaa kennuun, raayyaa aantummaa uummataa qabu ta’uu isaa gochaan kan mirkaneesse dha. Raayyaa gootaa fi uummataa ta’e kanaaf, kabajaa fi galata kennuun kan maluuf ta’ee osoo jiruu,gantummaan gocha gaddisiisaa dha. Onkololeessa 24 bara 2013 gantummaan irratti raawwatame gantummaa seenaan hin irraanfanne dha.
Haata’u malee guyyaan har’a Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa birmadummaa biyyaa eeguuf halkanii fi guyyaa dachaa fi gaara bu’ee bahaa utuu jiruu gantuudhaan gantummaa seenaan hin dagatamne kan irratti raawwatamee fi cichoominaan bira darbe guyyaa itti yaadatamu ta’uunsaa ni beekama.
Guyyaan kun yoo yaadatamu, raayyaa waggoota dhibbotaaf nagaa uummataa, dangaa biyyaa fi hojii misoomaa gargaaraa ture irratti, gantuu keessaatiin gochi farrummaa fi gantummaan seenaan hin daganne raawwatamuun isaa kan yaadatamu dha.
Gochi guyyaa sana raawwatame hammeenyummaa fi gocha farrummaa jedhamuun danda’amu ture. Kanaafuu, Rayyaan Ittisa Biyyaa kabajaa fi birmadummaa biyyaaf, akkasumas jaalala fi kabajaa lammiitiif jecha aarsaa kaffale yoomiyyuu hin irraanfatamu.
Uummanni Itoophiyaa gocha farrummaa kana balaaleffachuun, raayyaa cinaa dhaabbatee, rayyaan ittisa biyyaa utubaa biyyaati jedhee, deeggarsa isaa gochaan agarsiiseera. Uummanni gocha gantummaa kanaan gadduu fi aarun, garee badisaa kanatti duuluun qolachuu danda’eera.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad uffata waraanaa uffatanii gara adda waraatti bobba’uun biyya badisarraa oolchan isaanii qaama mudannoo seenaa kanaati.
Haata’u malee Onkololessa 24 yoo yaadannu, miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi lammiilee guyyaa sana dhumaniif kabajaa kennuun, gantummaan akkasii karoora biyya diiguu ta’uu isaa dhalootni beekaa akka deemu gochuu dha. Rayyaa ittisa biyyaaf kabajaa fi jaalala kennuun, hundi keenya ittigaafatamummaa keenyaa ba’uu qabna.