Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Inishiyeetiiviin Taayilaandi-Afriikaa walta’iinsa faayidaa waloo irratti hundaa’e cimsuu irratti boqonnaa haaraa bana.
Aug 28, 2026 57
Hagayya 22/2018(ENA): Taayilaandi Hariiroo Afrikaa Waliin Qabdu Gara Sadarkaa Olaanaatti Guddisuuf Sirna Tumsa Haaraa Finfinneetti Beeksifteetti. Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi, Sihaasaak Fahaangikeewu, waltajjicharratti haaswaaa taasisaniin, Taayilaandi hariiroo bal’aa Afrikaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf sirna tumsa haaraa beeksisuu ibsaniiru. Ministirichi daawwannaa hojii taasisan keessatti biyyootni ijoo daawwatan keessaa Itoophiyaa fi Naayijeeriyaa ta’uu ibsaniiru. Sirni tumsa haaraan kun dhimmoota ijoo 4 irratti kan hundaa’e yoo ta’u, keessumaa Gamtaa Afrikaa (AU) fi Hawaasa Diinagdee Biyyoota Lixa Afrikaa (ECOWAS) waliin tumsa dhaabbilee gidduutti jiru caalmaatti cimsuuf kan xiyyeeffatedha. Dabalataanis, Naannawaa Daldalaa Bilisaa Afrikaa (AfCFTA) fi Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) gidduutti riqicha diinagdee cimaa uumuuf kan karoorfamedha. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis, ergamni daldalaa Taayilaandi Finfinneetti bakka bu’oota mootummaafi damee dhuunfaa Itoophiyaa waliin wal arguun, hariiroofi walitti dhufeenya hawaasa daldalaa biyyoota lamaanii cimsuuf marii ni gaggeessa jedhameera. Gama biraatiin, Taayilaandi tumsa Kibba-Kibbaa (South-South Cooperation) cimsuuf sagantaa hojii haaraa waggoota sadiif hojiirra oolu beeksifteetti. Sagantaan kun baajata Doolaara Ameerikaa Miliyoona 3 kan gaafatu yoo tahu irra caalaa qonna, wabii nyaataa fi ce’umsa teeknooloojii irratti xiyyeeffata. Akkasumas, biyyoota adda addaa Afrikaatti giddu galoota leenjii qonnaa hundeessuuf kan oolu ta’uu ibsameera. Taayilaandi bara 2028’tti Pirezidaantummaa Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) kan fudhattu yoo ta’u, yeroo sanatti ASEAN fi Gamtaa Afrikaa gidduutti tumsa damee hedduu jiru cimsuuf akka hojjetamu himameera. Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi, Sihaasaak Fahaangikeewu haasawaa taasisaniin keessumaa wabii nyaataa mirkaneessuu fi anniisaa dabalatee ce’umsa dijitaalaa caalmaatti cimsuuf akka hojjetamu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Masriin Itoophiyaaf gatii malu kaffaluu qabdi - Ambaasaaddar Shifarraaa Jaarsoo
Aug 28, 2026 87
Hagayya 22/2018 (ENA): Ministirri Qabeenya Bishaanii duraanii Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo akka jedhanitti, Masriin qabeenya bishaan laga Abbayyaa keessaa harka 86 qooda Itoophiyaaf gatii malu kaffaluu qabdi. Ityoophiyaan laga Abbayyaa fi laga gurguddoo biroo irratti hidha jallisii ijaaruun birmadummaa nyaataa waliigalaa mirkaneessuuf oomishtummaa qonnaa saffisiisuu akka qabdus Ambaasaaddar Shifarraan hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan sababa shira Masriitiin qabeenya uumamaa ishee jaarraa hedduuf osoo itti hin fayyadamiin turuu eeruun, Itoophiyaanonni shira sana cabsanii Hidha Haaromsa Itooohiyaa guddicha laga Abbayyaa irratti ijaaruun tokkummaa isaanii agarsiisaniiru jedhan. Yeroo ammaa kana humni ibsaa Hidha Haaromsa Guddichaa maddisiisu biyya qaxxaamuree eebba diinagdee naannoo uumuu danda’eera jedhan. Walitti hidhamiinsi anniisaa naannoo Hidha Haaromsa Guddichaan uumamees akka mallattoo ida’amuu dinagdee ardiilee mul’ata Itoophiyaan misooma waliinii Afrikaa ifatti ibse ta’ee galmaa’ee jira. Akka Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo, Ministirri Bishaanii Itoophiyaa duraanii, ENA waliin turtii taasisaniin himanitti; Itiyoophiyaan imaammata Masrii yeroo dheeraaf laga Abbayyaa to’achuu irraa kan ka’e laga Abbayyaatti fayyadamaa hin turre. Masriin yeroo dheeraaf diinummaa Itiyoophiyaa irratti babal’isaa akka turte eeranii; kanaanis Itiyoophiyaan bishaan Abbayyaatti fayyadamuu dhiisuun waggoota dabarsitee jirti jedhan. Kanumaan walqabatee Itiyoophiyaanonni Hidha Haaromsa Guddaa, madda humna elektiriikaa idil-addunyaa guddaa ta’e, hafuura tokkummaa biyyaalessaa fi Paan-Afrikaanummaatiin dhugoomsuu isaanii ibsaniiru. Hidhi Haaromsaa Guddichi hambaa seena qabeessa ta’ee, dandeettii Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti galmaan ga’uu agarsiise ta’uu hubachiisuun; biyyoota yaa’a gadiitti yaa’a bishaanii amanamaa ta’e kennuudhaan balaa lolaa fi gogiinsa hir’isaa jira jedhan. Walitti hidhamiinsi anniisaa Itiyoophiyaan Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan fi biyyoota naannichaa biroo waliin uumtes ida’amuu dinagdee naannoo fi ardiilee saffisiisuuf gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan laga Abbayyaa dabalatee laggeen daangaa ce’an biroo irratti hidha dabalataa ijaaruun humna ibsaa fi jallisii ishee daran guddisuu akka qabdu Ambaasaaddar Shifarraan hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha
Aug 28, 2026 103
Hagayya 22/2018 (ENA): Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Faatihii Mahiidii (PhD) himani. Hulaa Galaanaa dhimma jiruu fi nageenya Itiyoophiyaa, guddina dinagdee, akkasumas tumsa daldalaa naannoo fi idil-addunyaatiif iddoo guddaa qabudha. Itiyoophiyaan guddina diinagdee fi baay’ina ummataa saffisaa ta’e ilaalcha keessa galchuun, biyyattiin abbummaa seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa buufata galaanaa irratti qabdu waliin walitti araarsuuf dhimma yeroon kennamuu qabu miti jedhan. Gaaffiin tarsiimoo abbummaa buufata galaanaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannawaa tumsa irratti hundaa’e eeguun guddinaa fi badhaadhina waliinii fidu haala mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Akka qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti biyyoonni Galaanaan hin marfamne biyyoota buufata galaanaa irraa fayyadamoo ta’an waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan oomisha waliigalaa biyya keessaa hanga dhibbeentaa 25 akka mudatu eeraniiru. Daldalli Itiyoophiyaa galtee fi al-ergii keessaa dhibbeentaan 95 karaa buufata doonii tokkoon kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis maallaqa biyya alaa pirojektoota misoomaa biroof oolu danda’us kan dhangalaasu ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna daldala addunyaa keessatti dorgomtummaa galtee fi al-ergii hir’isuun industirii, invastimantii fi nageenya lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan buufata Galaanaa mataashee qabdu turte karaa seeraan alaa dhabde seera idil addunyaan deeffachuu qabdi jedhan. Kanas seerri idl addunyaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seerotni isaa tumaalee fi bu’uuraalee mirga biyyoonni Galaanaan hin marfamne hulaa galaanaa itti fayyadamuu deeggaran akka qaban eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Piriimer Liigii Ingiliziitiin Har’a Maanchastar Siitii fi Kiriistaal Paalaas ni taphaatu
Aug 28, 2026 53
Hagayya 22/2018 (ENA)-Sagantaan torbee lammaffaa Piriimer Liigii Ingilizii har’a ni jalqaba. Galgala sa’aatii 4tti, Kiriistaal Paalaas Maanchastar Siitiin waliin dirree Seelharist Paark irratti wal morkatu. Torbee jalqabaa keessatti Kiriistaal Paalaas Evartaniin goolii 2–0n mo’amee ture. Kanaaf, leenjisaan haaraan Kiriistaal Paalaas Piirii Saagee, hojii leenjisummaa isaa mo’amuudhaan jalqabe. Gama biraatiin, leenjisaan haaraan Maanchastar Siitii Eenzoo Maareskaa, tapha torbee jalqabaatiin gareen isaa Boornimawuuz 2–1n injiffannoon jalqabeera. Kilaboonni lamaan kun Piriimer Liigii keessatti yeroo 33ffaaf waliin taphatu. Walitti dhufiinsa isaanii tapha 32n darban keessatti, Maanchastar Siitiin yeroo 20 mo’ateera, Kiriistaal Paalaas yeroo 4 qofa injifateera. Taphoota 8 hafan irratti ammoo wal qixa bahaniiru. Maanchastar Siitiin taphoota kana keessatti goolii 75 galcheera; Kiriistaal Paalaas immoo goolii 28 galcheera. Kiriistaal Paalaas yeroo dhumaaf Maanchastar Siitii bara 2021 keessa Piriimer Liigii irratti mo’ate. Kanaaf, tapichi Maanchastar Siitiin oolanttummaa isaa walitti aansee galmeessisuuf, Kiriistaal Paalaas immoo qabxii sadii jalqabaa bara dorgommii haaraa kanaa argachuuf kan itti falmatan ta’a. Abbaan murtii Aandii Maadiley, umurii isaa waggaa 42tti, taphicha ni dursa. Sagantaan torbee lammaffaa Piriimer Liigii Ingilizii hanga Hagayya 25/2018tti itti fufa.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha
Aug 28, 2026 103
Hagayya 22/2018 (ENA): Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Faatihii Mahiidii (PhD) himani. Hulaa Galaanaa dhimma jiruu fi nageenya Itiyoophiyaa, guddina dinagdee, akkasumas tumsa daldalaa naannoo fi idil-addunyaatiif iddoo guddaa qabudha. Itiyoophiyaan guddina diinagdee fi baay’ina ummataa saffisaa ta’e ilaalcha keessa galchuun, biyyattiin abbummaa seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa buufata galaanaa irratti qabdu waliin walitti araarsuuf dhimma yeroon kennamuu qabu miti jedhan. Gaaffiin tarsiimoo abbummaa buufata galaanaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannawaa tumsa irratti hundaa’e eeguun guddinaa fi badhaadhina waliinii fidu haala mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Akka qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti biyyoonni Galaanaan hin marfamne biyyoota buufata galaanaa irraa fayyadamoo ta’an waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan oomisha waliigalaa biyya keessaa hanga dhibbeentaa 25 akka mudatu eeraniiru. Daldalli Itiyoophiyaa galtee fi al-ergii keessaa dhibbeentaan 95 karaa buufata doonii tokkoon kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis maallaqa biyya alaa pirojektoota misoomaa biroof oolu danda’us kan dhangalaasu ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna daldala addunyaa keessatti dorgomtummaa galtee fi al-ergii hir’isuun industirii, invastimantii fi nageenya lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan buufata Galaanaa mataashee qabdu turte karaa seeraan alaa dhabde seera idil addunyaan deeffachuu qabdi jedhan. Kanas seerri idl addunyaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seerotni isaa tumaalee fi bu’uuraalee mirga biyyoonni Galaanaan hin marfamne hulaa galaanaa itti fayyadamuu deeggaran akka qaban eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleesseera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Aug 27, 2026 228
Hagayya 21/2018 (ENA)- Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleessuun akka danda’ame Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan. Waltajjiina nageenyaa waloo komishinaroota poolisii Itiyoophiyaa fi hoggantoota nagaa fi tasgabbii gaggeeffamaa jira. Komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin bu’aaleen nageenya cimsan argamaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaan nagana akka gaggeeffamu, raayyaan poolisii, hoggantoonni bulchiinsaa fi nageenyaa, milishoonni, raayyaan ittisa biyyaa sadarkaan jiru waloomaan karoorsuun hojjechuusaaniitiin filannoon akka biyyattis ta’e sadarkaa addunyaatti fakkeenya ta’e karaa nagaa gaggeeffamuusaa dubbataniiru. Diinonni biyya keessaa fi biyya alaa Itiyoophiyaan rakkoo keessa akka turtu nagaashee booressuuf barbaadan walitti dhufuun shira hedduu akka karoorsan kan dubbatan komishinar Jeneraal Dammallaash, shiroota kana sadarkaa hundatti lubbuusaaniillee aarsaa gochuunii fi shira kana fashaleessuudhaan, nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuun sadarkaa har’a irra gahameef hojjetamuusaa dubbataniiru. Waltajjichi fuulduratti daba diinonni Itiyoophiyaa nagaa fi tasgabbii gufachiisuuf baandota biyya keessaa fi biyya alaa waliin walitti dhufanii hojjetan hunda fashaleessuuf, raayyaan ammallee qophii ta’uusaa kan itti mirkaneessuu fi ergama fuulduraaf kan itti of qopheessudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan bakka gahumsa turistootaa ta’uurra darbee biyya taateewwan Ardii fi idil addunyaa gurguddoon keessatti gaggeeffamu akka taate kaasaniiru. Taateewwan kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeeffaman raayyaan poolisii qaamolee nageenyaa biro waliin ta’uun ta’uun hojiilee gurguddoo hojjechaa akka jiru dabalanii ibsaniiru. Taateewwan biyyaalessaa fuulduraaf gaggeeffamaniif waliin mari’achuun, waliin karoorsuunii fi daba diinaa fashaleessaanagaan akka gaggeeffaman gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin har’aas hojii hojjetameen muuxannoo argamanii fi hanqinoota mudatan adda baasuun ergama fuulduraatiif gamanumaa qophaa’uuf kan karoorfame ta’uu dubbataniiru.
Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran gaggeessan
Aug 26, 2026 180
Hagayya 20/2018 (ENA): Pirezidaantiin Rippaabilika Dimokirataawaa Federaalaa Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran Jaangi Kaangi gaggeessaniiru. Sirna gaggeessaa Masaraa Mootummaa Biyyaalessatti raawwatame irratti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa argaman Jaangi Kaangi akka jedhanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa hundee seenaa cimaa irratti kan ijaarameta’uu ibsaniiru. Hariiroon gam-lameee biyyoota lamaan gidduu jiru dhimmoota tarsiimowaa irratti guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru. Keessattuu daawwannaa sadarkaa hoggantoota ol-aanaatti taasifamuun, walta'insa dinagdeetiin fi hariiroo ummataa fi ummataatiin guddinni jajjabeessaan galmeeffamuu isaa dubbataniiru. Waggottan Itoophiyaa keessa turanitti hariiroo biyyoota lamaanii gara sadarkaa ol-aanaatti ceessisuuf shoora olanaa taphachuu isaas ambaasaaddarichi ibsaniiru. Gara fuulduraattis hariiroo daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru guddisuuf, hirmaannaa dinagdee fi investimantii dhaabbilee Kooriyaa Kibbaa Itoophiyaa keessatti qaban cimsuun akka barbaachisu eeraniiru. Dabalataanis hariiroo ummataa fi ummataa akkasumas jijjiirraa aadaa ummatoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuun akka barbaachisu ambaasaaddarichi ibsaniiru. Michummaa seenaa qabeessaa fi cimaan biyyoota lamaan gidduu jiru gara fuulduraattis cimee akkaittifufu abdii qabaachuu saanii ibsuun, yeroo gaarii Itoophiyaa keessatti dabarsaniif galateeffataniiru.
Birmadummaa Biyyaa Kabachiisuuf Qophiidha –Eebbifamtoota Komandoo koorsii Tsinaat
Aug 24, 2026 867
Hagayya 18/2018 (ENA)- Leenjii argataniin dirqama biyyaa isaanitti kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf qophii ta'uu isaanii leenjitoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa irraa eebbifaman ibsan. Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa komaandoo bu'uuraa leenjii Tsinaat marsaa 45ffaatiif leenjise eebbisiiseera. Sagantaa eebbaa kana irratti kan argaman Itaamaajor Shuumiin Humnoota Waraanaa walii galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ergaa dabarsaniin; humni qilleensaa fi komaandoon dandeettii qaamaa, cichoomaa fi beekumsa waraana olaanaa isaatiin kallattii lolaa jijjiiramaa ta'uu isaa dubbataniiru. Eebbifamtoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat ENA waliin turtii taasisaniin; leenjii fudhataniin muuxannoo fi dandeettii waraana olaanaa horachuu isaanii ibsaniiru. Eebbifamtoota keessaa komaandoo bu'uuraa Abduulsalaam Siyyum; biyya malee ummanni, ummata malee biyyi adda bahanii ilaalamuu akka hin dandeenye dubbateera. Birmadummaan biyyaa eegamee akka turuuf waraana irraa waan baay'een akka eegamu ibsuun biyya jaallachuun loltummaan tajaajiluu ulfina waan ta'eef leenjii waraana argateen biyya isaa tajaajiluuf qophii ta'uu isaa mirkaneesseera. Itoophiyaa ogummaa waraanaan tajaajiluuf leenjii Tsinaat fudhatte xumuruu isheetiin gammaduu kan dubbatte komandoo bu'uuraa Fantaayee Yaadataa gama isheetiin;leenjii waraana fudhatteen Itoophiyaan dirqama biyyaa ishee irraa feetu hundumaa irratti gahee ishee gahumsaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee ibsiteetti. Eebbifamaan biraan komandoo bu'uuraa Daagim Daawwit; turtii leenjii isaatiin barnoota waraana dandeettii qabu ta'uu isa dandeessisuu fi muuxannoo argachuu isaa dubbateera. Adeemsa leenjii sirnaan xumuruu isaatiin gammaduu ibsee, fuula durattis nagaa biyyaa eegsisuuf qophii ta'uu isaa beeksiseera. Komaandoo bu’uuraa Mulgeetaa Girmaa jaalalli addaa ogummaa waraanaatiif qabu gara Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa seenee leenjii hordofuu kaka’umsa qabaachuu ibsee; wiirtuu sanatti leenjiiwwan adda addaa fudhachuu isaa fi fuula durattis dandeettii waraana horateen daangaa biyya isaa eeguuf qophaa’uu isaa dubbateera. Komaandoo bu'uuraa Qaalkidaan Geetaahuun gama isheetiin; Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaatti leenjiin waraana fudhatte biyya ishee tajaajiluuf ga’oomuu fi qophii akka ishee taasise ibsitee, dandeettii waraana horatteen dirqama biyyaa isheef kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee mirkaneessiteetti.
Marichi milkaa’inaan xumurameera – Komishinicha
Aug 22, 2026 967
Hagayya 16/2018(ENA)- Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 eegalame marii torbeewwaniif gaggeeffameen booda guyyaa har’aa milkaa’inaan xumuramuusaa komishiniin marii biyyaalessaa beeksise. Itti aantuun komishinarii olaanaa komishinichaa Hiirut Gabrasillaasee yaa’ichi xumuramuu iilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin Itiyoophiyaanonni kuma 4 waltajjii seena qabeessa kanarratti walitti dhufuudhaan ajandaawwan biyyaalessaa ijoo ta’an saddet irratti mari’achaa turuusaanii yaadachiisaniiru. Dhumarrattis mari’attoonni yaada furmaataa waldhabdeewwan bara dheeraaf turaniif furmaata ta’an qindeessanii komishinichaaf kennuusaanii dabalanii ibsaniiru. Adeemsa Kanaan mari’atoonni dhimmoota tokko tokko irratti salphaatti walii galaa, dhimmoota tokko tokko irratti ammoo yeroo fudhatanii marii cimaa taasisuudhaan dhumarrattis dhimmoota hedduurratti walii galuusaanii dubbataniiru. Komishinichi adeemsicha yemmuu hordofu waltajjiiwwan marichaa hundi wal dhaaggeeffachuun, wal kabajuunii fi wal danda’uun raawwatamaa akka ture mirkaneessuun akka danda’ame itti aantuun komishinarii olaanaa Hiirut dubbataniiru. Kaayyoon marii biyyaalessaa qaamoleen qooda fudhattootaa garaagarummaa qaban mari’atanii walii galtee uumuudhaan fuulduratti waliin tarkaanfachuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Mariin biyyaalessaa mo’aa fi mo’atamaa adda baasuu miti kan jedhan itti aantuun komishinara olaanaa Hiirut, adeemsi kun dorgommii gamni tokko mo’atamee gamni biraa itti mo’atu miti jedhaniiru. Akka ibsa itti aantuu komishinara olaanaa Hiirutitti marii Kanaan Itiyoophiyaanonni wal baraniiru, hariiroo cimaa uumaniiru, ilaalchota garagaraa dhaggeeffataniiru, akkasumas qormaatilee biyya keenyaa ilaalchisee yaada wal jijjiiraniiru, dhumarrattis walii galteerra gahaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa kun garaagarummaa Itiyoophiyaan akka biyyaatti qabdu mariin furuu akka dandeessu kan itti agarsiifte boqonnaa seena qabeessadha jechuun dubbataniiru. Milkaa’ina yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf qaamota gumaacha taasisan hunda maqaa komishinichaan galateeffataniiru itti aantuun komishinara olaanaa.
Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Afrikaanotaaf Fakkeenya Kan Ta’udha – Oliseeguun Obosaanjoo
Aug 22, 2026 654
Hagayya 16/2018 (ENA) – Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’uu danda’a jechuun Pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaaf, Oliseeguun Obosaanjoo, ibsan. Sagantaan Cufiinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Giddugala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaa, Oliseeguun Obosaanjoo, Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru. Yaa’iin kun milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha kan taasisan qaamolee hundaaf baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Mariin Biyyaalessaa nageenya waaraa fiduuf kan dandeessisu ta’uu eeruun, adeemsi kun seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Mariin Biyyaalessaa hammataa fi hirmaachisaa ta’e kun Afrikaaf fakkeenya gaarii ta’uu danda’a jedhaniiru. Itoophiyaanonni nageenya fiduuf walitti dhufanii mari’achuu fi waliigaltee irra ga’uuf filannoon taasisan kun kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru. Yeroon mariif kennamu kamiyyuu, miidhaa walitti bu’iinsaa fi waraanni fidu waliin yoo madaalamu, gahee olaanaa fi hin-madaalamne qaba jedhaniiru. Mariin Biyyaalessaa kun Itoophiyaa keessatti nageenyi akka mirkanaa’u, akkasumas misoomaa fi badhaadhinni akka mirkanaa’uuf bu’uura gaarii kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.  

Hawaasummaa
Manneen barnootaa idileen duraa babal’isuun cimee itti ni fufa-Ministeera barnootaa
Aug 27, 2026 170
Hagayya 21/2018 (ENA)-Hojiileen maa barumsaa idileen duraarratti hojjetaman barattoonni gamanuma bu’a qabeessa ta’anii akka itti fufan ni taasisa jechuun ibsan de’eetaan ministira barnootaa Ayyalach Isheetee. Ministeerri barnootaa sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaa ittiin eegalchiise godina Buunnoo Beeddeellee aanaa Gachiitti gaggeesseera. Ministeera barnootaatti de’eetaan ministiraa damee misooma barnoota walii galaa Ayyalach Isheetee, de’eetaan ministiraa damee misooma barnoota olaanaa obbo Korraa Xushunee, hogganaan biiroo barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo, akkasumas itti gaafatamtoonni godinaa fi aanaa sagantaa kanarratti argamaniiru. Ministeera barnootaatti de’eetaan ministiraa damee misooma barnoota walii galaa Ayyalach Isheetee wayita kana akka jedhanitti, tajaajila tola ooltummaa fi sagantaalee idilee birootiin hojiin mana barumsaa idileen duraa babal’isuun raawwatamaa jira. Barnoota idileen duraarratti hojjechuun barattoonni bu’a qabeessa akka ta’an waan taasisuuf, maneen barnootaa ijaaruunii fi meeshaalee barnootaa guutuudhaan hojiileen hojjetaman cimanii itti ni fufu jedhaniiru. Hogganaan biiroo barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo gamasaaniin, naannichatti qulqullina barnootaa eegsisuuf barsiisota maneen barnootaa idilee keessatti barsiisan kuma 5 leenji’aa jiru jedhaniiru. Kana malees hanqina kitaabaa naannicha keessatti mul’atu furuuf barattiita idileen duraa miiliyoona 16 caalaniif kitaaba raabsuuf qophiin taasifamu dubbataniiru. Bulchaan godina Buunnoo Beeddeellee obbo Amaan Danuu gamasaaniin, mootummaan qulqullina barnootaa eegsisuuf kallattii qabate milkeessuuf godinichatti barattoota ga’oomsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti Waggoottan jahan darban maneen barnootaa 540 hojjetamuusaanii eeranii, ijoolleen kuma 46 caalan maneen barnoota kana keessatti carraa barumsaa argachuusaanii ibsaniiru. Guyyaa har’aa aanaalee godinna Buunnoo Beeddeelleetti maneen barnootaa idileen duraa sadii sagantaa tajaajila tola ooltummaan ijaaruuf dhakaan bu’uraa kaa’ameera. Kana cinaattis barattoota kuma 1’f deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifameera.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa Maagaalaa Sabbataatti sagantaan Goobee fi Shinooyyee gaggeefame
Aug 27, 2026 122
Hagayya 21/2018 (ENA) : Bulchiinsa Magaalaa shaggar kutaa magaalaa Sabbataatti Sagantaan goobee fi Shinooyyee gaggeeffameera. Sagantaa Shinooyyee fi Goobee kutaa magaalsa sabbataatti gaggeefamerratti Itti gaafatamaa waajjiira Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, Itti Gaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Shaggar Aadde Roozaa Mohaammadfi Bulchaan Kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Ashannaafii Camadaa tapha Goobeefi Shinooyyee har'a kutaa magaalichatti calqabe irratti argamaniiru.   Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Aadaa, Duudhaa, Seenaafi eenyummaan uummata Oromoo ganamaa dagaagsuuf xiyyeeffannoon hojjetaaa jira. Cabinsa gama aadaa, duudhaa,fi seenaa ummataa keenyaa mudate maqsuuf hojii hojjetameenis Hawaasni bal'aan,dargaggoonni, qeerroo fi qarree akkasumas Abbootii Gadaafi Haadholiin siinqee eenyummaa isaanii ganamaatti deebi'uun magaalaa Shaggar yaadama ammayyummaa jaarraa 21ffaan ijaaramaa jirtuuf simboo dabalataa ta'uun ibsameera. Tapha Goobeefi Shinooyyee bara kana Magaalaa Shaggariitti gaggeeffamuuf kutaalee magaalaa garaagaraa keessatti qophiin agarsiisa aadichaa ibsuun faayamee gaggeeffameera. Haaluma Kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataatti Agarsiisni Tapha Goobeefi Shinooyyee guyyaa har'aa bifa hawwataa ta'een bakka hoggantootni sadarkaa Magaalaa, Kutaa magaalaafi qeerroo, qarreefi hawaasni argamaniitti gaggeefameera.  
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa aadaa wal deeggarsaa guddisaa jira-Pirezidaanti Ordiin Badrii
Aug 27, 2026 129
Hagayya 21/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti tajaajilli tola ooltummaa gannaa hariiroo wal jidduutti taasifamu cimsuudhaan aadaa wal deeggarsaa guddisaa jiraachuu Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Deeggarsi meeshaa barnootaa qama tajaajila tola ooltummaa gannaa bara 2018 naannichaa har’a gaggeeffameera. Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, barana naannichatti tajaajiloonni tola ooltummaa gannaa dameelee 14’n raawwatamaa jiru. Haala Kanaan biqiltuu dhaabuun, dhiiga arjoomuun, maaddii qooduunii fi kanneen birootiin hojii hojjetameen bu’aan quubsaan argamuusaa ibsaniiru. Ijaarsa mana jireenyaa dadhbootaaf hojjetamaa jiru yeroo dhihootti xumuruun fayyadamtootaaf kennuuf tumsamaa akka jiru dubbataniiru. Deeggarsi meeshaa barnootaa kun barattoonni hanqina meeshaa barnootaan barumsa akka hin dhaabne gochuurra darbee bu’aa gama barnootaan argamaa jiru sadarkaa olaanaatti kan guddisudha jedhaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa gannaa hariiroo waliinii cimsuudhaan waldeeggarsaa fi wal gargaarsa agarsiisaa akka jiru kan dubbatan pirezidaantichi, hojiin kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Hoggantuun biiroo dubartootaa,daa’immanii fi dargaggootaa naannichaa adde Ramziyaa Abdulwahib gamasaaniin, barattoonni hanqina meeshaa barnootaan barumsa akka hin dhaabne hojiin deeggarsa walitti qabuu gaggeeffamuusaa eeraniiru. Hojii tola ooltummaa Kanaan dabtara, qalama, borsaa fi meeshaalee barnootaa biroo walitti qabamuu ibsaniiru. Guyyaa har’aa barattoota naannichaa magaalaa fi baadiyyaa kuma 6 ta’aniif meeshaan barnootaa kennamuusaa himanii, fuulduras barattoota kuma 3 ta’aniif deeggarsa taasisuuf karoorfamuusaa dubbataniiru. Dureeyyiin, dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa akkasumas qooda fudhattoonni biroon deeggarsa kanarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru.
Diinagdee
Inishiyeetiiviin Taayilaandi-Afriikaa walta’iinsa faayidaa waloo irratti hundaa’e cimsuu irratti boqonnaa haaraa bana.
Aug 28, 2026 57
Hagayya 22/2018(ENA): Taayilaandi Hariiroo Afrikaa Waliin Qabdu Gara Sadarkaa Olaanaatti Guddisuuf Sirna Tumsa Haaraa Finfinneetti Beeksifteetti. Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi, Sihaasaak Fahaangikeewu, waltajjicharratti haaswaaa taasisaniin, Taayilaandi hariiroo bal’aa Afrikaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf sirna tumsa haaraa beeksisuu ibsaniiru. Ministirichi daawwannaa hojii taasisan keessatti biyyootni ijoo daawwatan keessaa Itoophiyaa fi Naayijeeriyaa ta’uu ibsaniiru. Sirni tumsa haaraan kun dhimmoota ijoo 4 irratti kan hundaa’e yoo ta’u, keessumaa Gamtaa Afrikaa (AU) fi Hawaasa Diinagdee Biyyoota Lixa Afrikaa (ECOWAS) waliin tumsa dhaabbilee gidduutti jiru caalmaatti cimsuuf kan xiyyeeffatedha. Dabalataanis, Naannawaa Daldalaa Bilisaa Afrikaa (AfCFTA) fi Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) gidduutti riqicha diinagdee cimaa uumuuf kan karoorfamedha. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis, ergamni daldalaa Taayilaandi Finfinneetti bakka bu’oota mootummaafi damee dhuunfaa Itoophiyaa waliin wal arguun, hariiroofi walitti dhufeenya hawaasa daldalaa biyyoota lamaanii cimsuuf marii ni gaggeessa jedhameera. Gama biraatiin, Taayilaandi tumsa Kibba-Kibbaa (South-South Cooperation) cimsuuf sagantaa hojii haaraa waggoota sadiif hojiirra oolu beeksifteetti. Sagantaan kun baajata Doolaara Ameerikaa Miliyoona 3 kan gaafatu yoo tahu irra caalaa qonna, wabii nyaataa fi ce’umsa teeknooloojii irratti xiyyeeffata. Akkasumas, biyyoota adda addaa Afrikaatti giddu galoota leenjii qonnaa hundeessuuf kan oolu ta’uu ibsameera. Taayilaandi bara 2028’tti Pirezidaantummaa Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) kan fudhattu yoo ta’u, yeroo sanatti ASEAN fi Gamtaa Afrikaa gidduutti tumsa damee hedduu jiru cimsuuf akka hojjetamu himameera. Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi, Sihaasaak Fahaangikeewu haasawaa taasisaniin keessumaa wabii nyaataa mirkaneessuu fi anniisaa dabalatee ce’umsa dijitaalaa caalmaatti cimsuuf akka hojjetamu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Masriin Itoophiyaaf gatii malu kaffaluu qabdi - Ambaasaaddar Shifarraaa Jaarsoo
Aug 28, 2026 87
Hagayya 22/2018 (ENA): Ministirri Qabeenya Bishaanii duraanii Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo akka jedhanitti, Masriin qabeenya bishaan laga Abbayyaa keessaa harka 86 qooda Itoophiyaaf gatii malu kaffaluu qabdi. Ityoophiyaan laga Abbayyaa fi laga gurguddoo biroo irratti hidha jallisii ijaaruun birmadummaa nyaataa waliigalaa mirkaneessuuf oomishtummaa qonnaa saffisiisuu akka qabdus Ambaasaaddar Shifarraan hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan sababa shira Masriitiin qabeenya uumamaa ishee jaarraa hedduuf osoo itti hin fayyadamiin turuu eeruun, Itoophiyaanonni shira sana cabsanii Hidha Haaromsa Itooohiyaa guddicha laga Abbayyaa irratti ijaaruun tokkummaa isaanii agarsiisaniiru jedhan. Yeroo ammaa kana humni ibsaa Hidha Haaromsa Guddichaa maddisiisu biyya qaxxaamuree eebba diinagdee naannoo uumuu danda’eera jedhan. Walitti hidhamiinsi anniisaa naannoo Hidha Haaromsa Guddichaan uumamees akka mallattoo ida’amuu dinagdee ardiilee mul’ata Itoophiyaan misooma waliinii Afrikaa ifatti ibse ta’ee galmaa’ee jira. Akka Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo, Ministirri Bishaanii Itoophiyaa duraanii, ENA waliin turtii taasisaniin himanitti; Itiyoophiyaan imaammata Masrii yeroo dheeraaf laga Abbayyaa to’achuu irraa kan ka’e laga Abbayyaatti fayyadamaa hin turre. Masriin yeroo dheeraaf diinummaa Itiyoophiyaa irratti babal’isaa akka turte eeranii; kanaanis Itiyoophiyaan bishaan Abbayyaatti fayyadamuu dhiisuun waggoota dabarsitee jirti jedhan. Kanumaan walqabatee Itiyoophiyaanonni Hidha Haaromsa Guddaa, madda humna elektiriikaa idil-addunyaa guddaa ta’e, hafuura tokkummaa biyyaalessaa fi Paan-Afrikaanummaatiin dhugoomsuu isaanii ibsaniiru. Hidhi Haaromsaa Guddichi hambaa seena qabeessa ta’ee, dandeettii Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti galmaan ga’uu agarsiise ta’uu hubachiisuun; biyyoota yaa’a gadiitti yaa’a bishaanii amanamaa ta’e kennuudhaan balaa lolaa fi gogiinsa hir’isaa jira jedhan. Walitti hidhamiinsi anniisaa Itiyoophiyaan Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan fi biyyoota naannichaa biroo waliin uumtes ida’amuu dinagdee naannoo fi ardiilee saffisiisuuf gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan laga Abbayyaa dabalatee laggeen daangaa ce’an biroo irratti hidha dabalataa ijaaruun humna ibsaa fi jallisii ishee daran guddisuu akka qabdu Ambaasaaddar Shifarraan hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 ce’umsa dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’eera – Hayyoota
Aug 26, 2026 124
Hagayya 20/2018 (ENA): Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 Ce’umsa Dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’uusaa Hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan. Mootummaan Itoophiyaa bara Faranjootaa 2020tti tarsiimoo dijiitaalaa Itoophiyaa 2025n ifoomse,Teekinoolojii fayyadamuun guddina dinagdee biyyaattii ariifachiisuufi tajaajiloota ammayyeessuuf sagantaa biyyaaleessa qophaa’eedha. Tarsiimichi Qonna,Tturizimii, Maanuufakcharingii fi tajaajiloota dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuufi carraa hojii haaraa uumuuf kaayyoo kan godhatedha. Akka Hayyoonni ibsanitti, marsaa Dijital Itiyoophiyaa 2025 keessatti bu'aa olaanaan kan keessatti galmeeffamee fi milkaa'inaan kan xumuramee dha jedhaniiru. Bu'aawwan gurguddoo galmeeffaman keessaa babal'ina tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob, hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Fayyidaa, qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa Intarneetiin kennuu fi leenjii Itiyoo koodarsii Lammiilee miiliyoonaan lakkoofamaniif kenname hayyoonni kun eeraniiru. Yuunvarsiitichatti Barsiisaan Kutaa Barnootaa Inistityuutii Teeknoolojii damee Makaanikaal Injiinarinjgii Barsiisaa Shawaangizaw Warqaaganyoo Sosochiin teeknoolojii biyyaattii bal’inaan guddachaa dhufuu ibsuun, milkaa’ina dabalataan ogeessota dame sanaa hedduu horachuu danda’amuu eeraniiru.   Babal'inni teekinoolojii dijitaalaa dhaabbilee adda addaa keessatti qabannaa odeeffannoo ammayyeessuu bira darbee tajaajila kennamu ariifachiisuu isaanii addeessaniiru. Kunis lammiileen tajaajila rakkoo malee akka argataniif, akkasumas yeroo fi qarshii isaanii akka qusatan isaan dandeessiseera. Keessumaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaariirratti mul’atan furuun gumaacha inni taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti daarektarri wiiirtuu hubannoo nam-tolchee Injinar Jaarmiyaa Baayyisaa akka jedhanitti, tajaajilli dijitaalaa qajeeltoo iftoominaa cimsuudhaan malaammaltummaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Dhaabbileen ijaaramuu fi ammayyaa’uun, tajaajilli mobaayil baankiingii babal’achuunsaa, akkasumas filannoon walii galaa 7ffaan galmeerraa eegalee akkaataan odeeffannoon ittiin qindaa’e ammayyaa fi milkaa’aa ta’uunsaa bu’aalee cehumsa dijitaalaa isaan ijoo ta’uu ibsaniiru. Milkaa’inoonni galmaa’an fuulduras cimanii itti fufuu akka qaban Injiinar Jaarmayaan hubachiisaniiru. Keessumaa tarsiimoon dijitaalaa 2030 galma akka gahuuf hojiileen misooma dijitaalaa eegalaman qindoominaan itti fufuu akka qaban ibsaniiru. Tajaajiloota kanneen akka dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuu, leenjiiwwan akka Itiyoo-Koodarsii cimsuu fi damee Kanaan ogeeyyota ga’ooman hedduu horachuun milkaa’ina cehumsa dijitaalaa itti aanuuf murteessaa ta’uu Injiinar Jaarmiyaan dubbataniiru. Biyyoonni guddatan dinagdeesaanii cimsuuf akka ijootti kan itti gargaaraman teeknooloojii dhaabbilee dhuunfaatti fayyadamuunii fi babal’isuudhaan hirmaannaa cimaa taasisuun ta’uu eeranii, mootummaanis dhaabbilee dhuunfaa damee kanarratti hirmaachisuu cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)    
Aug 11, 2026 857
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Piriimer Liigii Ingiliziitiin Har’a Maanchastar Siitii fi Kiriistaal Paalaas ni taphaatu
Aug 28, 2026 53
Hagayya 22/2018 (ENA)-Sagantaan torbee lammaffaa Piriimer Liigii Ingilizii har’a ni jalqaba. Galgala sa’aatii 4tti, Kiriistaal Paalaas Maanchastar Siitiin waliin dirree Seelharist Paark irratti wal morkatu. Torbee jalqabaa keessatti Kiriistaal Paalaas Evartaniin goolii 2–0n mo’amee ture. Kanaaf, leenjisaan haaraan Kiriistaal Paalaas Piirii Saagee, hojii leenjisummaa isaa mo’amuudhaan jalqabe. Gama biraatiin, leenjisaan haaraan Maanchastar Siitii Eenzoo Maareskaa, tapha torbee jalqabaatiin gareen isaa Boornimawuuz 2–1n injiffannoon jalqabeera. Kilaboonni lamaan kun Piriimer Liigii keessatti yeroo 33ffaaf waliin taphatu. Walitti dhufiinsa isaanii tapha 32n darban keessatti, Maanchastar Siitiin yeroo 20 mo’ateera, Kiriistaal Paalaas yeroo 4 qofa injifateera. Taphoota 8 hafan irratti ammoo wal qixa bahaniiru. Maanchastar Siitiin taphoota kana keessatti goolii 75 galcheera; Kiriistaal Paalaas immoo goolii 28 galcheera. Kiriistaal Paalaas yeroo dhumaaf Maanchastar Siitii bara 2021 keessa Piriimer Liigii irratti mo’ate. Kanaaf, tapichi Maanchastar Siitiin oolanttummaa isaa walitti aansee galmeessisuuf, Kiriistaal Paalaas immoo qabxii sadii jalqabaa bara dorgommii haaraa kanaa argachuuf kan itti falmatan ta’a. Abbaan murtii Aandii Maadiley, umurii isaa waggaa 42tti, taphicha ni dursa. Sagantaan torbee lammaffaa Piriimer Liigii Ingilizii hanga Hagayya 25/2018tti itti fufa.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 254
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti hojiileen Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa qabeenya Uumamaaf taasifamaa jiru Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Tattaaffii Addunyaalessaa Deeggaraa jira
Aug 23, 2026 401
Hagayya 17/ 2018 (ENA) : Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa fi kunuunsa uumamaa naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran tattaaffii addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasisaa jirtu kan deegaru ta’uu beeksise. Naannichi daldala kaarboonii babal’isuun jijjiirama qilleensaa qolachuuf tattaaffii addunyaa taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus ibseera. Akka obbo Araarsaa Raggaasaa, hojii gaggeessaa Waliigalaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa jedhanitti, naannichi jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaa irratti taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.   Keessattuu, gadi lakkifamuu kaarboon daayi’oksaayidii hir’isuu fi uwwisa bosona guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran akeekaniiru. Biqiltoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti dhaabaman irra caalaan isaanii milkaa’inaan gara bosonaatti jijjiiramuun haala qilleensa naannoo eeguu fi gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irraa sirna fayyadamummaa itti fufiinsa qabu qopheessuun hawaasni bu’aa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akka qorannoo saayinsiitiin lafti bosonaa heektaarri tokko kaarboon daayi’oksaayidii toonii 10 hanga 20 kuusuu fi xuuxuuf dandeettii olaanaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni bosonaa naannichi gaggeeffamaa jiru tattaaffii gadi lakkifamuu kaarboonii addunyaa irratti taasifamu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu kun ragaa ta’uu ibsaniiru.   Obbo Araarsaan adeemsa seenaa Itoophiyaan gabaa kaarboonii irraa galii argachuu eegalte ibsuun, Gurgurtaan kaarboonii bosonaa jalqabaa bara 2012 Bosona Baaleetti akka eegale yaadachiisaniiru. Obbo Araarsaan itti dabaluudhaan, Bara 2012 hanga 2019 gidduutti kaarboonii meetiriik toonii miiliyoona 9 gurguramee gara birrii biiliyoona walakkaatti dhiyaatu galii argamsiiseera jedhani. Galiin gurgurtaa kanarraa argamu bosona eegsisuufi hojiiwwan misooma bosonaa dabalataaf, fayyadamummaa hawaasni itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi michoota ardiilee fi idil-addunyaa waliin qindoominaan kaarboonii bara 2022 hanga 2024 gidduutti galmaa’e meetiriik toonii miiliyoona 13 gurguruufis qophii ta’uu ibsameera.   Gara fuulduraattis bosona uumamaa fi namtolchee karaa saayinsaawaa ta’een kunuunsuu fi daldala kaarboonii hojiirra oolchuun hojiin eegumsa naannoo fi fayyadamummaa diinagdee biyyaalessaa dabaluu itti fufa jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa magaarisaa uwwisa Bosonaa dabaleera
Aug 21, 2026 481
Hagayya 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mancaatii bosonaa hir'isuun qabiyyee bosonaa dabaluusaa Dhaabbanni Bosonaa fi Bineesota Bosonaa Naannichaa beeksise. Itiyoophiyaatti waggoota kurnan darban keessatti sababa adda addaan mukkeen qabiyyeen bosonaa gadi bu'ee ture. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalame kun Naannoo Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetameera.   Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona jiru eeguu, mancaatii ittisuu fi mukkeen faayidaa dinagdee fi soorataaf oolan dhaabuu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Hojii kanaan qabiyyeen Bosona Naannichaa saffisaan dabalaa jiraachuurra darbee, Naannoon Oromiyaa Bosona haaromsuu fi eeguu keessatti qooda olaanaa taphachaa jira. Hojii gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin, waggoottan darban keessatti uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaniiru. Hojiiwwan uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojjetaman keessaa bakkeewwan sababa adda addaan manca’an irratti karaa saayinsaawaan biqiltuu garagaraa dhaabuurra darbee tuttuqqaa namaa fi bineensarraa bilisa taasisuun fi babal'ina lafa qonnaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen bu'aan olaanaan galmaa'uu isaa dubbataniiru. Keessumaa biqiloota dhaabuu qofa irratti osoo hin daangeeffamin, kunuunsa isaaniitiif xiyyeeffannaan olaanaan kennamuunsaa bu'aa argameef sababa guddaa ta'uu himaniru. Haaluma kanaan uwwisni bosona naannichaa duraan gadi bu'aa ture gara dhibbeentaa 27tti guddisuun danda'amuu isaa Obbo Araarsaan dubbataniiru. Keessattuu sagantaan Ashaaraa magarisaa hawaasa biratti ilaalcha gaarii uumuudhaan, dhaabuu qofa irratti osoo hin ta'iin, kunuunsaa fi eegumsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa cimuun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru.   Tattaaffii taasifameen biyyoon akka hin dhiqamne ittisuu cinaatti, gabbinni biyyoo dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniru. Dabalataanis, bishaan lafa jalaa akka gabbatu taasisuun burqaawwan bishaanii, laggeenii fi haroowwan goganii turan akka deebi'an taasiseras jedhan. Kanneen keessaa akka fakkeenyatti kan kaasan Godina Harargee Bahatti Haroon Haramayaa gogee kan ture deebi'ee mirgisuun, yeroo ammaa hawaasa naannichaatiif tajaajila kennaa jiraachuu isaa akka fakkeenyaatti eerameera. Obbo Araarsaan akka himanitti, yeroo ammaa naannichatti walii galaan lafti hektaara miliyoona 4 bosonaan misoomee jira. Walii galaatti Naannichatti lafa heektaara miliyyoona tokkotti dhiyyaatu kunuunsaa fi eegumsa bineensotaaf, paarkiwwaniif fi iddoowwan bashannanaatiif kan oolu yoo ta'u, hektaarri kuma 700 immoo dhaabbii biqiltootaa fi misooma bosona nam-tolcheef kan adda bahe ta’u himaniru. Lafa walii galaa kana keessaa hektaari miliyoona 2 tuqaa 3 ta'u immoo bosona uumamaatiin gutummaatti kan uwwifame ta'uu ibsaniiru.    
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 712
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira.   Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 30184
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 17228
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16542
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015