Jalqabaa - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Diinagdeen Itoophiyaa bara baajataa 2016tti dhibeentaa 7.9 guddata jedhamee eegama
Jun 8, 2023 90
Waxabajjii 1/2015 (TOI):- Dinagdeen Itoophiyaa bara baajataa 2016tti dhibbeentaa 7.9 guddata jedhamee akka eegamu Ministirri Maallaqaa obbo Ahmaad Shiidee himan. Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walgahii idilee 24ffaa gaggeessee jira. Walgahicharratti Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee ibsa baajata mootummaa federaalaa bara 2016 dhiyeessaniiru. Obbo Ahimad Shidee akka himanitti, bara baajata dhufu diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 7.9'n akka guddatu tilmaamameera. Wxineen baajataa bara kanaas kunis diinagdeen biyyattii rakkoolee mudate irraa gara haala idileetti ni deebi’a jedhamee akka eegamu himaniiru. Waggoota darbanitti diinagdeen Itoophiyaa giddu galeessaan waggaatti guddina dhibbeentaa 6.1 galmeessisaa kan ture yoo ta’u, bara bajataa kanattis guddina dhibbeentaa 7.5 galmeessisuun ni danda’ama jedhamee eegama jedhaniiru. Baajata itti aanuuf tilmaamni guddina diinagdee tarkaanfiiwwan imaammata maallaqaa fi faayinaansii ciccimoo mootummaan fudhachuuf yaadu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Ministirri Maallaqaa akka ibsanitti wixineen baajata bara 2016 hanqina baajata hin sirreeffamne birrii biiliyoona 281 agarsiisa.
Aadde Adaanech Abeebee har'a galgala dursitoota dhaabbilee amantaa adda addaa waliin mariyatan.
Jun 8, 2023 21
Waxabajjii /2015(TOI)፦ Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee har'a galgala dursitoota yaa'ii dhaabbilee amantaafi dhaabbilee amantaa adda addaa waliin mariyatan. Aadde Adaanech Abeebee karaa toora miidiyaa hawaasummaa isaanii odeeffannoo qoodaniin "Marii keenyaan negeenya waaraa fiduuf kutannoon qindoominaan hojjechuuf waliigalleerra" jedhaniiru. Walitti dhufeenya fi qindoomina gaarii dhaabbilee amantaa adda addaa jidduu jiru cimsuun hojii misooma jalqabneef barbaachisaa waan ta'eef kana cimsinee itti fufna jedhaniiru.
Godina Qeellam Wallaggaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 402’n ijaaramaa jiran 8 bara bajataa kana xumuramanii tajaajilaaf ni’oolu-waajjira bishaanii fi inarjii godinichaa
Jun 8, 2023 55
Waxabajjii 01/2015 (TOI) -. Godina Qeellam Wallaggaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 402’n ijaaramaa jiran 8 bara bajataa kana xumuramanii tajaajilaaf ni’oolu jedhe waajjira bishaanii fi inarjii godinichaa. Pirojektoonni bishaan dhugaatii jiraattota godinichaa nifuru jedhamanii yaadaman kunneen ijaarsisaanii xumuramaa akka jiru ibsameera. Bakka bu’aan ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Gaaromaa Ofga’aa pirojektoonni kunneen mootummaa naannichaan ijaaramaa akka jiran ibanii, jiraattota kuma 30 ol akka fayyadan dubbataniiru. Pirojektoonni bishaanii kunneen aanaalee baadiyyaa sadii fi bulchiinsota magaalaa sadii keessayyi ijaaramaa akka jiran dabalanii ibsaniiru. Mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu ummataan gahuuf hojjechaa akka jiru itti gaafatamaan kun ibsanii, haala Kanaan walumaa gala godinichatti ijaarsi pirojektoota bishaan dhugaatii 28 ijaaramaa akka jiran ibsaniiru. Pirojektoota kanneen keessaa maanaajariin pirojektii dhaabbata konistiraakshin injiinariingii Waadaa obbo Lalisaa Baqqalaa gamasaaniin, pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu aanaa Daallee Sadii magaalaa Haroo Sabbuutti ijaaramaa jiru tajaajilaaf oolchuuf akka ta’e dubbataniiru. Ijaarsi pirojektichaa bara 2012 akka jalqabame dubbatanii, dhibbantaa 99 tuqaa 8 akka xumuramee fi waggaa sadii osoo hinguutiin xumuramee walharkaa fuudhinsa eegaa akka jiran ibsaniiru. Pirojektichi tajaajila wayita eegalu sakondii tokkotti bishaan liitira 29 maddisiisuu akka danda’us dubbataniiru. Jiraattota godinichaa keessaa TOI’f yaada kan kennan jiraataan aanaa Daallee Sadii obbo Daamxoo Xilaahuun akka jedhanitti, pirojektoonni hojjetamaa jiran rakkoo bishaan dhugaatii waggaa dheeraa akka hir’isuuf dubbataniiru. Itti dabaluunis rakkoon bishaan dhugaatii qulqulluu waan jiruuf dhukkuboota bishaanirraa dhufan hedduuf saaxilamaa akka turan dubbatanii, tajaajila kennuu wayita jalqabu rakkoon kun akka furamuuf abdii akka qaban dubbataniiru. Jiraattuun magaalaa Dambiidoolloo adde Siddisee Addunyaa gamasaaniin, rakkoon bishaan dhugaatii magaalicha keessa akka ture ibsanii, sababa Kanaan dhukkuboota addaddaaf saaxilamaa turuusaanii dubbataniiru. Pirojektiin bishaanii yeroo ammaa xumuramuuf jedhu rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Dambiidoolloo guutummaatti akka furu abdii qaban ibsaniiru.
Baatii sagal bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa kuma 770 ol Itiyoophiyaa dhufaniiru-Ministeera Tuurizimii
Jun 8, 2023 147
Waxabajjii 01/2015(TOI)- Nageenyi Itiyoophiyaatti dhufuusaatiin baatii sagal bara bajataa kanaatti tuuristoonni alaa kuma 770 ol daawwannaaf Itiyoophiyaa dhufuusaanii ministeerri Tuurizimii beeksise. Kanaaf ammoo waliigalteen nageenyaa haala gaarii uumuusaa ibseera. Waggoota darban dameen tuurizimii Itiyoophiyaa waraanaa fi weerara Kooviid dabalatee rakkoolee uumamaa fi namtolcheen qorree tureera. Sababa Kanaan galiin tajaajila kennitootaa damee kanaa hir’achuun, lakkoofsi daawwattootaa xiqqaachuu fi rakkooleen biroo kan mul’atan yemmuu ta’u, biyyattiin galii argachuu qabdu akka hin arganne taasiseera. De’eetaan ministira Tuurizimii Salaamaawiit Daawiit TOItti akka himanitti, qormaata damee kana mudateen lammiileen biyya alaa Itiyoophiyaa waan hindhufneef sharafa biyya alaarraa argamu daangessee tureera. Keessumaa waraanni Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture biyyattiirratti dhiibbaa hinmalle geessisuurra darbee carraaleen hojii damee Kanaan uumaman akka hinjiraanne dhiibbaa geessisee akka ture yaadachiisaniiru. Waraanni waggaa lamaaf gaggeeffamaa turu akka dhaabatu mootummaa fi ABUT taasisuunsaanii damee tuurizimiif carraa guddaa uumuusaa dubbataniiru. Ministeerri Tuurizimii carraa mijataa argametti fayyadamuun damee kana kakaasuu fi daawwattoonni Itiyoophiyaa akka dhufan nagana biyyattiitti bu’uusaa beeksisuu irraa eegalee hojiiwwan addaddaa hojjechuusaa eeraniiru. Tajaajila kennitoonni damee Tuurizimii fi ministeerichi yaalii guddaa taasisaniin lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa baay’ee fooyya’uusaa dubbataniiru. Fakkeenyaaf baatii sagal bara bajataa kanaatti daawwattoonni biyya alaa kuma 770bol Itiyoophiyaa dhufuusaanii eeraniiru. Lakkoofsi daawwattootaa yeroo walfakkaataa bardheengaddaa waliin walcinaatti yemmuu ilaalamu fooyyeen guddaan jiraachuusaa kaasuun kanaaf ammoo waliigalteen nageenyaa jijjiirama qabatamaa fiduusaa ibsaniiru. Waliigaltee nageenyaatiin asitti geejjibni lafoo fi qilleensaa kutaa biyyattii kaabaatti jalqabame lakkoofsa tuuristootaa dabaluuf akka gargaaru eeranii milkaa’inasaaf ministeerichi hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa Hoteelonnii fi dhaabbileen tajaajila kennan kanneen biroo waraanaan barbadaa’anii turan leenjii dabalatee qophii daawwattoota keessummeessuu dandeessisu akka taasisan dabalatee deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiru jedhan. Qabeenyota tuuriizimii naannoo Tigraayi jiran beeksisuun fi paakeejonni tajaajilaa akka gurguraman gama gochuutiin bulchiinsa naannichaa kan yeroo waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Tuurizimiin damee kana egereef bu’a qabeessummaan itti fufsiisuun gamtoomina hundagaleessa. Kan gaafatu ta’uu dubbataniiru.
Agarsiifini idil addunyaa 'Agirii Fuudiifi Saamsa nyaata' baname.
Jun 8, 2023 23
Waxabajjii 1/2015(TOI):- Agarsiifini idil addunyaa 'Agirii Fuudiifi Saamsa nyaata' har'a galma Barkumeetti baname. Sirna banisa agarsiisichaarratte Ministirri deetaa Indaastirii obbo Hasan Mahaammad dabalatee ambaasaaddaroonni, qaamoleen damee daldaalafi keessummoonni waamichi godhameef argamaniiru. Agarsiisa kanarratti biyyoota 14 irraa kannen agarsiisicha dhiheessan 130 hirmaataniiru. Itoophiyaa dabalatee Chaayinaa, Jarman, Nezarlaandi, Hindi, Xaaliyaan, Tarkiyyee, Ostiriyaa, Bulgaariyaa, Faransaat, Jarman, Joordaanfi Keeniyaan irraa agarsiisa kanarratti hirmaataniiru. Agarsiifni daldalaa kun indastirii Qonna, Nyaata qindeessuu,Paalastika, maxxansafi saamsa nyaatarratti kan xiyyeeffatedha. Agarsiifni kun walitti dhufeenya gabaa uumuu fi waa’ee carraa daldalaa yeroo ammaa fi guddina haaraa indaastiricha keessatti mul’atu baruuf carraa guddaa akka himameera. Agarsiisa daldalaa kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u namoonni kuma 3 ol ni daawwatu jedhamee eegama.
Siyaasa
Nageenyi akka eegamu dargaggoonni ittigaafatamasaanii bahuu qabu
Jun 8, 2023 170
Waxabajjii 01 /2015 (TOI) – Nageenyi akka eegamu dargaggoonni itti gaafatamasaanii bahuu akka qaban gaafatame. Dargaggoonni naannoo Hararii haala nageenyaa wayitaawaa ilaalchisuun magaalaa Hararitti mari’achaa jiru. Ittigaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Abdoo Jabbaar waltajjii kanarratti, nageenyi dhala namaa hundaaf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Gaaffilee kamiyyuu karaa nagaa dhiheessuun akka barbaachisuu fi humni farra nageenyaa isatti fayyadamuu akka hinqabne dubbataniiru. “Dhimmi nageenyaa yoo nuharkaa bahe rakkisaa waan ta’eef hawaasa waliin keessumaammoo dardaggoo waliin nageenya eegsisuuf hojjetamaa jira” jedhaniiru. Nageenyi Kan dhufu humna nageenyaan qofa osoo hinta’iin hirmaannaa hawaasaan waanta’eef yeroo yerootti mari’achuun rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isaa nageenya keenya eegnee deemuu qabna jedhaniiru. Mootummaan rakkoo hojii dhabdummaa dargaggoo hir’isuuf karoorsee hojjechaa jira kan jedhan ittigaafatamaan kun, karoorri kun galmasaa akka gahu dargaggoon nageenya eeguurratti itti gaafatamasaanii bahuu akka qaban dubbataniiru.
Magaalaa Hawaasaarraa bakka bu'oota Mirii biyyaaleessa irratti hirmaatan kanneen filaniifi bakka bu'oota ajandaa qoodan waliin mariyatamaa jira.
Jun 8, 2023 49
Waxabajjii 1/2015 (TOI)- Magaalaa Hawaasaarraa bakka bu'oota Mirii biyyaaleessa irratti hirmaatan kanneen filaniifi bakka bu'oota ajandaa qoodan waliin mariyatamaa jira. Walatajjii kanarratti magaalaa Hawaasaarraa kuaalee hawasaa sagal bakka kan bu'an namoonnii 3600 hirmaachaa jiru jedhameera. Bakka bu'oonni kunneen Komishiinii marii biyyaaleessa ilaalchisuun hubannoo gahaa erga argataniin booda kutaalee magaalaa irraa dhunafan irraa kanneen sadarkaa naannootti bakka bu'anii maricharratti hirmaatan filachuun waantota ajandaa ta'anis adda kan baasan ta'uun himameera. Ragaan Komishinicharra argame akka mul'isutti walatajjii kanarratti bakka bu'oonni filaman sadarkaa naannootti ajandaawwan komishinichaaf dhihaatan kan filanfi sadarkaa biyyaattis kan hirmaatanidha.
Jilli itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniniin durfame Saa’udii Arabiyaa Riyaad dhaqe
Jun 8, 2023 31
Waxabajjii 01/2015 (TOI)- Jilli itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniniin durfame Saa’udii Arabiyaa Riyaad dhaqeera. Miseensonnigaree jila kanaa yaa’ii ministirootaa qindaa’aa idil addunyaa garee shororkeessaa Ayi Essi Essi waraanuuf dhaabate kan Saa’udiitti adeemsifamurratti hirmaachuufi kan Riyaad dhaqan. Jilli kun buufata Xayyaaraa Kiing Kaaliid wayita gahu ministirri dhimma alaa Saa’udii Arabiyaa, Saa’udii Arabiyaatti ambaasaaddarri RFDI Leencoo Baatii fi hojjettoonni embaasichaa simachuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa.
Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 24ffaa har’a adeemsisa
Jun 8, 2023 55
Waxabajjii 1/ 2015 (TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii waggaa 2ffaa walgahii idilee 24ffaa har’a ni’adeemsisa. Odeeffannoon mana marihaarraa argame akka agarsiisutti, manni maree walgahii idilee hara’ adeemsisuun, ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shidee wixinee bajataa mootummaa federaalaa bara 2016 ilaalchisuun ibsa bajataa dhiheessan (Budget Speech) irratti nimari’ata. Wixineen bajataa kun koree dhimmoota pilaanii, bajataa fi faayinaansiif niqajeelfama jedhameetu eegama.
Alshabaab haleellaan naannawa daangaa Itiyoo-Somaaleetti raawwachuuf ture fashalaa’e
Jun 7, 2023 257
Caamsaa 30/2015(TOI)- Alshabaab haleellaan naannawa daangaa Itiyoo-Somaaleetti raawwachuuf ture fashalaa’uusaa ministeerri dhimma alaa beeksise. Gareen shororkeessaa Alshabaab guyyaa har’aa(Caamsaa 30 bara 2015) daangaa Itiyoo-Somaalee naannawa Doollootti gochi shororkeessaa raawwachuuf ture fashalaa’eera. Gareen kun gare balleessee badu bobbaasuun yaaliin naannawa kanatti miidhaa geessisuuf taasise raayyaan ittisaa federaalaa fashaleesseera. Miseensonni garee shororkeessaa meeshaa hidhatanii dhufan wliin galaafatamuunsaanii ibsameera.
Yaa’iin hooggantoota ‘IGAD’14ffaa Wixata dhufu Jibutiitti ni adeemsifama
Jun 7, 2023 73
Caamsaa 30/2015(TOI)- Yaa’iin hooggantoota ‘IGAD’14ffaa Wixata Waxabajjii 5/2015 Jibutiitti akka adeemsifamu dhaabbatichi beeksise. Hooggantoonni biyyootaa fi aanga’oonni walgahii kanarratti akka hirmaatan odeeffannoon dhaabbatichi baase mul’iseera. Yaa’iin hooggantoota ‘IGAD’ 13ffaan baatii Sadaasa bara 2012 Finfinneetti taa’amuunsaa niyaadatama. ‘IGAD’ dhaabbata zoonii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1996 hundaa’e wayita ta’u, Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa Bahaa saddet miseensummaan qabateera. ‘IGAD’ dhaabbata gamtaa fi walitti hidhiinsa zoonii irratti xiyyeeffatee hojjetu biyyoonni miseensaa nagaa fi nageenyasaanii akka mirkaneeffatan akkasumas badhaadhina akka milkeessan nideeggara.
Itiyoophiyaa fi Biraaziil gamtoomina dameelee dinagdee, Ispoortii fi aadaatiin qaban cimee itti fufa-Ambaasaaddar Mingaanuu Argaa
Jun 7, 2023 94
Caamsaa 29/2015(TOI)- Itiyoophiyaa fi Biraaziil gamtoomina dameelee dinagdee, Ispoortii fi aadaatiin qaban cimee akka itti fufu de’eetaan ministiraa dhimma alaa Ambaasaaddar Mingaanuu Argaa ibsan. Ambaasaaddar Misgaanuun hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisuun de’eetaaministiraa dhimma alaa Biraaziil waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis hariiroon biyyoota lamaanii damee dippilomaasii gamlamee fi heddumminaa cimee itti fufuu akka qabu de’eetaan ministiraa kun yaadachiisanii, keessumaa Itiyoophiyaan gama misooma qonnaatiiin Biraaziil waliin deeggarsa teekniikaan hojjechuu akka barbaaddu beeksisaniiru. Humna gabbataa damee Ispoortii fi Aadaan Biraaziil qabdu Itiyoophiyaan fayyadamuuf fedhii akka qabdu ibsanii, kun ammoo hariiroo ummattoota jidduutti cimsuuf gumaaha akka qabaatu eeraniiru. Hojiiwwan ijoo hariiroo dameelee eeramaniin jiru mootummoota lamaan jidduutti fuuldura xiyyeeffannoo addaan akka irratti hojjetamu ambaasaaddar Misgaanuun hubachiisaniiru. Ministirri dhimma alaa Biraaziil de’eetaan ministiraa Afriikaa fi jiddugaleessa bahaa ambaasaaddar Kaarloos Du’aartee gamasaaniin daawwannaan Itiyoophiyaatti taasisaa jiran guddina wayitaawaa hariiroo biyyoota lamaanii akka agarsiisu dubbataniiru. Hariiroon kun dameelee eegumsa naannoo, Aviyeeshinii, qonnaa, Ispoortii fi aadaan cimee akka itti fufu mootummaansaanii akka hojjetu de’eetaan ministiraa kun beeksisaniiru. Abbootiin qabeenyaa Biraaziil qabeenya dilbii Itiyoophiyaan qabdu fayyadamuun damee daldalaa fi Invastimantiin akka hojjetanis marii kanarratti kaafameera.
Ambaasaaddar Dasee Daalkee sirna yaadannoo waliigaltee dhukaasa dhaabuun Kooriyaa itti mallatteeffame waggaa 70ffaa irratti hirmaatan
Jun 6, 2023 213
Caamsaa 29/2015(TOI)-Rippaabiliikii Kooriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee sirna yaadannoo waliigaltee dhukaasa dhaabuun Kooriyaa itti mallatteeffame waggaa 70ffaa irratti hirmaataniiru. Sirni kun kan adeemsifame bulchiinsa Gaangiwoonitti kan argamtu magaalaa Chuuncheewoonitti yemmuu ta’u, ambaasaaddaroonnii fi attaasheewwan loltuu biyyoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii waraana kanarratti hirmaatanii sagantaa kanarratti argamuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera. Bulchaan bulchiinsa Gaangiwoon Kiim Jiin Tee haasawa sirna kanarratti taasisaniin nageenyi rippaabiliikii Kooriyaa kan dhugoomee fi kan mirkanaa’e aarsaa Loltoonni Kooriyaa fi loltoonni miiliyoona 1 tuqaa 9 biyyoota 22 irraa walitti baba’an kafalaniini jedhan. Loltoonni kuma 40 waraana Kanaan lubbuusaanii akka dhaban yaadataniiru. “Jiraattonni bulchiinsa Gaangiwaan jaalalaa fi amanamummaa gootummaan guutame abbootiinsaanii biyyasaaniif qaban bara baraan yaadachaa jiraatu jedhan bulchaan kun. Duudhaalee idil addunyaa kanneen akka dilisummaa, mirgoota namoomaa fi nageenya dafqaa fi dhiigaan argaman eeguuf qooda gaggeessummaa fudhachuuf akka carraaqan ibsaniiru. Waraana kana dhaabuuf akka lakkoofsa Awurooppaatti Adoolessa 27/1953 waliigalteen kan mallatteeffame yemmuu ta’u,waliigaltee Kanaan cinaattis boojuu waljijjiiruunis taasifameera.

Hawaasummaa
Baatii sagal bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa kuma 770 ol Itiyoophiyaa dhufaniiru-Ministeera Tuurizimii
Jun 8, 2023 147
Waxabajjii 01/2015(TOI)- Nageenyi Itiyoophiyaatti dhufuusaatiin baatii sagal bara bajataa kanaatti tuuristoonni alaa kuma 770 ol daawwannaaf Itiyoophiyaa dhufuusaanii ministeerri Tuurizimii beeksise. Kanaaf ammoo waliigalteen nageenyaa haala gaarii uumuusaa ibseera. Waggoota darban dameen tuurizimii Itiyoophiyaa waraanaa fi weerara Kooviid dabalatee rakkoolee uumamaa fi namtolcheen qorree tureera. Sababa Kanaan galiin tajaajila kennitootaa damee kanaa hir’achuun, lakkoofsi daawwattootaa xiqqaachuu fi rakkooleen biroo kan mul’atan yemmuu ta’u, biyyattiin galii argachuu qabdu akka hin arganne taasiseera. De’eetaan ministira Tuurizimii Salaamaawiit Daawiit TOItti akka himanitti, qormaata damee kana mudateen lammiileen biyya alaa Itiyoophiyaa waan hindhufneef sharafa biyya alaarraa argamu daangessee tureera. Keessumaa waraanni Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture biyyattiirratti dhiibbaa hinmalle geessisuurra darbee carraaleen hojii damee Kanaan uumaman akka hinjiraanne dhiibbaa geessisee akka ture yaadachiisaniiru. Waraanni waggaa lamaaf gaggeeffamaa turu akka dhaabatu mootummaa fi ABUT taasisuunsaanii damee tuurizimiif carraa guddaa uumuusaa dubbataniiru. Ministeerri Tuurizimii carraa mijataa argametti fayyadamuun damee kana kakaasuu fi daawwattoonni Itiyoophiyaa akka dhufan nagana biyyattiitti bu’uusaa beeksisuu irraa eegalee hojiiwwan addaddaa hojjechuusaa eeraniiru. Tajaajila kennitoonni damee Tuurizimii fi ministeerichi yaalii guddaa taasisaniin lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa baay’ee fooyya’uusaa dubbataniiru. Fakkeenyaaf baatii sagal bara bajataa kanaatti daawwattoonni biyya alaa kuma 770bol Itiyoophiyaa dhufuusaanii eeraniiru. Lakkoofsi daawwattootaa yeroo walfakkaataa bardheengaddaa waliin walcinaatti yemmuu ilaalamu fooyyeen guddaan jiraachuusaa kaasuun kanaaf ammoo waliigalteen nageenyaa jijjiirama qabatamaa fiduusaa ibsaniiru. Waliigaltee nageenyaatiin asitti geejjibni lafoo fi qilleensaa kutaa biyyattii kaabaatti jalqabame lakkoofsa tuuristootaa dabaluuf akka gargaaru eeranii milkaa’inasaaf ministeerichi hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa Hoteelonnii fi dhaabbileen tajaajila kennan kanneen biroo waraanaan barbadaa’anii turan leenjii dabalatee qophii daawwattoota keessummeessuu dandeessisu akka taasisan dabalatee deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiru jedhan. Qabeenyota tuuriizimii naannoo Tigraayi jiran beeksisuun fi paakeejonni tajaajilaa akka gurguraman gama gochuutiin bulchiinsa naannichaa kan yeroo waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Tuurizimiin damee kana egereef bu’a qabeessummaan itti fufsiisuun gamtoomina hundagaleessa. Kan gaafatu ta’uu dubbataniiru.
Yakka butii Adde Tsaggaa Balaachootti kan shakkame Yehuwaalaa Maabraatuu mana murteetti dhihaate
Jun 8, 2023 38
Waxabajjii 01/2015 (TOI)- Gocha yakkaa butii Adde Tsaggaa Balaachootti kan shakkame to’annaa poolisii jala kan jiru Yehuwaalaa Maabraatuu mana murteetti dhihaachuusaa qajeelchi poolisii magaalaa Hawaasaa beeksise. Itti gaafatamaan qajeelcha poolisii magaalaa Hawaasaa Inispeektar Malkaamuu Ayyalee TOItti akka himanitti, himatamaan kun kaleessa mana murteetti dhihaateera. Abbaan alangaa himatamaa ilaalchisuun raga dabalataa walitti qabuuf beellama guyyaa 14ii akka kennamuuf mana murtee gaafachuusaas ibsaniiru. Manni murtee guyyaa baallamaa dabalataa gaafatame qorachuun guyyaa beellamaa 12 kennuusaa Inispeektar Malkaamuun dubbataniiru. Adde Tsaggaa Balaachoo Caamsaa 15 bara 2015 hojii baatee mana deemaa osoo jirtuu yakki butii irratti raawwatamee hordoffii qaama nageenyaatiin gadhiifamuunshee niyaadatama.
Buqqaatota naannoo Somaalee aanaa Baabbilee buufata dahannoo jiraniif furmaata waaraa kennuutu barbaachisa-Koree dhabbataa
Jun 8, 2023 39
Waxabajjii 01/2015(TOI)- Buqqaatota naannoo Somaalee aanaa Baabbilee buufata dahannoo jiraniif furmaata waaraa kennuun akka barbaachisu Koreen dhabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa mana maree bakka bu’oota ummataa hubachiise. Koreen kun haala buqqaatonni buufata dahannoo irra jiran ilaaleera. “Lammiileen yeroo dheeraaf dahannoo keessa turuunsaanii sirrii miti” kan jefhan walittiqabaan koree kanaa doktar Diimaa Nagoo mootummoonni federaalaa fi naannoo qindaa’uun furmaata waaraa kennuu akka qaban hubachiisaniiru. Lammiilee eeggattummaarraa baasuun fuula dura deebisanii dhaabuuf qaamoleen dhimmi ilaalu qoodasaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru. Miseensonni koree dhaabbataa rakkoon lammiileen buqqa’anii furamaata amma argatanitti qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Ittigaafatamaan soda balaa fi deebisanii dhaabuu buufata dahannoo Baabbilee obbo Heenook Bayyanaa gamasaaniin buqqaatonni ofeeggattummaarraa baasuun bakka turanitti deebisuun xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhan. Maatiin kuma 16 fi 700 ol buufata dahannoo kanatti akka argamanii fi bakki gahaa ta’e dhabamuunsaa tajaajila barbaachisu argachaa akka hinjirre ibsaniiru. Lammiileen buufata dahannoo Baabbileetti argaman gamasaaniin, bakka kana waggaa toorba akka turanii fi deeggarsi taasifamaafii jiru gahaa akka hintaanee fi deeggarsi taasifamu baay’ina buqqaatotaa waliin akka walhinginne ibsaniiru. Naannawa kanatti soho’uuf waraqaa eenyummaa lammummaa ibsuu fi tajaajilli waldhaansaa gahaan dhabamuun akkasumas manni barumsaa kutaa 6 ol barsiisu dhabamuunsaa ijoolleesaanii akka hinbarsiifne taasisuusaa dubbataniiru. Koreen dhaabbataa kun deeggarsa isaa akka taasisuufis gaafataniiruy. Buqqaatonni naannoo Somaalee jiran gargaaramuu jalaa bahanii akka ofbulchan mootummaan deeggarsa akka taasisu jaarsoliin naannawicha waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii mana maree bakka bu’oota ummataarraa argame nimul’isa.
Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti lammiilee buqqa’an qe’eesaaniitti deebi’aniif deeggarsi nitaasifama-Komishinii soda balaa fi hooggansa hojii naannichaa
Jun 7, 2023 182
Caamsaa 30 /2015 (TOI) - Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti lammiilee qe’eerraa yaalii oomishanii ofdanda’uuf taasisan deeggaruuf deeggarsi galtee qonnaa akka taasifamuuf Komishinii soda balaa fi hooggansa hojii naannichaabeeksise. Komishinarri komishinichaa obbo Taarraqany Taasisaa ibsa har’a kennaniin akka jedhanitti, haalli nageenyaa naannichaa yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufeera. Lammiilee rakkoo tureen buqqa’an kuma 475 ol keessaa dhibbantaa 92 ol qe’eesaaniitti deebisuun danda’ameera jedhan. Yeroo ammaa xiyyeeffannoon komishinichaa inni guddaan egereef deebisanii dhaabuu akka ta’e eeranii, kanaafis karoorri tarsiimawaa waggaa shanii qopheessee hojeessaa akka jiru ibsaniiru. Akkaataa karoora tarsiimawaa Kanaan hojiiwwan manneen jireenyaa namoota dhuunfaa miidhaman, bu’uraaleen misoomaa kanneen akka fayyaa, barnootaa, qonnaa fi kanneen biroo deebisanii dhaabuu akka keessatti argaman eeraniiru. Lammiilee lakkoofsaan xiqqaa buqqa’anii dahannoo yeroo keessatti hafan qe’eesaaniitti deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Keessumaa kanneen qe’eesaaniitti deebi’an nageenya argametti fayyadamanii ganna kanatti maasaasaanii misoomsuun nyaataan akka ofdanda’an dursanii carraaqqii taasisuu akka qaban obbo Taarraqany dubbataniiru. Komishinichi galteewwan qonnaa dhiheessuuf mootummaa federaalaa akkasumas qaamole deeggartootaa waliin walta’uun deeggarsa taasisu akka itti fufsiisu obbo Taarraqany beeksisaniiru.
Diinagdee
Diinagdeen Itoophiyaa bara baajataa 2016tti dhibeentaa 7.9 guddata jedhamee eegama
Jun 8, 2023 90
Waxabajjii 1/2015 (TOI):- Dinagdeen Itoophiyaa bara baajataa 2016tti dhibbeentaa 7.9 guddata jedhamee akka eegamu Ministirri Maallaqaa obbo Ahmaad Shiidee himan. Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walgahii idilee 24ffaa gaggeessee jira. Walgahicharratti Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee ibsa baajata mootummaa federaalaa bara 2016 dhiyeessaniiru. Obbo Ahimad Shidee akka himanitti, bara baajata dhufu diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 7.9'n akka guddatu tilmaamameera. Wxineen baajataa bara kanaas kunis diinagdeen biyyattii rakkoolee mudate irraa gara haala idileetti ni deebi’a jedhamee akka eegamu himaniiru. Waggoota darbanitti diinagdeen Itoophiyaa giddu galeessaan waggaatti guddina dhibbeentaa 6.1 galmeessisaa kan ture yoo ta’u, bara bajataa kanattis guddina dhibbeentaa 7.5 galmeessisuun ni danda’ama jedhamee eegama jedhaniiru. Baajata itti aanuuf tilmaamni guddina diinagdee tarkaanfiiwwan imaammata maallaqaa fi faayinaansii ciccimoo mootummaan fudhachuuf yaadu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Ministirri Maallaqaa akka ibsanitti wixineen baajata bara 2016 hanqina baajata hin sirreeffamne birrii biiliyoona 281 agarsiisa.
Godina Qeellam Wallaggaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 402’n ijaaramaa jiran 8 bara bajataa kana xumuramanii tajaajilaaf ni’oolu-waajjira bishaanii fi inarjii godinichaa
Jun 8, 2023 55
Waxabajjii 01/2015 (TOI) -. Godina Qeellam Wallaggaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 402’n ijaaramaa jiran 8 bara bajataa kana xumuramanii tajaajilaaf ni’oolu jedhe waajjira bishaanii fi inarjii godinichaa. Pirojektoonni bishaan dhugaatii jiraattota godinichaa nifuru jedhamanii yaadaman kunneen ijaarsisaanii xumuramaa akka jiru ibsameera. Bakka bu’aan ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Gaaromaa Ofga’aa pirojektoonni kunneen mootummaa naannichaan ijaaramaa akka jiran ibanii, jiraattota kuma 30 ol akka fayyadan dubbataniiru. Pirojektoonni bishaanii kunneen aanaalee baadiyyaa sadii fi bulchiinsota magaalaa sadii keessayyi ijaaramaa akka jiran dabalanii ibsaniiru. Mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu ummataan gahuuf hojjechaa akka jiru itti gaafatamaan kun ibsanii, haala Kanaan walumaa gala godinichatti ijaarsi pirojektoota bishaan dhugaatii 28 ijaaramaa akka jiran ibsaniiru. Pirojektoota kanneen keessaa maanaajariin pirojektii dhaabbata konistiraakshin injiinariingii Waadaa obbo Lalisaa Baqqalaa gamasaaniin, pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu aanaa Daallee Sadii magaalaa Haroo Sabbuutti ijaaramaa jiru tajaajilaaf oolchuuf akka ta’e dubbataniiru. Ijaarsi pirojektichaa bara 2012 akka jalqabame dubbatanii, dhibbantaa 99 tuqaa 8 akka xumuramee fi waggaa sadii osoo hinguutiin xumuramee walharkaa fuudhinsa eegaa akka jiran ibsaniiru. Pirojektichi tajaajila wayita eegalu sakondii tokkotti bishaan liitira 29 maddisiisuu akka danda’us dubbataniiru. Jiraattota godinichaa keessaa TOI’f yaada kan kennan jiraataan aanaa Daallee Sadii obbo Daamxoo Xilaahuun akka jedhanitti, pirojektoonni hojjetamaa jiran rakkoo bishaan dhugaatii waggaa dheeraa akka hir’isuuf dubbataniiru. Itti dabaluunis rakkoon bishaan dhugaatii qulqulluu waan jiruuf dhukkuboota bishaanirraa dhufan hedduuf saaxilamaa akka turan dubbatanii, tajaajila kennuu wayita jalqabu rakkoon kun akka furamuuf abdii akka qaban dubbataniiru. Jiraattuun magaalaa Dambiidoolloo adde Siddisee Addunyaa gamasaaniin, rakkoon bishaan dhugaatii magaalicha keessa akka ture ibsanii, sababa Kanaan dhukkuboota addaddaaf saaxilamaa turuusaanii dubbataniiru. Pirojektiin bishaanii yeroo ammaa xumuramuuf jedhu rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Dambiidoolloo guutummaatti akka furu abdii qaban ibsaniiru.
Agarsiifini idil addunyaa 'Agirii Fuudiifi Saamsa nyaata' baname.
Jun 8, 2023 23
Waxabajjii 1/2015(TOI):- Agarsiifini idil addunyaa 'Agirii Fuudiifi Saamsa nyaata' har'a galma Barkumeetti baname. Sirna banisa agarsiisichaarratte Ministirri deetaa Indaastirii obbo Hasan Mahaammad dabalatee ambaasaaddaroonni, qaamoleen damee daldaalafi keessummoonni waamichi godhameef argamaniiru. Agarsiisa kanarratti biyyoota 14 irraa kannen agarsiisicha dhiheessan 130 hirmaataniiru. Itoophiyaa dabalatee Chaayinaa, Jarman, Nezarlaandi, Hindi, Xaaliyaan, Tarkiyyee, Ostiriyaa, Bulgaariyaa, Faransaat, Jarman, Joordaanfi Keeniyaan irraa agarsiisa kanarratti hirmaataniiru. Agarsiifni daldalaa kun indastirii Qonna, Nyaata qindeessuu,Paalastika, maxxansafi saamsa nyaatarratti kan xiyyeeffatedha. Agarsiifni kun walitti dhufeenya gabaa uumuu fi waa’ee carraa daldalaa yeroo ammaa fi guddina haaraa indaastiricha keessatti mul’atu baruuf carraa guddaa akka himameera. Agarsiisa daldalaa kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u namoonni kuma 3 ol ni daawwatu jedhamee eegama.
Jilli Korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii zoonii daldala bilisaa Daagziing fi zoonii dinagdee addaa Chaayinaatti argamu daawwate
Jun 8, 2023 32
Waxabajjii 01/2015(TOI)- Jilli Korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii zoonii daldala bilisaa Daagziing fi zoonii dinagdee addaa Chaayinaatti argamu daawwateera. Zooniin daldala bilisaa fi zooniin dinagdee addaa iddoowwan dinagdee fi Invastimantii guddaa Chaayinaatti argaman keessaa tokko ta’uusaa korporeeshinichi odeeffannoo fuula marsariitiisaarratti baaseen beeksiseera. Jilli kun muuxannoowwan, hojmaatilee fi sirna hojmaataa zoonii daldala bilisaa Dirreedawaa bu’a qabeessa taasisuu dandeessisan arguunsaa ibsameera. Ziiniin daldala bilisaa Daagziing fi zooniin dinagdee addaa pirezidaantii Shii Jiinpiingiin eebbifamee hojii kan eegale yemmuu ta’u, tajaajila kennuu fi bal’inaan buufata Xiyyaaraa Beejiing kan caalu buufata xiyyaaraa ofkeessaa akka qabu beekameera. Chaayinaa guutuu addunyaa waliin dinagdeen caalaatti walitti akka fidu kan ibsame Zooniin invastimantii fi dinagdee daldalaa, Invastimantii fi dinagdee idil addunyaa Beejiing dabalatee, magaalaalee Tiiyaanjiin fi Hubeey akka ofkeessatti qabatu eerameera. Qajeelchi maarketiingii fi komunikeeshinii korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii hooggantoota biroo waliin ta’uun daawwannaa hojiif Chaayinaatti argama.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoo Telekoom magaalaa Finfinnee waliin Pirojektii Ismaartii Siitii Finfinnee irraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse.
Jun 6, 2023 59
Caamsaa 29/2015 (TOI):- Itiyoo Telekoom magaalaa Finfinnee waliin bu'uuraalee misoomaa 'Pirojektii Ismaartii Siitii' magaalaa Finfinnee irraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse. Akka waliigaltee kanaatti Ityoo Telekoom misooma bu’uuraalee misoomaa 'Wide Area Network (SD-WAN Network)' kan waajjiraalee magaalattii fi dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa karaa salphaan wiirtuu daataa guddicha waliin walqunnamsiisuu danda’u diriirsuuf waliigalame. Haaluma kanaan kutaa magaalota11, aanaalee 120, fi waajjiraalee 44 bakka adda addaatti argaman, akkasumas wiirtuun daataa guddichaa saffisa qunnamtii meeggaa baayitii amma jiru irraa gara giigaabaayitii 1 hanga giigaabaayitii 100tti guddisuuf waliigaltee kana taasissera jedhameera. Waliigaltichi magaalaa Finfinneetti karoora Pirojeektii Ismaartii Siitii magaalaa Finfinnee dhugoomsuudhaaf pirojektoota gurguddoo hojiirra oolan keessaa tokko ta’uun ibsamee jira. Ji'oota muraasa dura Itiyoo Telekoom 'Pirojektii Ismaartii siitii ' Magaalaa Adaamaa hojiirra oolchuuf Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa waliin waliigaltee raawwachuun hojiilee adda addaa hojjechuu jalqabuun ni yaadatama.
Dorgommiin kalaqa yaada daldalaa Abdii Itoophiyaa 2015 jalqabame.
Jun 5, 2023 64
Caamsaa 28/2015(TOI):- Qopheessummaa Ministeera Hojii fi Ogummaan dorgommin kalaqa daldalaa “Abdii Itoophiyaa 2015” jedhuun Giddugalaa Dagaagina Kalaaqaa Buraayyuutti gaggeeffamuu jalqabe. Sirna banisa sagantaa kanaarratti ministirri Deetaa Hojiifi ogummaa obbo Nugusuu Xilahuun fi daarektarri olaanaa Instiitiyuutii Misooma Intarpireenarishiip Doktar Hasan Huseen argamaniiru. Dorgommicha qopheesuummaa Ministeera Hojiifi Ogummaan mata duree 'Leenjisuu, Badhaasuu, Gahoomsuu' jedhuun kan qopheessee yoo ta'u naannolee hundaarra aanaarraa jalqabee dorgommii kalaqa yaada daladalaa qaban 200 hirmaachaa jiru. Dorgomtoota kana keessaas sadarkaa jiruun dorgomanii kanneen injifatan 50 badhaafamuun Abdii Itoophiyaa 2015 kan xumuramu ta'uu himaniiru. Dorgommiin kun hanga Waxabajjii 17/2015 kan turu ta'uun himameera.
Obbo Salamoon Sookaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun kalaqxoota jalqabdoota agarsiisa Jii’aayteeks Moorookootti qophaa’e daawwatan
Jun 3, 2023 215
Caasaa 26/2015 (TOI) – Daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii obbo Salamoon Sookaa kalaqxoota jalqabdoota Itiyoophiyaa bakka bu’uun agarsiisa teeknooloojii idil addunyaa Moorookootti qophaa’erratti argaman daawwatan. Konfaransii Moorookoo Maaraakaashitti yeroo jalqabaaf Afriikaatti waltajjii mata duree “hojiin gabbisa dandeettii ga’umsa ogummaa fi misooma dinagdeef” jedhuun qophaa’erratti kan hirmaatan daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii obbo Sookaa konfaransicha cinaatti Itiyoophiyaanota kalaqxoota jalqabdoota daawwachuunsaanii ibsameera. Afriikaatti jalqabaaf kan adeemsifamee fi konfaransii xiyyeeffannoosaa dameewwan teeknooloojii kanneen akka nageenya saayibarii, Kilaawud kompiiyutiing, sammuu namtolchee, Fiinteek (fintech), magaalaa dijitaalaa, agrii teek (agritech) irratti Itiyoophiyaan oomishaa fi tajaajilootashee beeksifteetti. Qaamoleen saaybarii fi dhimmoota walfakkaatanirratti dandeettii qaban bulchiinsa nageenya neetwoorkii waliin gamtaan hojjechuu akka qabanii fi dhaabbatichi kanaaf qophaa’aa ta’uusaa daarektarri olaanaa kun ibsaniiru. Daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii dabalatee ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa daawwannaa kanarratti hirmaataniiru.
Dantaa biyyaa kabachiisuuf carraaqqii taasifamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii bahachuu qabu
Jun 1, 2023 111
Caamsaa 24/2015 (TOI) :- Faayidaa biyyaa kabachiisuuf tattaaffii godhamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii sirnaan bahuu akka qaban Minsteerri dhimma alaa beeksise. Ministeerri Dhimma Alaa, Abbaa Taayitaa Misooma Baha Afrikaa (IGAD) waliin ta’uun gaazexeessitoota biyya keessaa fi biyya alaatiif leenjii guyyoota lamaaf kennaa jira. Leenjichi ogeeyyiin miidiyaa dhimmoota tasgabbii fi nageenya mirkaneessuu akkasumas yakkoota daangaa qaxxaamuraan ittisuu keessatti haala gahee isaanii cimsuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa obbo Mallas Alam waltajjii leenjii kanarratti, hojiiwwan dantaa biyyaa eegsisuuf hojjetaman keessatti dippilomaatota qofa osoo hin taane gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru. Kanaaf gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa isaanii bahachuu fi keessumattuu odeeffannoo sirrii qopheessuun hawaasa biraan gahuun barbaachisaadha jedhaniiru. Keessattuu leenjiin kun dhimmoota walitti bu’iinsaa fi nageenyaa irratti gabaasa sirrii fi madaalawaa ta’e dhiyeessuuf beekumsaa fi dandeettii barbaachisu akka horatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Ispoortii
Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii Maraatoonii Siwiidiin sitokihoolimitti geggeeffame injifatan.
Jun 5, 2023 59
Caamsaa 28/2015(TOI) - Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii Maraatoonii Siwiidiin sitokihoolimitti geggeeffame sadarkaa tokkoffaa hanga 3ffaattiin galuun injifatan. Torban darbe biyyoota adda addaatti dorgommiin atileetiksii geggeeffameera. Dorgomiiwwaan kana keessaas dorgommiin maraatoonii Siwiidiin sitokihoolimitti geggeeffame isa tokkodha. Dorgommii kanarratti atileetoonni Itoophiyaa saala lamaanirrayyuu sadarkaa 1ffaa ahanga sadaffaatti qabachuun xumuraniiru. Dhiiraan atileet Ashanaafii Mogos sadarkaa tokkooffaan yoo xumuru, Atileet Daraaraa Hurreessaa sadarkaa 2ffaa akkasuma atileet Tsaggayee Mokonniin sadarkaa 3ffaan xumuruun injifataniiru. Dubartootaan immoo Atileet Siifaan Malaakuu sadarkaa 1ffaan yoo injifattu atileet Soroomee Nagaash sadarkaa 2ffaan akkasuma Atileet Yeneenesh Dinqeessaa sadarkaa 3ffaan xumuruun injifataniiru. Dorgommii walakkaa maraatoonii Ispeen Albaaseeteetti geggeeffameen immoo atileet Kaasaaneesh Ashanaafii sadarkaa 1ffaan xumuruun injifateetti. Dorgommii maraatoonii walakkka Neseen Mandeellaa Afrikaa Kibbaatti geggeeffamee immoo atileet Baqqaleech Waariyoo sadarakaa sadaffaan galuun injifateetti. Atileet Salaam Gabreefi Tigisti Ayyaaloowu sadarkaa 4ffaa fi 5ffaan xumuraniiru.
Taphoonni xumuraa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’a nitaphatamu
May 23, 2023 211
Caamsaa 15/2015(TOI)- Taphoonni xumuraa Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaa har’a Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Akkaataa sagantaa kanaatiin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti magaalaan Hawaasaa Madin Itiyoophiyaa waliin nitaphatu. Magaalaan Hawaasaa qabxii 33’n sadarkaa 8ffaarratti yemmuu argamu, Madin Itiyoophiyaan qabxii 44’n sadarkaa 2ffaarratti argama. Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen homaa hinmo’anne . Al lma mo’amee, al lama mo’ameera, sadii ammoo walqixa baheera. Gama biraatiin Madin Itiyoophiyaan taphoota shan kanaan dura taphateen lama mo’atee lamaan mo’amee al tokko qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii malee walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Taphoonni xumuraa sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa 25faa kan biraan Itiyoo elektiriikii fi Machaal jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti nitaphatama. Itiyoo elektiriik qabxii 11’n sadarkaa xumuraa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarratti argama. Machaal ammoo qabxii 32’n sadarkaa 11ffaarra jira. Itiyoo elektiriik taphoota shan walitti aanan taphateen homaa hinmo’annee. Afur mo’amee tokkoon walqixa baheera. Morkataansaa Machaal taphoota shan walitti aanan taphateen al sadii mo’atee, al lama mo’ameera. Itiyoo elektiriik tapha har’aatiin yoo mo’ame ykn walqixa yoo bahe piriimer liigiirraa gadi bu’uusaa kan mirkaneeffate kilaba lammaffaa nita’a. Lagaxaafoo Lagadaadhii dhihoo kana Piriimer liigiirraa gadi bu’uunsaa niyaadatama. Kilaboonni lamaan taphni marsaa jalqabaa taasisan qabxii tokkoo fi tokkoon walqixa xumuramuunsaa nibeekama. Haala walfakkaatuun taphoota torbee 25ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Sidaamaa Faasiil Kanamaa goolii 1 fi 0’n akkasumasa magaalaan Dirreedawaa magaalaa Walqixxee goolii 2 fi 1’n mo’ateera.
Taphoonni Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’as nitaphatau
May 22, 2023 170
Caamsaa 14/2015 (TOI) – Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaan oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Faasiil Kanamaan Buna Sidaamaa waliin nitaphatu. Faasiil Kanamaan qabxii 37’n sadarkaa shanaffaa akkasumas Bunni Sidaamaa qabxii 30’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen sadii mo’atee tokko mo’amee al tokko walqixa baheera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota shan keessaa sadii mo’atee lama mo’ameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Faasiil Kanamaan goolii 4 fi 2’n mo’achuunsaa niyaadatama. Sagantaa Piriimer liigii Beetkiingii Itihioophiyaa torbee 25ffaa kan biraatiin magaalaan Walqixxee galgala sa’aatii 12tti magaalaa Dirreedawaa waliin nitaphatu. Magaalaan Walqixxee qabxii 29’n sadarkaa 13ffaarratti yemmuu argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa darbe shan taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’amee al lama qabxii qooddateera. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota shan darbaniin al lama mo’atee sadii mo’atameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama. Haala wal fakkaatuun piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Bahaardaar akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Walaayittaa Diichaa goolii Walfakkaataa 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’aa kaasee nitaphatamu
May 20, 2023 257
Caamsaa 12/ 2015 (TOI) – Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin nijalqabama. Magaalaan Adaamaa magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu. Magaalaan Adaamaa qaxii 32’n sadarkaa 8ffaa akkasumas magaalaan Arbaa Minci qabxii 25niin sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadu bu’aa keessatti argama. Magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii walitti aansee taphate shaniin lama mo’atee, tokkoon mo’amee, al lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Arbaa Miinci taphoota shan taphateen homaa hinmo’anne. Al tokko mo’ateera, al afur ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin magaalaan Arbaa Minci goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama. Taphni piriimer liigii beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa marsaa lammaffaa buna Itiyoophiyaa fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti taphatama. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 34’n sadarkaa 5ffaa akkasumas Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa isa dhumaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarratti argama. Bunni Itiyoophiyaa taphoota shaman darban taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’ameera. Al lama ammoo Walqixa baheera. Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota shan taasiseen homaa hinmo’anne. Afuriin mo’atee altokko ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii 2 fi 2 walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Bunni Itiyoophiyaa Lagaxaafoo Lagadaadhii mo’atee magaalaan Arbaa Minci magaalaa Adaamaa yoo mo’ate Lagaxaafoo Lagadaadhii taphni shan osoo hafuu kilaba piriimer liigiirra bu’u kan jalqabaa ta’a. Sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa amma Caamsaa 15 bara 2015tti nitura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa qabeenya keenya waloo humna ida’ameen dhaloota dhufu dhaalchifnudha-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jun 8, 2023 25
Waxabajjii 01/2015(TOI) –“ Sagantaan Ashaaraa Magariisaa qabeenya keenya waloo humna ida’ameen dhaloota dhufu dhaalchifnudha” jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mata duree "egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun naannoo Affaaritti argamuun sagantaa Ashaaraa magariisaa boqqonnaa lammaffaa jalqabsiisaniiru. Ministira muummee dabalatee pirezidaantonni naannolee, ministiroonnii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon sagantaa kanarratti argamaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad wayita kanatti ergaa dabarsaniin sagantaan ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa waggoota afran itti aananiif akka hojiirra ooluu fi biqiltuuwwan biiliyoona 25 akka dhaabaman ibsaniiru. Sagantaan kun qaama yaalii Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftuu ta’uusaa eeranii, irra caalaa qonnaa bosona ofitti qabateef xiyyeeffannoo nikenna jedhan. Haala Kanaan sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaatiin biqiltuuwwan qonnaa bosona walii walitti hidhate dhibbantaa 60, dhibbantaan 35 ammoo biqiltuuwwan bosonaa, wayita ta’an dhibbantaan 5 biqiltuuwwan miidhagina magaalaaf oolan akka dhaabaman eeraniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa qormaatilee jijjiirama haala qilleensaa kan damdamatan biqiltuuwwan biyya keessaa akka ta’an dubbataniiru. Sagantaan kun amma Fulbaana dhufuutti bara 2016tti akka itti fufu ministirri muummee eeraniiru. Sanantaan ashaaraa magariisaa qabeenya keenya waloo humna ida’ameen dhaloota dhufu dhaalchifnu waan ta’eef milkaa’inasaaf hundi qoodasaa akka bahu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan bara kana dhaabama biiliyoona 7 tuqaa 4 qophaa’uusaanii ministeerri qonnaa ifoomseera. Sirni hojmaataa biqiltuuwwan dhaabaman teeknooloojiin hordofuu dandeessisu ministeera innoveeshinii fi teeknooloojii waliin ta’uun diriirfamuun beekameera.
Magaalichatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biltuu miliyoona 17 dhaabuuf qophiin taasifameera.
Jun 8, 2023 21
Waxabajjii 1/2015(TOI):- Magaalaa Finfinneetti bara kana sagantaa ashaara magariisaan biqiltuu miliyoona 17 dhaabuuf qophiin taasiafamuu Biiroon qulqullinaafi misooma magariisaa beeksise. Itoophiyaatti waggoota arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltoota biliyoona 25 ol dhaabuun rakkoo jijjirama qilleensaa furuu keessaatti hojii hojjetameen milkaa'inni guddaan argameera. Milkaa'ina kanarra ka'uun boqonnaan lammaffaan sagantaa ashaaraa magariisaa jalqabuuf qophiin xumurameera. Haaluma kanaan magaalaa Finfinneetti bara kana waqtii gannaa qofa biqiltuu miliyoona 17 dhaabuuf qophiin taasifamuu bulchiinsa magaalichaatti itti aantuun biiroon Qulqullinaafi misooma magariisaa aadde Yimmanyushaal Taaddasaa TOItti himaniiru. Magaalichaatti waggoota arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaan biltuu miliyoona 14 dhaabamuu himanii, boqonnaa lammaffaa kanaan namoota miliyoona 2 ol hirmaachisuun kutaalee magaalichaa hundaatti boolli biqiltuun keessa dhaabbatu qophaa'a jira jedhaniiru. Biqiltoota dhaabaman keessaa harkii 20 fuduraa, harki 20 immoo miidhagina magaalaaf kan oolan, kanneen hafan immoo biltoota gaaddisa ta'anidha jedhaniiru. Biqiltoonnii marsaa jalqabaan dhaabaman kununfamaa jiraachuu himanii kanneen keessaa harki 86 qabachuu himaniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabuu bara kanaa akka milkaa'uuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu gahee isaanii akka bahan waamicha taasisaniiru.
Godina Booranaa Bahaatti lafti heektaara kuma 15 ol nyaata looniif akka oolu tuttuqaarraa ala taasifame-Waajjira qonnaa godinichaa
Jun 7, 2023 31
Caamsaa 30/2015 (TOI)- Godina Booranaa Bahaatti lafti dheedichaa heektaara kuma 15 ol tuttuqaarraa ala taasifamuusaa waajjira qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti ogeessi qabeenya uumamaa obbo Aliyyee Areebaa godinichatti lafti dheedichaa heektaara 15 ol tutuqaarraa ala ta’eera jedhan. Lafti dheedichaa tuttuqaa ala taasifame sababa ongeefi kanneen birootiin miidhaan kan irra gahe ta’uun beeksisaniiru. Barana aanaalee godinchaa saddet keessatti lafti dheedichaa heektaara kuma 14 ol miidhaan irra gahe tuttuqaarraa ittisuuf karoorfamee akka ture yaadachiisaniiru. Amma ammaatti hirmaannaa ummataan lafti heektaarri kuma 15 fi 165 daangeffamee kunuunfamaa akka jiru ibsaniiru. Sadarkaa nama dhuunfaattis hojii kana hojjechuuf qophiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Roobni arfaasaa yeroo ammaa roobaa jiru marga dheedichaaf gaarii ta’uu beeksisaniiru. Lafa daangeffame biqiltuu dhaabuuf qabeenya uumamaa misooma magariisaan kunuunsuuf biqiltuu miiliyoona 28 dhaabbiif qopheeffamuu ibsaniiru. Lafti dheedichaa hirmaannaa horsiisee bulaan daangeffame beellada kuma 70 fayyadamoo akka taasisu ibsaniiru. Waajjirichatti dursaan garee deebisanii dhaabuu obbo Waariyoo Hasan, waggaa darbe hanqina nyaata loonii sababa ongeen mudatee tureen beelladoonni hedduun miidhamuusaanii yaadataniiru. Ongee ittisuuf lafa dheedichaa kunuunsuu fi bishaan lafa keessaa baasuun itti fayyadamuuf hojmaanni diriirfamuu dubbataniiru. Godinichatti jiraataa aanaa Liiban ganda Laga Guulaa obbo Shoobaa Mooluu lafa marga dheedichaa daangessuun hanqina nyaata loonii hir’isuuf qophii taasisaa akka jiran ibsaniiru. Jiraataan aanaa fi ganda kanaa kan biraan obbo Carfii Jaataanii waggaa darbe miidhaan ongeen qaqqabe akka hindeebine namoota naannoo waliin ta’uun hojjechaa akka jiran ibsaniiru. ''Lafa margaa daangessinee daagaa hojjennee kunuunsaa jirra, rooba arfaasaatiin biqiltuu dhaabneerra, haroowwanis bishaan roobaatiin nuuf guutaa jiru” jedhaniiru.
Walatajjiin Waliigaltee hammattoo jijjiirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii waggaatti qophaa'u guyyaa har’aa Jarman Magaalaa Boonitti gaggeeffamuu eegalee.
Jun 5, 2023 177
Caamsaa 28/2015 (TOI)- Waltajjiin Waliigaltee hammattoo jijjiirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii waggaatti qophaa'u guyyaa har’aa Jarman Magaalaa Boonitti gaggeeffamuu eegalee. Itoophiyaanis waltajjii waliigaltee jijjiirama qabeenya qilleensaa kanarratti hirmaachaa jirti. Kaayyoon, walga’ichaas yaadota murtee Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii biyyoota miseensotaan akka bocamuuf ta’uun eerameera. Waltajjicharratti gareen jilaa Ministir Deetaan Ministeeraa Pilaanii fi Misoomaa Obbo Saandookaan Dabbabaan durfamu hirmaachaa jiru. Obbo Sandookaan marichaan cinaatti biyyoota, dhaabbilee fi gareewwan garaagaraa waliin marii gamlamee ni taasisuu jedhamuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa irraa argame ni mul’isa. Walga’ii kanaan ajandaaleen jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti bal’inaan mari’achuun yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtomanii 28ffaarratti yaadota murtee dhiyaatan ni qopheessu jedhamee eegama.
Gabaasa addaa
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 129
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.
Hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf
May 14, 2023 244
Caamsaa 6/ 2015 (TOI)፦ Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf jedhan. Aadde Adaanech sirni kabaja guyyaa ittisa balaa tasaafi ibiddaa Finfinneetti kabajamaa jirurratti Waggoota lamaan darban balaa tasaafi ibiddaa ittisuuf xiyyeeffannoon kennamee, dhaabbata ammayyaa humna namaafi sirna cimaa qabu guddina magaalichaa waliin kan deemu meeshaalee galteef oolan gahaa akka qabaatu xiyyeeffannoon hojjetameera jedhaniiru. Guyyaan ittisa balaa tasaafi Ibiddaa akka idil addunyaatti yeroo 24ffaaf akka Itoophiyaatti immoo yeroo 2ffaaf Finfinneetti kabajamuu ragaan miidiyaa hawaasummaa waajjira kantiibaa magaalichaarra argame ni mul'isa.