Tajaajila geejjibaa qilleensaa biyya keessaa qulqullinaanis baay’inaanis fooyyessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru-daandii qilleensaa Itiyoophiyaa

Adoolessa 06/2017(TOI) -Tajaajila geejjibaa qilleensaa biyya keessaa qulqullinaanis baay’inaanis fooyyessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiaachuu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii  qilleensaa Itiyoophiyaa ibsan

Tarminaaliin Kombolchaa  xumura baatii Adoolessaa akka eebbifame himameera.

TOI waliin turtii kan taasisan hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, Itiyoophiyaa keessatti geejjiba qilleensaa baay’inaan kan kennu daandii qilleensaa qofa akka ta’e ibsaniiru.

Yeroo ammaa magaalaawwan 22tti tajaajila kennaa kennaa akka jiru ibsanii, kunis Afriikaa keessaa tajaajila guddaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajilli kun gahaa akka hintaane ibsanii, qulqullinaanis ta’e baay’inaan guddisuuf hedduu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Kanneen keessaa terminaalonni imaltoonni itti keessummeeffaman sadarkaasaanii kan eeggatan gama
gochuufn erpoortota hedduu keessatti hojiin guddaan hojjetamuu beeksisaniiru.

Dabalataanis Shiree, Naqamtee fi Dambii Doolloottii terminaalota haaraa ijaaruuf karoorfamuu eeraniiru.

Bakka xiyyaaronni irraa ka’an haaromsuun xiyyaaronni gurguddoo qubachiisuu akka danda’an gochuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Erpoortoonni bakka hinjirrettis erpoortonni jaha hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Kanneen keessaa erpoortiin Yaa’a Bal’oo baatii Hagayyaa akka eebbifamu dubbataniiru.a

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015