Itiyoophiyaan yaa’ii haala Qilleensa Afrikaa lammaffaa irratti Muuxannoo Milkaa’oo Misooma Magariisaa nidhiheessiti-Ministeera Karooraa fi Misoomaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan yaa’ii haala Qilleensa Afrikaa lammaffaa irratti Muuxannoo Milkaa’oo Misooma Magariisaa nidhiheessiti-Ministeera Karooraa fi Misoomaa

Adoolessa 08 /2017 (TOI)-Itiyoophiyaan yaa’ii haala Qilleensa Afrikaa lammaffaa qopheessuu irra darbee muuxannoo milkaa’oo hojii Misooma Magariisaa ishee akka dhiheessitu de’eetaan Ministira Karooraa fi Misoomaa Siyyum Mokonnin ibsan.
Yaa’icha keessummeessuuf qophiin guddaan taassifamaa jiraachuu dubbatanaiiru.
Itiyoophiyaan Gamtaa Afriikaa waliin ta’uun baatii Qaammee keessa yaa’ii haala Qilleensaa Afriikaa 2ffaa keessummeessitu ilaalchisuun dhaabbilee deeggartootaa Idil Addunyaa fi bakka bu’oota waldaalee sivilii Waliin waltajjiin marii gaggeeffameera.
De’eetaan Ministira Karooraa fi Misoomaa Siyyum Mokonnin, Afriikaan jijiirama haala qilleensaaf gumaachi qabdu xiqqaa ta’us, miidhaa guddaa keessummeessuushee dubbataniiru.
Hongeen, lolaan, Babal’achuu dhukkubaa, balaan ibiddaa fi rakkoowwan biroon sababa Haala Jiijiirama Qilleensaan Ardicha Saaxilamtuu taasisuusaa dubbataniiru.
Rakkoo ittisuu fi dhiibbaa dandamachuuf Sadarkaa Afriikaatti tarkaanfiin adda addaa fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan Dinagdee Magariisaa haala jijiirama qilleensaa dandamatu ijaaruuf Imaammata, Tarsiimoo fi bu’uura seeraa qopheessitee tarkaanfii qabatamaa fudhachaa akka jirtu ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa kaka’umsa guddaa balaa jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti maqsuuf hojeeffamee bu’a qabeessa ta’edha jedhaniiru
Dabalataanis Invastimentii Aannisaa Haaromfaa fi damee geejibaan hojii cimaa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
De’eetaan Ministiraa itti dabaluunis, Yaa’iin Jijiirama Qilleensaa Afriikaa lammaffaan dhiibbaa jijiirama Qilleensaa duubaatti deebisuuf daandiin mandhaaleen fudhatamaa jiran kan itti dagaagan ta’uu eeraniiru.
Biyyoonni guddatan Balaa Jijiiramni Qilleensa fidu hanbisuuf deeggarsa Maallaqaa taassisuuf walii galanis waggoota kurnan darban keessatti hammi qarshii argamee xiqqaa ta’uu dubbataniiru.
Kaayyoon yaa’ichaa tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran haala bal’aa fi fooyya’aa ta’een hojiirra oolchuuf ta’uu ibsaniiru.
Waltajjicha irratti sadarkaa gaggeessitoota biyyaatti murteewwan adda addaa kan darban ta’uu kaasuun, keessummoonni kuma 25 yaa’icha irratti akka hirmaatan dubbataniiru.
Itiyoophiyaan qooda hoggansaa cimsitee muuxannoo ishee kan qooddu ta’uu ibsiteetti.
Yaa’ichi balaa dhufaa jiru duubatti deebisuuf biyyoonni kutannoo isaanii yerootti mirkaneessan ta’uu kaasuun, Itiyoohiyaan yaa’ii kanaaf qophii bal’aa taassisaa jiraachuu dubbataniiru.