Angafoota Oduu
Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektaara kuma 902 ol dhaabbii biqiltuuf qophaa’eera- Misooma bosonaa Itiyoophiyaa
Jun 3, 2023 23
Caamsaa 26/2015 (TOI)- Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektaara kuma 902 ol dhaabbii biqiltuuf qophaauusaa misoomni bosonaa Itiyoophiyaa ibse. Waggaa afur dura yaada ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad maddisiisaniin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa jalqabdeen biqiltuu biiliyoona 25 ol dhaabdeetti. Oomishaa fi oomishtummaa biyyattii guddisuuf, wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuu fi uwwisa misoomaa bosonaa guddisuun jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf biqiltuu dhaabame keessaa dhibbantaa 55 kan ta’u bosonaafis kan oolu ta’uun ni beekama. Itti aanaan daarektara olaanaa misooma bosonaa Itiyoophiyaa doktar Mootummaa Toleeraa TOI’f akka ibsanitti, sochiin ashaaraa magariisaa waggoota arfan darbanii akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa milkaa’inaa fi hirmaannaa ummataa mirkaneessuudhaan kan eeramudha. “Itiyoophiyaatti waggaa waggaan biqiltuuwwan miiliyoonatti lakkaa’aman yoo hindhaabamne bara sababa jijjiirama haala qilleensaatiin balaa olaanaaf saaxilamnu waan ta’eef Itiyoophiyaanotaaf biqiltuu dhaabuun filannoof kan dhihaatu miti jedhan. Gaarren Itiyoophiyaa qullaatti hafuun, biyyoon dhiqamuu, bishaan gogaa jiraachuu qorannoowwan akka agarsiisan eeranii, ashaaraan magariisaa hojii dursi kennamuuf ta’uu eeraniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf karoorfamus amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 7 ol qophaa’uu itti aanaan daarektara olaanaa kun dubbataniiru. Kanaaf ammoo biqiltuun kamtu lafaa fi biyyoo kamirratti dhaabamuu qabu kan jedhu qorannaan adda baafamee dhaabbiif qophiin taasifamuuqophiin taasifamuu ibsaniiru. Amma ammaatti lafti heektaarri kuma 902 ol adda baafamee dhaabbii biqiltuuf kan qophaa’e yemmuu ta’u, kana keessaa heektaarri kuma 552 kan ta’u bosonaaf adda baafamuu eeraniiru. Lafa biqiltuuf adda baafame keessaa heektaarri kuma 257 kan ta’u kaartaan qophaa’uufii ibsaniiru. Sagantaawwan ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaatti taasifamaniif sanyii filachuurraa amma dhaabuu fi kunuunsuutti hirmaannaan hawaasaa dabalaa dhufuu mirkaneessineerra jedhan. Qaama ashaaraa magariisaa kan ta’e hojii eegumsi biyyoo fi bishaanii bonaa qidaa’aatiin hirmaannaan lammiilee dabalaa dhufuun agarsiiftuudha jedhan. Biqiltuu dhaabuun tarkaanfii sagantichaa kan jalqabaa ta’uu eeranii, kan dhaabaman kaayoo barbaadameef oolanii hawaasa fayyadamaa taasisuun galma xumuraa ta’uu eeraniiru. Sagantaa baranaatiin amma ammaatti boolli biqiltuu biiliyoona 2 tuqaa 3 ta’u qophaa’uu dubbatan. Arfaasaa bara 2015 Oromiyaa, Sidaamaa, Kibba, Itiyoophiyaa kibba lixaa fi Dirredawaatti biqiltuuwwan miiliyoona 250 ol dhaabamuu doktar Mootummaan ibsaniiru. Dhaabbanni waggoota arfan darban Itiyoophiyaatti dhaabaman jijjiiramni misooma bosonaa, wabii nyaataa, xaa’ummaa laxaa fi kkf irratti fidan qoratee ifoomsu adda baafamuu eeraniiru.
Aadaa walgargaaesaa “Buusaa Gonofaatiin” ummanni loowwan kuma 16 ol walitti qabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8’f deeggarsa taasiseera- Buusaa Gonofaa Oromiyaa
Jun 3, 2023 142
Caamsaa 26/2015 (TOI) - Aadaa walgargaaesaa “Buusaa Gonofaatiin” ummanni loowwan kuma 16 ol walitti qabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8’f deeggarsa taasisuusaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise. Deeggarsichi hawaasni akkaataa aadaasaatiin loowwan addaddaa walitti qabuun abbootiin warraa ongeen miidhaman bayyanatanii akka ofdanda’an kan taasise ta’uun ibsameera. Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo Buusaa Gonofaa Oromiyaa daoktar Malliicha Loojee TOI’f akka ibsanitti, ongeen naannicha godinoota 10 keessatti mudatee ture loonii fi namarratti miidhaa geessiseera. Ongee damdamachuuf mootummaan hojii hojjeteen lammiilee ongeen miidhaman miiliyoona 3 tuqaa 9f midhaan nyaataa kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 7 ol deeggarsa taasifamuu dubbataniiru. Deeggarsi midhaan nyaataa qaamoleen addaddaa taasisan kuntaalli kuma 180 ol miidhamtootaaf raabsamuus dubbataniiru. Yeroo ammaa bakkeewwan ongeen miidhaman bokkaan roobaa akka jiru eeranii, miidhamtoonni amma ofdanda’anitti deeggarsi nitaasifama jedhan doktar Maalliicha. Buusaa Gonofaan sirna ummanni Oromoo durii balaan uumamaa fi namtolchee wayita mudatu ittiin walgargaarudha. Akkaataa aadaa kanaatiin hawaasni yeroo darbe midhaan kuntaala kuma 100 ol sassaabee miidhamtoota godinaalee Booranaa, Baalee, Gujii fi Harargeef qaqqabsiisuu yaadachiisaniiru. Kana malees loon kuma 16 ol sassaabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8 oliif deeggarsa taasisuu eeraniiru. Mootummaan iddoowwan ongeen itti mudatetti pirojektoota misoomaa egeree hojjechaa akka jiru ibsanii, hidhoonni hedduun ijaaramanii bishaan roobaa kuusuu jalqabuusaanii dubbataniiru. Gama biraatiin roobni roobuusaatiin qonnaan bulaa fi walakkaan horsiisee bulaan misooma midhaanii akka jalqabu mootummaan sanyii, tiraaktaraa fi xaa’oo dhiheessaa akka jiru ibsaniiru. Qonnaan bulaan misooma midhaaniirratti xiyyeeffatee nyaataan ofdanda’uuf cimee akka hojjetu deeggarsi taasifamu cimee itti fufa jedhan. Godina Booranaa baasii birrii biiliyoona 5 tuqaa 3 oliin jaarsi hidha bishaanii 18 kan hojjetamu yemmuu ta’u, rooba roobeen hidhoonni 12 bishaan kuusuusaanii eerameera.
Naannoo Harariitti bara bajataa baatii 10 keessatti galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabame
Jun 3, 2023 25
Caamsaa 26/2015(TOI) - Naannoo Harariitti bara bajataa baatii 10 keessatti madda galiiwwan addaddaarraa galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabamuusaa biiroon galiiwwanii naannichaa beeksise. Itti gaafatamaan biirichaa obbo Baqqalaa Tamasgeen TOI’f akka ibsanitti, hojii misoomaa naannichatti karoorfame milkeessuuf sirna galiin itti sassaabamu gama ammayyeessuutiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Biiroon kun karoora misoomaa milkeessuuf keessumaa kenniinsa tajaajilaa gabbisuu fi hojmaatilee teeknooloojiin deeggaraman mijeessuun sirna galiin itti sassaabamu guddisuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Naannichatti bara bajataa baatii 10 keessatti taaksii kallattii fi al-kallattii akkasumas taaksiin kan walhinqabannee fi tajaajila mana qopheessaarraa galiin birriin biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabameera. Kunis raawwiinsaa karooraa ol akka ta’ee fi yeroo walfakkaataa waggaa darbee waliin walbiratti yemmuu ilaalamu caalmaa dhibbantaa 44 tuqaa 6 akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun, naga’ee kutuurratti hojiin to’annoo fi hordoffiin cimaan taasifamuusaa, kafaltiiwwan kuufaman sassaabamuusaanii fi lakkoofsi daldaltoota daldala seera qabeessaatti dhufan dabaluusaatiin galiin kun caalmaa agarsiisuusaa ibsaniiru. Akkasumas naannichatti sosochiin gibiraa mata duree “Guraandhalarraa amma Guraandhalaatti” jedhuun jalqabame daballii galiif gumaacha taasisuu beeksisaniiru. Galiin sassaabamu gaaffilee misoomaa jiraataa naannichaa deebisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetaman deeggaraa jira jedhaniiru. Yeroo bara bajataa hafetti hojiiwwan galii naannichaa guddisuuf jalqabaman cimanii akka itti fufan obbo Baqqalaan ibsaniiru. Naannichatti kafalaa gibiraa kan ta’an keessaa tokko kan ta’an obbo Geetaachoo Fiqruu yaada knnaniin, gibirri yoo hinkafalamne misoomni hinjiru jedhan. Hanqinni gibira kafaluuf biiroon kun fooyya’eetajaajila si’ataa argachaa akka jiran ibsaniiru. Magaalaa Hararitti hojii Hoteelaarratti kan bobba’an obbo Dassaaleny Asfaawu gibira misooma biyyaa fi ummataaf bu’ura ta’e kafalaan gibiraa hundi kaka’umsaan kafalee dirqamasaa bahuu qaba jedhaniiru. Naannoo Harariitti kafaltoonni gibiraa kuma 27 ol akka jiran odeeffannoon biiroo galiiwwanii naannichaarraa argame nimul’isa.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 1088
ENA
Siyaasa
Zoonii Igaaditti nageenyii fi tasgabbiin waaraa akka uumamu yaalii taasifamu keessatti miidiyaaleen qooda olaanaa qabu-Ambaasaaddar Mallas Alam
Jun 2, 2023 353
Caamsaa 25/2015(TOI)- Zoonii Igaaditti nageenyii fi tasgabbiin waaraa akka uumamu yaalii taasifamu keessatti miidiyaaleen qooda olaanaa ta’uu dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsan. Ambaasaaddar Mallas kana kan jedhan leenjii ministeerri dhimma alaa ‘IGAD’ waliin ta’uun akkaataa dhimmoonni nageenyaa fi tasgabbiin itti gabaafamanii fi qooda midiyaalee jedhuun gaazexessitoota miidiyaalee addaddaarraa walitti baba’aniif kennamerratti. Dubbi himaan kun mata duree “nageenyaa fi tasgabbii waaraaf qooda miidiyaalee” jedhuun barreeffama marii dhiheessaniiru. Miidiyaaleen ‘IGAD’tti akka zoonii fi akka biyyaatti Itiyoophiyaatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa uumuuf yaalii taasifamu keessatti qooda olaanaa akka qaban muuxannoo idil addunyaa dhiheessuun dhiheessaniiru ambaasaaddar Mallas. Hayyuun nageenyaa fi tasgabbii doktar Yoonaas Adaayyee ibsa haala siyaasaa zoonii ‘IGAD’ yeroo ammaa irratti xiyyeeffate kennaniiru. Gaanfi Afriikaa zooniiwwan fedhiiwwan addaddaa keessatti calaqqisan keessaa tokko ta’uu doktar Yoonaas Ibsasaanii keessatti kaasaniiru. Miidiyaaleen odeeffannoo ummataan osoo hingahiin dura karaa ulaagaalee addaddaa maalummaa zoonichaa sirrii ta’e sakatta’uu qabu jedhaniiru. Haala jijjiirama uumamaa dhimmoota walitti bu’iinsaa fi nageenyaa naannoo ‘IGAD’ akkasumas Itiyoophiyaatti ijaarsa nageenyaa walitti bu’iinsaan boodaa ilaalchisuun doktar Yoonaass ibsa kennaniiru. Hirmaattonni leenjichaas gaaffilee fi yaada addaddaa kaasanii mariin bal’aan taasifameera.
Komishinichi dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan furuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira
May 29, 2023 109
Caamsaa 21/2015 (TOI)- Komishiniin marii biyyoolessaa dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan hiikuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaaf hojjechaa akka jiru Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfiin araayaa himan. Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa walitti dhufan waliin magaalaa Boongaatti mari'achaa jira. Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfiin Araayaa akka biyyaatti waliigaltee uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Komishinichi dhimmoota garaagarummaa lammilee gidduutti uuman irratti mari’achuun rakkooleen jiran karaa itti hiikkatan irratti xiyyeeffachuun tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa fiduuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. "Waan hunda caalaa nageenya nu barbaachisa" kan jedhan komishinarchi, yeroo nageenyi jiru hariiroon waliin jirenyaafi waljijjiirraa aadaa dabalatee bu'aawwaan misoomaa biroo ni jiraatu jedhaniiru. Walhubannoon tokko tokkoonii hawaasa keessatti wal kabajuu waan fiduuf gama kanaan hirmaattonni marii kanaa, naannawwaa tokkoon tokkoon isaaniitti bakka bu’uun gahee olaanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru. Komishiinichi waggaa 1 fi ji’oota 4 darban keessatti yaad-rimee komishinichaa irratti mariyachuun cinaatii, aadaa naannoo fi haalota jiraan qorachuu akkasuma hojiiwwan qophii biroo hojjechaa turuu himaniiru. Mariin kun caasaa gadii irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uun dhimmoota wal-hubannoo dogoggoraa ummata gidduutti uuman adda baasuuf akka ta’u hubachiisaniiru. Itoophiyaa biyya lammileen ishee hunduu wal qixa bakka bu’ummaa qabaniifi walqixa fayyadamtoota ta’an taasisuuf waltajjiin marii kun ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjii marii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti komishinichi ajandaa walitti qabamuu fi filannoo miseensota hawaasaa marii kana irratti hirmaatan irratti ni mari'ata jedhameera. Waltajjii marii magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti miseensonni ummataa aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda irraa hirmaachaa jiru.

Hawaasummaa
Aadaa walgargaaesaa “Buusaa Gonofaatiin” ummanni loowwan kuma 16 ol walitti qabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8’f deeggarsa taasiseera- Buusaa Gonofaa Oromiyaa
Jun 3, 2023 142
Caamsaa 26/2015 (TOI) - Aadaa walgargaaesaa “Buusaa Gonofaatiin” ummanni loowwan kuma 16 ol walitti qabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8’f deeggarsa taasisuusaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise. Deeggarsichi hawaasni akkaataa aadaasaatiin loowwan addaddaa walitti qabuun abbootiin warraa ongeen miidhaman bayyanatanii akka ofdanda’an kan taasise ta’uun ibsameera. Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo Buusaa Gonofaa Oromiyaa daoktar Malliicha Loojee TOI’f akka ibsanitti, ongeen naannicha godinoota 10 keessatti mudatee ture loonii fi namarratti miidhaa geessiseera. Ongee damdamachuuf mootummaan hojii hojjeteen lammiilee ongeen miidhaman miiliyoona 3 tuqaa 9f midhaan nyaataa kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 7 ol deeggarsa taasifamuu dubbataniiru. Deeggarsi midhaan nyaataa qaamoleen addaddaa taasisan kuntaalli kuma 180 ol miidhamtootaaf raabsamuus dubbataniiru. Yeroo ammaa bakkeewwan ongeen miidhaman bokkaan roobaa akka jiru eeranii, miidhamtoonni amma ofdanda’anitti deeggarsi nitaasifama jedhan doktar Maalliicha. Buusaa Gonofaan sirna ummanni Oromoo durii balaan uumamaa fi namtolchee wayita mudatu ittiin walgargaarudha. Akkaataa aadaa kanaatiin hawaasni yeroo darbe midhaan kuntaala kuma 100 ol sassaabee miidhamtoota godinaalee Booranaa, Baalee, Gujii fi Harargeef qaqqabsiisuu yaadachiisaniiru. Kana malees loon kuma 16 ol sassaabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8 oliif deeggarsa taasisuu eeraniiru. Mootummaan iddoowwan ongeen itti mudatetti pirojektoota misoomaa egeree hojjechaa akka jiru ibsanii, hidhoonni hedduun ijaaramanii bishaan roobaa kuusuu jalqabuusaanii dubbataniiru. Gama biraatiin roobni roobuusaatiin qonnaan bulaa fi walakkaan horsiisee bulaan misooma midhaanii akka jalqabu mootummaan sanyii, tiraaktaraa fi xaa’oo dhiheessaa akka jiru ibsaniiru. Qonnaan bulaan misooma midhaaniirratti xiyyeeffatee nyaataan ofdanda’uuf cimee akka hojjetu deeggarsi taasifamu cimee itti fufa jedhan. Godina Booranaa baasii birrii biiliyoona 5 tuqaa 3 oliin jaarsi hidha bishaanii 18 kan hojjetamu yemmuu ta’u, rooba roobeen hidhoonni 12 bishaan kuusuusaanii eerameera.
Namoonni yakka  butii adde Tsaggaa Balaachoon shakkaman 11 to’atamanii qorannaan taasifamaa jira-Biiricha
Jun 2, 2023 231
Caamsaa 25 /2015 (TOI)- Namoonni yakka butii adde Tsaggaa Balaachoon shakkaman 11 to’atamanii qoratamaa akka jiran biiroon nageenyaa fi tasgabbii naannoo Sidaamaa beeksise. Itti gaafatamaan biiroo nageenyaa fi tasgabbii obbo Alamaayyoo Xiimootiyoos dhimmicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin oppireeshinii nageenyaa qindoominaan taasifameen nama shakkamaa Kanaan kan butamte adde Tsaggaa Balaachoo harkaa baasuun danda’amuu dubbataniiru. Caamsaa 15 bara 2015 hojii baatee gara manaa deemaa osoo jirtuu shakkamaan kun miiltoowwan isaa waliin ta’uun yakka butii raawwachuusaa ibsaniiru. Dhimmichi gurra poolisii erga gahee kaasee taaskfoorsii hundeessuun adde Tsaggaa Balaachoo shakkamaa harkaa buusuu fi yakkamtoota to’annaa jala oolchuuf yaalii fi hordoffiin qidoomaa taasifamaa turuu dubbataniiru. Kanaaf ammoo kaameeraan nageenyaa magaalaa Hawaasaatti dhaabame qooda olaanaa taasisuu ibsaniiru. Shakkamaan kun miiltoowwansaa waliin ta’uun adde Tsaggaa fudhatee kallattii dogogorsuuf Gujii bahaa Booree achii booda Ciroo, Shaafaamoo fi Alattaa Wandoo geessuun yaalii taasisise keessatti adde Tsaggaarratti miidhaan osoo hingahiin qaamni nageenyaa to’annaa jala oolchuuf qindoominaan hojjechuusaa dubbataniiru. Humni nageenyaa shakkamaa fi miiltoowwansaa qabuuf hawaasa naannawaa waliin ta’uun yaalii taasifameen miliquu akka hindandeenye yemmuu hubatan adde Tsaggaa Balaachoo gadlakkisuusaanii ibsaniiru. Poolisiin oppireeshinii amma ammaatti taasiseen dhimmichaan kan walqabatanii fi shakkamoota 11 to’atee qorannaa jalqabuusaa dubbataniiru. Adde Tsaggaa Balaachoo wayita ammaa nagaa akka taate obbo Alamaayyoon ibsanii, tasgabbooftee qorannoon fayyaa erga taasifameefii booda haqa akka argattu mootummaan naannichaa cimsee nihojjeta jedhaniiru. Adde Tsaggaa Balaachoo shakkamaa harkaa baasuuf yaali taasifame keessatti tajaajila nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa, poolisii federaalaa, humna nageenyaa naannichaa fi ummata galateeffataniiru.
Diinagdee
Naannoo Harariitti bara bajataa baatii 10 keessatti galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabame
Jun 3, 2023 25
Caamsaa 26/2015(TOI) - Naannoo Harariitti bara bajataa baatii 10 keessatti madda galiiwwan addaddaarraa galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabamuusaa biiroon galiiwwanii naannichaa beeksise. Itti gaafatamaan biirichaa obbo Baqqalaa Tamasgeen TOI’f akka ibsanitti, hojii misoomaa naannichatti karoorfame milkeessuuf sirna galiin itti sassaabamu gama ammayyeessuutiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Biiroon kun karoora misoomaa milkeessuuf keessumaa kenniinsa tajaajilaa gabbisuu fi hojmaatilee teeknooloojiin deeggaraman mijeessuun sirna galiin itti sassaabamu guddisuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Naannichatti bara bajataa baatii 10 keessatti taaksii kallattii fi al-kallattii akkasumas taaksiin kan walhinqabannee fi tajaajila mana qopheessaarraa galiin birriin biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabameera. Kunis raawwiinsaa karooraa ol akka ta’ee fi yeroo walfakkaataa waggaa darbee waliin walbiratti yemmuu ilaalamu caalmaa dhibbantaa 44 tuqaa 6 akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun, naga’ee kutuurratti hojiin to’annoo fi hordoffiin cimaan taasifamuusaa, kafaltiiwwan kuufaman sassaabamuusaanii fi lakkoofsi daldaltoota daldala seera qabeessaatti dhufan dabaluusaatiin galiin kun caalmaa agarsiisuusaa ibsaniiru. Akkasumas naannichatti sosochiin gibiraa mata duree “Guraandhalarraa amma Guraandhalaatti” jedhuun jalqabame daballii galiif gumaacha taasisuu beeksisaniiru. Galiin sassaabamu gaaffilee misoomaa jiraataa naannichaa deebisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetaman deeggaraa jira jedhaniiru. Yeroo bara bajataa hafetti hojiiwwan galii naannichaa guddisuuf jalqabaman cimanii akka itti fufan obbo Baqqalaan ibsaniiru. Naannichatti kafalaa gibiraa kan ta’an keessaa tokko kan ta’an obbo Geetaachoo Fiqruu yaada knnaniin, gibirri yoo hinkafalamne misoomni hinjiru jedhan. Hanqinni gibira kafaluuf biiroon kun fooyya’eetajaajila si’ataa argachaa akka jiran ibsaniiru. Magaalaa Hararitti hojii Hoteelaarratti kan bobba’an obbo Dassaaleny Asfaawu gibira misooma biyyaa fi ummataaf bu’ura ta’e kafalaan gibiraa hundi kaka’umsaan kafalee dirqamasaa bahuu qaba jedhaniiru. Naannoo Harariitti kafaltoonni gibiraa kuma 27 ol akka jiran odeeffannoon biiroo galiiwwanii naannichaarraa argame nimul’isa.
Magaalaa Cirootti sagantaa carraa hojii uumuu addaatiin dargaggoota kuma 1 fi 400 ol fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira
Jun 2, 2023 165
Caamsaa 25/2015(TOI)- Magaalaa Cirootti sagantaa carraa hojii uumuu addaatiin dargaggoota kuma 1 fi 400 ol damee industirii harkaarratti bobbaasuuf hojjechaa akka jiru waajjirri carra hojii uumuu fi dandeettii magaalichaa beekasise. Waajjirri carraa hojii uumuu fi dandeettii magaalaa Ciroo qooda fudhattoota Waliin mari’ateera. Dargaggootaaf sagantaan hojii uumuu addaa mijachaa akka jiru marii Kanaan ibsamee, damee industirii harkaatiin dargaggoota magaalaa Ciroo hojii hinqabne kuma 1 fi 412f bakka hojii fi liqii maallaqa hojii adeemsiftuu mijeessuuf hojiin jalqabamuun ibsameera. Itti gaafatamtuun waajjirichaa adde Zahaaraa Ibraahiim akka ibsanitti, bajanni bara 2015 osoo hinxumuramiin hojii hojjetamuun dargaggoota magaalattii hojii hin qanbe kuma 1 fi 412f carraa mijeessuuf hojjetamaa jira. Hojiin kun olaantummaan kan hojjetamu tumsa qooda fudhattootaan ta’uu dubbataniiru. Hojii kana dhugoomsuuf dargaggoota waldaalee 282’n gurmeessuun carraan hojii kan hojjetamu ta’ee kanaafis hojii jalqabsiisuuf birrii miiliyoonA 7 fi lafti heektaarri 2 tuqaa 5 akka kennamuibsaniiru. Dameen industirii harkaa dargaggoonni hojii hinqabne akka irratti hirmaatan barbaadames hojii suphee, hojii bu’aalee gogaa, uffanna hodhuu fi uffata dhawuu ta’uu ittigaafatamtuun kun ibsaniiru. Qaamoleen qooda fudhattoonni hundi haala barbaachisuun hojii hunda bu’a qabeessa taasisuuf qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru. Hirmaattota qooda fudhattoota marichaa keessaa itti aanaa hojii gaggeessaan mana qopheessaa magaalaa Ciroo obbo Amaddiin Ibroo dargaggoota magaalaa keenyaa hojiiwwan industirii harkaarratti hirmaachisuun carraa bifa magaalaa keenyaa jijjiiruu itti dandeenyudha jedhan. Magaalattiin humna qabduun carraa dargaggoonni hojii uumanii fayyadamaa ta’an mijeessuun magaalaa nageenyishee eegame uumuun alatti miidhagaa fi hawataa tasisuun akka danda’amu ibsaniiru. Waldaalee hojii daldalaa hirmaachisuun saffisa hojichaaf faayidaa olaanaa akka qabu eeranii, yeroo karoorfametti xumuramee fayyadamtoota harka galuu akka qabu dubbataniiru. Hirmaattuun kan biraa itti gaafatamtuun waajjira hojjetaa fi hawaasummaa magaalaa Ciroo adde Faasikaa Isheetuu yaalii lakkoofsa hojii dhabdummaa hir’isuuf taasifamu milkeessuuf rakkoo jiru bu’urarraa qorachuun akka qabu eeraniiru.
Naannoo Oromiyaatti sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun Industiriiwwan 120 ol deebi’anii hojii jalqabaniiru-Biiroo Invastimantii fi industirii naannichaa
Jun 2, 2023 36
Caamsaa 25/2015(TOI)-Naannoo Oromiyaatti industiriiwwan sababa addaddaatiin hojii dhaaban 120 ol sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun deebi’anii hojii jalqabuusaanii biiroon invastimantii fi Industirii naannichaa ibse. Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu akka biyyaatti erga jalqabamee waggaa tokkoo asitti industiriiwwan hedduun hojiitti seenuusaanii kan beekamu yemmuu ta’u, industiriiwwan hojii dhaabanii turan kanneen biroos deebi’anii hojii jalqabaniiru. Industiriiwwanii fi Intarpiraayizootaaf sosochii Kanaan deeggarsi gabbisa dandeettii qindaa’aa, faayinaansii fi dhiheessiin galtee taasifamee dandeettiin omishuuf qaban dabalaa dhufuun nibeekama. Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun keessumaa huccuu, nyaataa fi nyaataan walqabate, maanuufaakchariingii fi oomishoota industirii bu’aaleen hedduun galmaa’uusaanii ibsaniiru. Itti gaafatamaan biiroo Invastimantii fi industirii naannoo Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis TOI’f akka ibsanitti, sosochiin kun kaka’umsa industiriiwwan naannichatti argamaniif gumaacha taasiseera. Sosochiin kun erga hojiirra oolee asitti industiriiwwan oomisha olaanaa akka hinoomishne rakkooleen hudhaa ta’an adda baafamanii furamuusaanii eeraniiru. Industiriiwwan naannichatti hojii dhaabanii turan 120 ol erga sagantaan Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojiirra oolee asitti deebi’anii hojii egaluusaanii dubbataniiru. Industiriiwwan hojii eegalanis industiriiwwan olaanoo, jiddugaleessaa fi xiqqaa jedhaman akka ta’e eeraniiru. Kana malees hojii qindoominaan hojjetameen pirojektoonni kuma 2 ol hojii ijaarsaatti akka galan taasifamuu dubbataniiru. Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu dandeettii oomishtummaa industiriiwwan naannichaa guddisuusaa eeranii, dandeettii oomishuu jiddugaleessaa dhibbantaa 41 tture gara dhibbantaa 51tti guddisuu eeraniiru. Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu sadarkaa biyyaalessaatti Ebla 29 bara 2014 ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin ifoomuunsaa nibeekama.
Woorkishooppiin qooda fudhattootaa odeeffannoo Qonnaamagaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira.
Jun 2, 2023 37
Caamsaa 25/2015(TOI)-Sadarkaa biyyaalessaatti Kuusaan odeeffannoo sirna qonnaa ammayyaa diriirsuuf dandeessisu qophaa’aa akka jiru ministeerri qonna beeksise. De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa akka ibsanitti, qonnarratti jijjiirama qabatamaa fiduuf hohiiwwan hojjetamaa jiran odeeffannoo wayitaawaa qulqullina qabuun deeggaruu qabna. Damee beelladaa fi qurxummiitiin qofa kuusaan odeeffannoo saddet jiraachuusaanii fi yeroo ammaa dameelee addaddaatiin bittinnaa’anii kan jiran bakka tokkotti fiduun kuusaan odeeffannoo biyyaalessaa dijitaalaa qophaa’aa jira jedhan. Kuusaa odeeffannoo biyyaalessaa tokko ijaaruun odeeffannoo irra deddeebi’amuu fi qulqullina odeeffannoo eegsisuun Itiyoophiyaan jiddugaleessa sirna odeeffannoo akka qabaattuu kan dandeessisu akkasumas baasii hir’isuun qisaasa beekumsaa, humnaa fi qabeenyaa kan hanbisu ta’uu dubbataniiru. Kuusaan odeeffannoo biyyaalessaa ijaaramu qindoominaan odeeffannoo walitti qabuu, qooduu fi fayyadamuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfrmeeshinii qonnaa doktar Maandafroo Nugusee gamasaaniin odeeffannoon sirna qonnaa amma jiru jijjiiruu fi ammayyeessuuf odeefannoo walitti qabuu fi itti fayyadamuun dijitaalawaa ta’e murteessaadha jedhaniiru. Kuusaan odeeffannoo biyyaalessaa tokko akka ijaaramu qooda fudhattoonni deeggarsa taasisuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Ministeerri qonnaa, inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa, saayinsiin Hawaa Itiyoophiyaa fi inistiitiyuutiin Ji’oo Ispaashaal, tajaajilli istaastiiksii Itiyoophiyaa fi inistiitiyuutiin miitiyoorooloojii Itiyoophiyaa odeeffannoo walitti qabuu fi dijitaalaayizeeshiniin woorkisooppii kanarratti waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru. Woorkishooppiin kun amma boruutti nitura.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
'Jii Ayi Teeks Afriikaa'Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti adeemsifamuu jalqabe
Jun 1, 2023 50
Caamsaa 24/2015 (TOI):-'Jii Ayi Teeks Afriikaa' 2023 /GITEX Africa 2023/ Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti adeemsifamuu jalqabeera. Itiyoophiyaan Afriikaatti yeroo jalqabaaf adeemsifamaa kan jiru 'Jii Ayi Teeks Afriikaa' irratti garee jilaa ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaadhaan durfamu kan hooggantoonni ministeerichaa fi kaampaanonno (Istaartaapponni) teeknooloojii jalqabaa keessatti argamaniin hirmaachaa jirti. Kaayyoon ‘Jii ayi Teeks Afriikaa’ Ardii Afriikaatti yeroo jalqabaaf adeemsifamu olaanaa warraaqsa teeknooloojii Afriikaatti adeemsifamaa jiru addunyaaf beeksisuudha. Kaampaniiwwan jalqabxoota kalaqxoota teeknooloojii teessoonsaanii Afriikaa ta’e hedduun waltajjii idil addunyaa bal’inaan mul’achuun dhiibbaa uumuu jalqabaniiru. Itiyoophiyaan imala tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa dhugoomsuuf waggoota sadan darban yaaliiwwan taasisaa turte, bu’aalee argamanii fi rakkoolee mudatan ilaalchisuun doktar Ballaxeen ibsa kennuusaanii odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa. Fuulduras dhimmoota akka Afriikaatti qindoominaan adeemsifamuu qabu jedhanirratti ministeerichi waltajjichaaf qoodaniiru. Itti fufuunis Itiyoophiyaan dargaggoota hojiif qophaa’an hedduu, Yunivarsiitiiwwan teeknooloojiirratti xiyyeeffatan, seera Invastimantii damee dijitaalaa jajjabeessuu fi paarkii aayisiitii hojiif qopheeffame akka qabdus beeksisaniiru. Kaampaaniiwwan teeknooloojii Itiyoophiyaatti Invast gochuun fayyadamaa akka ta’anii fi akka hirmaatan waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan.
May 31, 2023 50
Caamsaa 23/2015 (TOI):- Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan. Waliigaltee kana hoji gaggeessituun Itiyoo Telekoom Aadde Firehiwoot Taammiruu fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee piroofesar Xaasoo Waldaahaannaa mallatteessaniiru. Waliigaltichi Itiyoo Teleekoom yuunivarsiitichatti tajaajila 'Tele Birr' dabalatee tajaajila 'walqunnamtii' fi dijitaalaa biroo akka kennu kan dandeessisudha jedhameera. Tajaajilli kun mooraa 18 interneetii saffisa olaanaa qabuun kan walqunnamsiisu, daree barnootaa ismaartii ijaaruu, beekumsaa fi muuxannoo dabarsuu, teknooloojii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qorannoo fi kalaqaaf gargaaran hojiirra oolchuu, akkasumas barattoonni kaffaltii barnootaa isaanii karaa 'Tele Birr' salphaatti akka kaffalan kan taasisu ta’uu ibsameera. Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Tammiruu akka jedhanitti, dhaabbatichi Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf hojjechaa jira. Keessattuu Yuunivarsiitiin Finfinnee bakka beekumsi itti wal jijjiramuu waan ta'eef kana teeknooloojii fi 'walitti hidhamiinsan deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf waliigaltichi gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar xaasoo Waldahaannaa gama isaaniin, yunivarsiitichi humna namaa barate teeknooloojiin deeggaramee uumuuf walitti dhufeenya Itiyoo Teeleekoom waliin qabu caalaatti cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitichi duraanuu dhaabbaticha waliin ta’uun daree barnootaa ismaartii hojiirra oolchuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Itti fayyadama tajaajila dijitaalaa babal’isuun dhaabbata barnootaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e ta’uuf ciminaan kan hojjetan ta’uus eeraniiru.            
Ispoortii
Taphoonni xumuraa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’a nitaphatamu
May 23, 2023 159
Caamsaa 15/2015(TOI)- Taphoonni xumuraa Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaa har’a Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Akkaataa sagantaa kanaatiin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti magaalaan Hawaasaa Madin Itiyoophiyaa waliin nitaphatu. Magaalaan Hawaasaa qabxii 33’n sadarkaa 8ffaarratti yemmuu argamu, Madin Itiyoophiyaan qabxii 44’n sadarkaa 2ffaarratti argama. Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen homaa hinmo’anne . Al lma mo’amee, al lama mo’ameera, sadii ammoo walqixa baheera. Gama biraatiin Madin Itiyoophiyaan taphoota shan kanaan dura taphateen lama mo’atee lamaan mo’amee al tokko qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii malee walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Taphoonni xumuraa sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa 25faa kan biraan Itiyoo elektiriikii fi Machaal jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti nitaphatama. Itiyoo elektiriik qabxii 11’n sadarkaa xumuraa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarratti argama. Machaal ammoo qabxii 32’n sadarkaa 11ffaarra jira. Itiyoo elektiriik taphoota shan walitti aanan taphateen homaa hinmo’annee. Afur mo’amee tokkoon walqixa baheera. Morkataansaa Machaal taphoota shan walitti aanan taphateen al sadii mo’atee, al lama mo’ameera. Itiyoo elektiriik tapha har’aatiin yoo mo’ame ykn walqixa yoo bahe piriimer liigiirraa gadi bu’uusaa kan mirkaneeffate kilaba lammaffaa nita’a. Lagaxaafoo Lagadaadhii dhihoo kana Piriimer liigiirraa gadi bu’uunsaa niyaadatama. Kilaboonni lamaan taphni marsaa jalqabaa taasisan qabxii tokkoo fi tokkoon walqixa xumuramuunsaa nibeekama. Haala walfakkaatuun taphoota torbee 25ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Sidaamaa Faasiil Kanamaa goolii 1 fi 0’n akkasumasa magaalaan Dirreedawaa magaalaa Walqixxee goolii 2 fi 1’n mo’ateera.
Taphoonni Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’as nitaphatau
May 22, 2023 130
Caamsaa 14/2015 (TOI) – Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaan oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Faasiil Kanamaan Buna Sidaamaa waliin nitaphatu. Faasiil Kanamaan qabxii 37’n sadarkaa shanaffaa akkasumas Bunni Sidaamaa qabxii 30’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen sadii mo’atee tokko mo’amee al tokko walqixa baheera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota shan keessaa sadii mo’atee lama mo’ameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Faasiil Kanamaan goolii 4 fi 2’n mo’achuunsaa niyaadatama. Sagantaa Piriimer liigii Beetkiingii Itihioophiyaa torbee 25ffaa kan biraatiin magaalaan Walqixxee galgala sa’aatii 12tti magaalaa Dirreedawaa waliin nitaphatu. Magaalaan Walqixxee qabxii 29’n sadarkaa 13ffaarratti yemmuu argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra jira. Magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa darbe shan taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’amee al lama qabxii qooddateera. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota shan darbaniin al lama mo’atee sadii mo’atameera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama. Haala wal fakkaatuun piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Bahaardaar akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Walaayittaa Diichaa goolii Walfakkaataa 2 fi 1’n mo’ataniiru.
Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’aa kaasee nitaphatamu
May 20, 2023 203
Caamsaa 12/ 2015 (TOI) – Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin nijalqabama. Magaalaan Adaamaa magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu. Magaalaan Adaamaa qaxii 32’n sadarkaa 8ffaa akkasumas magaalaan Arbaa Minci qabxii 25niin sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadu bu’aa keessatti argama. Magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii walitti aansee taphate shaniin lama mo’atee, tokkoon mo’amee, al lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Arbaa Miinci taphoota shan taphateen homaa hinmo’anne. Al tokko mo’ateera, al afur ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin magaalaan Arbaa Minci goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama. Taphni piriimer liigii beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa marsaa lammaffaa buna Itiyoophiyaa fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti taphatama. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 34’n sadarkaa 5ffaa akkasumas Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa isa dhumaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarratti argama. Bunni Itiyoophiyaa taphoota shaman darban taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’ameera. Al lama ammoo Walqixa baheera. Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota shan taasiseen homaa hinmo’anne. Afuriin mo’atee altokko ammoo qabxii qooddateera. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii 2 fi 2 walqixa xumuramuunsaa niyaadatama. Bunni Itiyoophiyaa Lagaxaafoo Lagadaadhii mo’atee magaalaan Arbaa Minci magaalaa Adaamaa yoo mo’ate Lagaxaafoo Lagadaadhii taphni shan osoo hafuu kilaba piriimer liigiirra bu’u kan jalqabaa ta’a. Sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa amma Caamsaa 15 bara 2015tti nitura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektaara kuma 902 ol dhaabbii biqiltuuf qophaa’eera- Misooma bosonaa Itiyoophiyaa
Jun 3, 2023 23
Caamsaa 26/2015 (TOI)- Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektaara kuma 902 ol dhaabbii biqiltuuf qophaauusaa misoomni bosonaa Itiyoophiyaa ibse. Waggaa afur dura yaada ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad maddisiisaniin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa jalqabdeen biqiltuu biiliyoona 25 ol dhaabdeetti. Oomishaa fi oomishtummaa biyyattii guddisuuf, wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuu fi uwwisa misoomaa bosonaa guddisuun jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf biqiltuu dhaabame keessaa dhibbantaa 55 kan ta’u bosonaafis kan oolu ta’uun ni beekama. Itti aanaan daarektara olaanaa misooma bosonaa Itiyoophiyaa doktar Mootummaa Toleeraa TOI’f akka ibsanitti, sochiin ashaaraa magariisaa waggoota arfan darbanii akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa milkaa’inaa fi hirmaannaa ummataa mirkaneessuudhaan kan eeramudha. “Itiyoophiyaatti waggaa waggaan biqiltuuwwan miiliyoonatti lakkaa’aman yoo hindhaabamne bara sababa jijjiirama haala qilleensaatiin balaa olaanaaf saaxilamnu waan ta’eef Itiyoophiyaanotaaf biqiltuu dhaabuun filannoof kan dhihaatu miti jedhan. Gaarren Itiyoophiyaa qullaatti hafuun, biyyoon dhiqamuu, bishaan gogaa jiraachuu qorannoowwan akka agarsiisan eeranii, ashaaraan magariisaa hojii dursi kennamuuf ta’uu eeraniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf karoorfamus amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 7 ol qophaa’uu itti aanaan daarektara olaanaa kun dubbataniiru. Kanaaf ammoo biqiltuun kamtu lafaa fi biyyoo kamirratti dhaabamuu qabu kan jedhu qorannaan adda baafamee dhaabbiif qophiin taasifamuuqophiin taasifamuu ibsaniiru. Amma ammaatti lafti heektaarri kuma 902 ol adda baafamee dhaabbii biqiltuuf kan qophaa’e yemmuu ta’u, kana keessaa heektaarri kuma 552 kan ta’u bosonaaf adda baafamuu eeraniiru. Lafa biqiltuuf adda baafame keessaa heektaarri kuma 257 kan ta’u kaartaan qophaa’uufii ibsaniiru. Sagantaawwan ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaatti taasifamaniif sanyii filachuurraa amma dhaabuu fi kunuunsuutti hirmaannaan hawaasaa dabalaa dhufuu mirkaneessineerra jedhan. Qaama ashaaraa magariisaa kan ta’e hojii eegumsi biyyoo fi bishaanii bonaa qidaa’aatiin hirmaannaan lammiilee dabalaa dhufuun agarsiiftuudha jedhan. Biqiltuu dhaabuun tarkaanfii sagantichaa kan jalqabaa ta’uu eeranii, kan dhaabaman kaayoo barbaadameef oolanii hawaasa fayyadamaa taasisuun galma xumuraa ta’uu eeraniiru. Sagantaa baranaatiin amma ammaatti boolli biqiltuu biiliyoona 2 tuqaa 3 ta’u qophaa’uu dubbatan. Arfaasaa bara 2015 Oromiyaa, Sidaamaa, Kibba, Itiyoophiyaa kibba lixaa fi Dirredawaatti biqiltuuwwan miiliyoona 250 ol dhaabamuu doktar Mootummaan ibsaniiru. Dhaabbanni waggoota arfan darban Itiyoophiyaatti dhaabaman jijjiiramni misooma bosonaa, wabii nyaataa, xaa’ummaa laxaa fi kkf irratti fidan qoratee ifoomsu adda baafamuu eeraniiru.
Magaalattiitti hoteelonnii fi manneen bashannanaa halkanii dhibba lamaa ol sagalee eeyyamameefii ola fayyadamanirratti tarkaanfiin fudhatameera-Abbaa taayitaa eegumsa naannoo magaalaa Finfinnee
Jun 2, 2023 39
Caamsaa 25/2015 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti hoteelonnii fi manneen bashannanaa halkanii dhibba lamaa ol sagalee eeyyamameefii ol waan fayyadamaniif tarkaanfiin irratti fudhatamuusaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo magaalaa Finfinnee ibse. Hojii gaggeessaan abbaa taayitichaa Didhaa Dirribaa TOI’tti akka himanitti, baatiiwwan lamaan darban hoteelonnii fi manneen bashannannaa halkanii 400 irratti hojiin to’annoo hojjetameera. Meeshaa sagalee safaru hojiirra oolchuun akkasumas ogeessota ga’aa ramaduun to’annoo cimaa faalama sagalee ittisuuf dandeessisu taasifamuu ibsaniiru. Haala Kanaan hoteelonnii fi manneen bashannanaahalkanii bakka addaddaatti argaman hedduun nageenyaa jiraattotaa kan jeeqan ta’uu bira ga’amuu eeraniiru. Akkaataa Kanaan abbaan taayitaa kun hoteelonnii fi manneen bashannanaa halkanii sagalee eeyyamameefii ol fayyadaman 208 irratti tarkaanfii akka fudhate dubbataniiru. Tarkaanfiiwwan kunneenis ofeeggannoorraa kaasee amma saamsuutti ta’uu eeranii, abbaan taayitichaa to’annoo manneen bashannanaarratti taasisu cimsee itti fufa jedhaniiru. Hoteelonnii fi manneen bashannanaa halkanii seeraa fi danbii hordofanii akka hojjetan hojii gaggeessaan kun gaafatanii, magaalaan Finfinnee jiraattotaaf mijooftuu akka taatu qoodasaanii akka bahan waamicha dabarsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’eera-Biiroo qonnaa naannichaa
May 25, 2023 112
Caamsaa 17/2015 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’uusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Eliyaas Kadir, sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaaf naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 ol dhaabamuusaanii dubbataniiru. Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman madaallii naannawaa eeguun hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii fooyyessuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 tuqaa 9 qophaa’uusaa eeranii, biqiltuuwwan fuduraaf xiyyeeffannoon kennamee qophiin taasifamaa akka ture dubbataniiru. Bakka biqiltuun dhaabamu filachuu fi qophiin boollaa dursee jalqabamuusaa ibsaniiru. Waggoottan arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 13 tuqaa 6 dhaabamuu eeranii, kana keessaa dhibbantaan 88 tuqaa 6 qabateera jedhan. Yuunivarsiitii Haroomayaa waliin ta’uun baatii bonaa sululoota kuma 6 fi 450 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamuusaa dabalanii ibsaniiru. Kana malees lafti heektaarri kuma 500 ol kan qullaatti hafe tuttuqaan ala taasisuun akka danda’ame Waxabajjii 15 bara 2015 irraa kaasee sadarkaa naannootti sagantaan ashaaraa magariisaa akka adeemsifamu eeranii, kanaafis kutaalee hawaasaa hedduu tola ooltummaan hirmaachisuuf haaldureen xumuramuu dubbataniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin sadarkaa biyyaalessaatti qophiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 taasifamaa akka jiru ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisuunsaanii niyaadatama.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 1398
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Marsariitii Afaan Faransaayii fi Tigreetiin odeeffannoo qaqqabaa taasisu jalqabsiise
Mar 4, 2023 1110
Guraandhala 25/2015 (TOI)- Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa marsariitii haaraa odeeffannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa afaan Faransaayii fi Afaan Tigreetiin qaqqabaa taasisu jalqabsiise. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Ob. Seeyfee Darribee fi Itti aantuu hojii raawwachiiftuuejensii nageenyaa weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid marsariitii haaraa kana hojii jalqabsiisaniiru. Sdministireetariin marsariitii dhaabbatichaa Heenook Abiyyi sirna jalqabsiisaa kanarratti akka jedhanitti, marsariitiin haaraan afaanota addaddaan odeeffannoowwan qulqullina walfakkaatuun qaqqabsiisuu akka danda’utti kan hojjetamedha. Marsariitiin biraandii dhaabbatichaarratti hundaa’uun qophaa’e kun gama qulqullina odeeffannoo fi nageenyummaanis amansiisaa ta’ee tajaajila akka kennu karaa ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa ibsaniiru. Marsariitiin kun afaan Ingilizii, Arabaa, amaaraa,fi afaan Oromoo Kanaan dura ittiin hojjetamaa ture dabalatee dhiheenya akka haaraatti kan jalqaban Afaan Faransaayii fi Tigree dabaluun tajaajila akka kennu taasifamee akka hojjetame beeksisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Ob. Seeyfee Darribee akka jedhanitti, TOI;n hojiiwwan dhimmoota biyyaa Itiyoophiyaa ijaaran hawaasa addunyaaf beeksisan hojjrchaa jira. Marsariitiin haaraan amma ifoome kaayyoo kana raawwachiisuuf kan deeggarudha jedhanii, amansiisummaa fi nageenyummaansaa eegamee tajaajila ammayyaa kennuu akka dandeessisu ejensii nageenya weebii infoormeeshinii hojjetamuusaa dubbataniiru. Fuula duras TOI’n hojiiwwan ejensii nageenya weebii infoormeeshinii waliin ta’uun misooma damee kanaa n hojjetu cimsee akka itti fufu dubbataniiru. Daarektarri itti aantuu muummee ejensii nageenya weebii infoormeeshinii Tigisti Haamiid gamasaaniin dhaabbannisaanii hojiiwwan nageenya dhaabbilee sabquunnamtii eegsisuuf dandeessisan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. TOI waliinis rakkoolee quunnamuu danda’an qolachuuf waliin hojjechuurra darbee fuula duras dhimmoota biroorratti hojiiwwan hariiroo qaban guddisan akka cimsan ibsaniiru. Itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeessonni dhaabbilee lamaanii sagantaa jalqabsiisaa marsariitii kanarratti argamaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015