ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yuunivarsiitiin aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota ogummaa addaddaan leenjise eebbisiise
Dec 9, 2023 137
Sadaasa 29/2016 (TOI) - Yuunivarsiitiin aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota ogummaa addaddaan leenjise 627 har’a eebbisiiseera. Isaanis 88 xiyyaara oofuu, 125 teeknishaana Xiyyaaraa, 150 ogummaa keessummeessuu xayyaararraa, 264 gurgurtaa tikkeettii fi tajaajila maamilaatiin kan leenji’an yemmuu ta’u, kanneen keessaa lamaansaanii Itiyoophiyaa ala biyyoota Afriikaa keessaa kan dhufanidha. Hojii raawwachiisaa muummee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoosirna eebbaarratti akka dubbatanitti, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata guddaa teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun humna namaa isa barbaachisu ufumaan leenjsuu fi ga’oomsudha. Yeroo ammaa dorgommiin Afriikaa waliin osoo hinta’iin daandiiwwan qilleensaa qabeenya olaanaa qabanii fi teeknooloojiin ammayyooman waliin akka ta’e dubbatanii, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata dorgomee bu’aa buufachuun ittifufedha jedhaniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa namoota mul’ata, beekumsa dhaabbaticha hooggananiin, akkasumas hojjettoonni kutannoo tajaajluusaaniin asgahuusaa dubbataniiru. Kanaaf eebbifamtoonnikutannoo fi ciminaan hojjechuun guddina dhaabbatichaa ittifufsiisuuf ittigaafatama fudhachuu akka qaban himaniiru. Eeggataan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Kaasee Yimaam gamasaaniin, akaakuu leenjii Yuunivarsiitichi kennu bal’isuun gumaacha damee Aviyeeshiniif taasisu akka ittifufu dubbataniiru.
Mootummaan kutaalee hawaasaa xiyyeeffannoo dursaa fi deeggarsa barbaadaniif yeroo sadaffaaf deeggarsa ramaduunsaa ibsame
Dec 9, 2023 24
Sadaasa 29/2016(TOI)- Mootummaan bara bajataa 2016 kutaalee hawaasaa xiyyeeffannoo dursaa fi deeggarsa barbaadaniif qaamolee tumsitootaa osoo hinhafiin qindeessuun yeroo sadaffaaf deeggarsa ramaduusaa komishiniin hooggansa yaaddoo balaa Itiyoophiyaa beeksise. Komishinichi ibsa ergeen akka beeksisetti, gargaarsi qaamolee deeggartootaan dhihaachaa ture yeroof dhaabbachuurraa ka’uun dhiibbaa dinagdee fi hawaasummaa kutaa hawaasaa deeggarsa guyya guyyaa barbaadurra gahaa ture furuufn akka danda’amu mootummaan tarkaanfii fudhateera. Haala Kanaan marsaa walitti aanan lamaan i Adoolessa /2015 irraa amma Sadaasa/2016tti deeggarsi akaakuu fi maallaqaa birrii biiliyoona 7 tuqaa 9 baasu lammiilee miiliyoona 7 tuqaa 3’f kennamuun nibeekama. Haala walfakkaatuun komishiniin hooggansa yaaddoo balaa Itiyoophiyaa dhaabbilee deeggartoota dhiheenya hojiitti deebi’an dabalee qindeessuun fedhii jiru keessaa lammiilee buqqa’anii fi hongeen miidhaman kanneen xiyyeeffannoo fi deeggarsa dursaa barbaadan miiliyoona 6 tuqaa 5 oliif marsaa sadaffaaf deeggarsa taasiseeraaf. Haala Kanaan akaakuun deeggarsa nyaataa kuntaala kuma 867 ol akkasumas maallaqa calla birrii miiliyoona 560 ol, baatii Mudde 2016 raabsuuf hojiitti seeneera. Sadaasa 28/2016 irraa kaasee deeggarsa geejjibsiisuu ibsee deeggarsichi waliigala maallaqaan yoo shalagamu birrii biiliyoona 8 tuqaa 6 olitti akka ta’u ibsi kun ni’agarsiisa. Itiyoophiyaa kaabaa bakkeewwan hongeen miidhamaniif xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf eerameera.
Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dureeyyota Jaappaan simachuuf yoomiyyuu qophiidha
Dec 9, 2023 16
Sadaasa 29/2016 (TOI) - Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dureeyyota Jaappaan simachuuf yoomiyyuu qophii ta’uusaa beeksiseera. Fooramiin invastimantii biizinasii Itiyoo-Jaappaan hojii raawwachiisaan muummee korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii obbo Akliiluu Taaddasee fi jilli invastimantii Jaappaan 10 ola irratti hirmaatan Finfinneetti taa’ameera. Obbo AkliiluuTaaddasaa wayita kana ergaa dabarsaniin, hariiroon Itiyoo-Jaappaan waggoota 90 ol ta’us hariiroon Invastimantii jiru gahaa miti. Korporeeshinichi hariiroo kana cimsuu fi dureeyyii Jaappaan paarkiiwwan Industirii keessatti simachuuf yoomiyyuu caalaa qophii ta’uusaa ibseera. Itti dabaluunis korporeeshinichi reefoormiin imaammatarraa kaasee kenniinsa tajaajilaa irratti akkasumas hojmaatilee biroorratti taasise qophaa’ummaasaa kan agarsiisu ta’uusaa kaasaniiru. Carraaleen invastimantii fi bu’uraalee misoomaa akkasumas onnachiiftuu paarkiiwwan industirii, qaxanaa daldala bilisaa Dirreedawaa jiran jila kanaaf dhihaateera. Fuulduras Jilli kun paarkiiwwanindustirii Finfinnee Boolee Lammii fi Qilinxoo nidaawwata jedhamee akka eegamu odeeffannoon korporeeshinicharraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaan tajaajila geejjiba qilleensaa jalqabuu fi babal’isuuf biyyoota 17 waliin waliigalte
Dec 9, 2023 12
Sadaasa 29/2016(TOI)- Itiyoophiyaan tajaajila geejjiba qilleensaa jalqabuu fi babal’isuuf biyyoota 17 waliin waliigalteetti. Waliigaltee kan taasifte biyyoota Afriikaa, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa, Awurooppaa fi jiddugaleessa bahaa 17 waliin ta’uun ibsameera. Waliigalteen kun abbaa taayitaa siviil aviyeeshinii Itiyoophiyaa fi dhaabbilee biyyoota gita ta’an jidduutti kan mallatteeffame yaa’ii maree waggaa tajaajila geejjiba qilleensaa Saa’udii Arabiyaa Riyaaditti adeemsifamerrattidha. Haala Kanaan Naayijeeriyaa, Gaanaa, Moorookoo, Iiswaatiinii, Seraaliyoon fi Zumbaabuwee waliin daangaa tokko malee deddeebii xiyyaaraa raawwachuuf, bakka bu’ummaa daandiiwwan qilleensaa bal’isuuf, mirgoota tiraafikii kennuu fi bakka qaqqabiinsaa dabalataa daangaa malee eeyyamuuf haala dandeessisanirratti waliigalteen mallatteeffameera. Waliigaltichi Taanzaaniyaa, Siisheelsii fi Gaaboon waliin ammoo daandiiwwan qilleensaa Itiyoophiyaan galmeeffaman balallii deddeebisii dabalataa biyyoota jidduutti taasisuuf kan dandeessisudha. Siviil Aviyeeshiniin Itiyoophiyaa Raashiyaa, Ingiliiz,Kaanaadaa, Poolaand, Fiinlaand, Kuweet, Paakiistaan, Baangilaadiish fi Suriinaam waliinis waliigaltee kan taasise yemmuu ta’u, waliigaltichi balallii irra deddeebii eyyamuun carraalee gabaa bal’isuuf kan dandeessisudha. Waliigalteen kunneen faayidaa Itiyoophiyaan siviil aviyeeshiniirraa argachaa jirtu kan guddisu akka ta’e odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa. Yaa’iin maree idil addunyaa tajaajila geejjiba qilleensaa Saa’ud Arabiyaatti taa’ame Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 97 hirmaataniiru.
Paartiin badhaadhinaa guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarseera
Dec 9, 2023 91
Sadaasa 29/2016(TOI)- Paartiin badhaadhinaa guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarseera. Ergaan baga geessanii Paartichi dabarse akka armaan gadiitti dhihaateera- Baga ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaa mata duree” sabdaneessummaa fi walqixxummaan tookummaa biyyaaf” jedhuun magaalaa Jigjigaatti kabajamu geessan baga geenye. Paartiin keenya paartiin badhaadhinaa bariituu jijjiiramaatii kaasee dhimmoota xiyyeeffannoo addaan raawwachaa jiru keessaa seenaa keenya mootummaa biyya dhaabuu keessatti dhimmoota mootummaa hunda biratti fudhatama qabu akka hinqabaanne garaagarummaa keenya bal’isan baasuun furmaata itti kennuudha. Haala Kanaan biyyi keenya Itiyoophiyaan heddumminaa fi tokkummaa sabdaneessummaa walitti qabuun itti fufuu irratti gufuulee mudataniif furmaata kennuuf fagoo deemuunsaa kan eeramudha. Seena keenya mootummaa ammayyaa ijaaruu keessatti dhimmoota akka biyyaatti nuqoran keessaa gaaffii heddumminaa uumamaan qabnu keessummeessuu gufuuleen numudatan salphaa miti. Itiyoophiyaan biyya halluu hedduu qabdu ta’uushee kan dagate yaaliin ijaarsa mootummaa Kanaan dura ture, garaagarummaan uumamaa nujidduu jiru miidhagina ta’uusaa sirnaan beekamtii kennuu dhabuun, biyyi keenya rakkoo walxaxaa keessa akka galtuu fi hojii manaa qabsoolee fi aarsaalee dhalootaa hedduun ijaaramee hinxumuramne akka baattu taasiseera. Bara kamiyyuu gaaffileen wayita ka’an, warraaqsonni wayita uumaman ykn sirni mootummaa uumnu wayita diigamu yaada qabsoo ta’uun kan kaafaman gaaffii heddummina jiddugaleessa godhatedha. Qabsoowwan eenyummaa koo uumamaa kabajaa, haqaqabeessummaa buusaa, imala keessan ijaarsa eenyummaa waloo adda baaftuu eenyummaa koo hindagatinaa jedhan firii akka qabaatan akka biyyaatti aarsaa hedduu itti kafalleerra. Kana sirriitti kan hubate paartiin keenya badhaadhinaa daandiin biyyaa yaadama ida’amuutiin jijjiiramaan booda qiyyaase eenummaan biyya keenya keessa jiran kan uumamaa ta’uusaaniif beekamtii kan kenne, sabdaneessummaan keenya qabeenya malee yaaddoo akka hintaane kan hubate, Itiyoophiyaa ta’uun eenyummaa keenya waloo akka ta’eeenummaa keenya sabummaa waliin akka wal hindandeenye amanuuni. Kana guutummaan mirkaneessuu akka hindandeenyee fi ijaarsa mootummaa biyyaa cimaa egeree fi fudhatama qabuakka qabaannu qajeelfamoonni qabaachuu qabnu akka jiran hubannee demokiraasummaan akka dagaagu, dhaabbanni akka cimu yaadamni obbolummaa akka jiraatu gochuuf hojiileen hojjenne firii kennuu danda’aniiruu. Demokiraasiin ala tokkummaa tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruun akka hindanda’amne paartiin keenya badhaadhinni nihubata. Gaaffileen bu’uraa ummataaaddababayiitti bahanii deebii kan argatan, dabni daldaltoonni siyaasaa gaaffii ummataan daheeffatanii raawwatan fashaluu kan danda’u akkasumas tokkummaa fudhatama qabuu fi sabdaneessummaa heddummina jiddugaleessa godhate uumuu kan dandeenyu demokiraasii guutummaatti mirkaneessuu yoo dandeenye waan ta’eef xiyyeeffannoo keninee hojjechaa jirra. Yaaliin keenya kun firii akka godhatu gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru yaadama dhaabbatummaati. Gaaffilee ummattoonni biyya keenyaa hundi kaasaniif gaaffii egeree kennuu kan dandeenyu, ijaaramni heddumminaa uumamaa keenya firii kan godhatu, akkasumas biyya hunda keenyaaf taatu uumuu kan dandeenyu imalli keenya yaadama dhaabbatummaan yoo ilaalame akka ta’e sirriitti hubannee tarkaanfiiwwan fudhanne bu’aa gaarii fidaniiru. Walumaa gala sirna siyaasaa obbolummaa uumu, walitti hidhamiinsa ummattoota jidduu jiru cimsu, dhukkuni tokkoo kan isa biraa ta’uu kan hubatu, jireenyi waloo akka mirkanaa’u waliin dhaabachuu filate ijaarreerra. Jaallatamoo Saboota , Sablammootaa fi Ummattoota biyya keenyaa.. Tokkummaan sabdaneessummaa riqicha seenessa biyyaalessaatti ittiin ceenudha! Tokkummaa sabdaneessummaa uumuu yoo dandeenye dhaloota cimaa walkabajuu, waldandahuu fi waliif yaaduu qajeelfamasaa taasifate uumuu nidandeenya. Dhugaan akka paartii badhaadhinaatti hubannuu fi guutummaatti akka mirkanaa’u qabsoofnu sabdaneessummaan carraa egeree Itiyoophiyaaf daandii ifaa waan ta’eefi. Rakkoolee keenya keessoo heddummina ilaalchisuun ka’aniif furmaata kennuun akka danda’amu yaadamni ida’amuu akka paartiitti filanne rakkoolee keenya hundaaf furmaata egeree akka ta’u ni’amanna! Bakka bu’ummaan madaalawaa ummattoota biratti gonkumaa akka hinkaane, dhaloonni dhufu gaaffilee waggoota 50 darban itti rakkachaa tureen akka hinqoramne, heddumminni keenya qormaata akka nutti hintaane wantoota gaarii imala keenya amma ammaatti argane gabbifachuun akkasumas qormaatilee numudatan sirreessuun ijaarsa seenessa biyyaalessaaf waliin hojjechuu qabna. Ayyaan guyyaa Saboota, Sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa magaalaa Jigjigaa fakkeenya sabdaneessummaa taatetti wayita kabajnu dhaloota seenessa walitti qabaa dhalootatti cehu kana ijaaruuf yaalii taasisuun ta’uu akka qabu hubachiisuu barbaanna. Faayidaa sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaan biyyaa akka mirkanaa’u qabu hubannee biyya birmadummaanshee kabajamee fi bara baraan jiraattu ijaaruuf qooda keenya akka baanu adaraa jechuu barbaanna. Paartii badhaadhinaa Sadaasa 29/2016
Siyaasa

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii addaa hooggantootaa ‘IGAD’ 41ffaa irratti hirmaachuuf Jibutii dhaqan
Dec 9, 2023 22
Sadaasa 29/2016 (TOI) - Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii addaa hooggantootaa ‘IGAD’ 41ffaa irratti hirmaachuuf Jibutii dhaqaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii addaa hooggantootaa ‘IGAD’ 41ffaa irratti hirmaachuuf Jibutii dhaquusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Pirezidaant Saahilawarq Zawudee ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaarratti hirmaachuuf Jigjigaa dhaqaniiru
Dec 9, 2023 48
Sadaasa 29/2016 (TOI) - Pirezidaant Saahilawarq Zawudee ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa naannoo Somaaleetti kabajamurratti hirmaachuuf magaalaa jigjigaa dhaqaniiru. Pirezidaant Saahilawarq Zawudee wayita Jigjigaa gahan bulchaan bulchiinsa naannoo Somaalee obbo Mudxafee Mahaammad fi hooggantoonni mootummaa biroon akka simatan odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa. Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee bulchitoonni naannolee, kantiibonni bulchiinsota magaalaa, bakka bu’oonni sabaa fi sablammootaa akkasumas keessummoonni waamaman ayyaanicha kabajuuf magaalaa Jigjigaatti dhaqaniiru. Ayyaanni mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun kabajamu kun tokkummaa biyyaa fi sabdaneessummaa cimsuu haala dandeessisuun akka kabajamu ibsameera.
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa 18ffaa magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira
Dec 9, 2023 20
Sadaasa 29/2016(TOI)- Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa 18ffaa har’a ganamarraa kaasee taateewwan addaddaatiin magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira. Itti aanaan Pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah, af-yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar dabalatee bulchitoonni naannolee fi kantiibonni bulchiinsota magaalaalee hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee, saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni Itiyoophiyaa, gareewwan aadaa sagantaa kanarratti argamaniiru. Ayyaanni mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun kabajamu kun tokkummaa biyyaa fi sabdaneessummaa cimsuu karaa dandeessisuun akka kabajamu ibsameera. Ayyaanni kun guyyoota walitti aanan afur darban Sadaasa 25, 26, 27 fi 28 walduraa duubaan guyyaa obbolummaa, sabdaneessummaa, waloomaa akkasumas kaleessa guyyaa ida’amuu jedhuun wayita kabajamu waltajjiin maree fi agarsiisonni aadaas taasifamaniiru. Saboonni, Sablammoonni fi ummattoonni muuxannoo, adaa duudhaasaanii waliif qoodaniiru. Magaalaan Jigjigaa keessummoota ayyaanicharratti hirmaachuuf dhufaniif qophii addaddaa taasisuun tajaajila si’ataa kennaa jirti.
Milkaa'ina marii biyyoolessaaf gahee keenya ni baana
Dec 8, 2023 231
Sadaasa 28/2016 (TOI) - Abbootiin amantaa fi miseensonni hawaasaa Naannoo Kibba Itoophiyaa milkaa'ina marii biyyoolessaaf gahee isaanii kan bahan ta'uu himan. Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Kibba Itoophiyaa magaalaa Walayittaa Sooddootti Wolayta Sodootti deeggarstoota leenjii kenneera. Leenjii kanarratti kanneen hirmaataan yaada TOI'f kennaniin waldhabdee furuuf mariin biyyoolessaa barbaachisaadha jedhaniitru. Marii biyyaaleessaa kana galmaan gahuuf Komishiiniin Marii biyyaaleessaa hundaa'ee hojiitti galuun carraa guddaa ta'uu himanii; milkaa'ina marichaafis gahee isaanii kan bahan ta'uu himaniiru. Dhimma Marii biyyaalessaa bakka hojii keenyaatti namoota hubachiisuufi barsiisuun gahee keenya ni baanas jedhaniiru Nageenya waaraa akka biyyaatti hawwinu galmaan ga’uuf hojiileen komishinichi haga ammatti hojjechaa jiru jajjabeessaadha jedhaniiru. Keessattuu, waldhabdeewwaan jiran furuun nagaa fi misoomni waaraan biyyattii akka jiraatu tattaaffiin inni taasisaa jiru waan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Akka hordoftoota amantaatti nagaa lallabuun kaayyoo isaa isa guddaa waan ta’eef, marii kana milkeessuuf hordoftoota amantii isaan hordofan hordoofaniif dhimma Marii biyyaalessaa irratti hubannoo akka argana kan hojjetan ta'uus eeraniiru. Aadaa waldanda'uu fi wal kabajuu hawaasichaa cimsuuf gumaachi marii biyyoolessaa olaanaa ta'uu ibsaniiru.
Biqiltuun kuma 100 Itiyoophiyaan Jibutiif ergite Jibutii qaqqabeera
Dec 8, 2023 27
Sadaasa 28/2016 (TOI) – Qopheessummaa bulchiinsa magaalaa Dirreedawaatiin biqiltuuwwan Itiyoophiyaan yeroo sadaffaaf qopheessite kuma 100 Jibutii qaqqabeera. Jilli biqiltuu kana Jibutii geese wayita Jibutii qaqqabu Jibutiitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Biraanuu Tsaggaayee fi hooggantoonni simataniiru. Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa misoomaa hedduu biyyoota ollaa waliin qabdu un gamatti dippilomaasii ashaaraa magariisaarratti hojjechuun ittigaafatama waloo kan agarsiisu ta’uun ibsameera. Itiyoophiyaan amma amma bara 2014tti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan kuma 200 biyyoota ollaaf kennuunshee niyaadatama. Fuula duras biqiltuu biyyoota ollaa biroof kennuuf karoora baafteen baranas yeroo sadaffaaf biqiltuu kuma 100 Jibutiitti erguushee odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Jibutiitti argamurraa argame nimul’isa.
Waltajjiin marii guyyaa ida’amuu taa’amaa jira
Dec 8, 2023 41
Sadaasa 28/2016 (TOI)- Ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun waltajjiin marii guyyaa ida’amuu naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti taa’amaa jira. Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaa mata duree sabdaneessummaa fi walqixxummaan, guddina biyyaaf” jedhuun Sadaasa 25/2016 irraa kaasee sagantaalee addaddaatiin magaalaa Jihjigaattikabajamaa jira. Haala Kanaan Sadaasa 25, 26 fi 27 walduraa duubaan guyyaa obbolummaa,sabdaneessummaa fi waloomaa jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’a Sadaasa 28/2016 “guyyaa ida’amuu” ilaalchisuun waltajjiin marii taa’amaa jira. Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, af-yaa’iin mana maree naannoo Somaalee Ayaan Abdii, bulchitoonni naannolee, kantiibota magaalaa Finfinnee fi Dirreedawaa dabalatee hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannolee fi kutaaleen hawaasaa argamaniiru. Waraqaalee mariif ka’umsa ta’an mata duree “yaadama dug-duubaa dimokiraasii waliigaluu fi yaadama Itiyoophiyaa” akkasumas “heera mootummaa RDFI fayyadama naannoo Somaalee jijjiiramaan duraa fi boodaa” jedhaniin dhihaatanii mariin taasifamaa jira.
Dargaggeessii seenessaa waloo hubachuun nageenya waaraa fi guddina biyyaaf akka hojjetu gahee keenya ni baana
Dec 8, 2023 39
Sadaasa 28/2016 (TOI) - Dargaggeessii seenessaa waloo hubachuun nageenya waaraa fi guddina biyyaaf akka hojjetu gahee isaanii kan bahan ta'uu jaarsoliin biyyaa naannoo Uummatoota Kibbaa Lixa Itoophiyaa TOI dubbise himan. Naannichaatti jarsa biyya godina Beenchii Shakkoo kan ta'anobbo Shaanqoo Gakinaansii '' sabdaneesummaa fi amantaa baay'ee biyya qabdu keessaatti Itoophiyimmaan tokkummaan cimee akka har'a gahu kan taasise seenaa tokkoo nu taasisuu balatee duudhaalee qabnudha'' jedhaniiru. '' Biyya itti fufsiisuuf seenessa waloo cimsuun tokkummaa keenya jabeesuu qabana'' jedhaniiru. Seenaa agarree fi keessa dabarre dhaloota barsiisuun nageenya fi misooma waaraaf gahee keenya ni baana jedhaniiru. Jaarsa biyyaa godina Kafaa kan ta'an obbo Malerashaa Damisee gama isaaniin; tokkummaa Itoophiyaaf ajandaa waloo biyyaa fi ummataa irratti hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru. Yaada irratti walii hin galleerratti mariyachuun dhugaa waloorra gahuun aadaa keenya keessa duruman kan turedha jedhaniiru. "Duudhaa gaachanaa fi dahoo waliif ta'uu qabnutti fayyadamnee dhimma keenya tasgabbiin furuu malee; hawaasa jaarraa hedduuf dhimmoota adda addaarratti wal utubee waliin ture fiixee tokkotti harkisanii imaaluuf yaaluun sirrii miti'' jedhaniiru. "Dhaloonni dargaggoota seenessa sobaatiin akka hin burjaajofne barsiisuu fi dhugaa waloo akka beekan gochuu qabna," jedhaniiru. "Itoophiyaanonni waan gargar nu baasuu caalaa qabeenya waloo, seenaa fi eenyummaa waloo tokko nu taasisuu baay'ee uummata qabnu uummata boonaadha'' kanaaf,, dargaggoonni dhugaa jiru akka hubatan gochuuf akka hojjetan himaniiru.

Hawaasummaa
Yuunivarsiitiin aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota ogummaa addaddaan leenjise eebbisiise
Dec 9, 2023 137
Sadaasa 29/2016 (TOI) - Yuunivarsiitiin aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota ogummaa addaddaan leenjise 627 har’a eebbisiiseera. Isaanis 88 xiyyaara oofuu, 125 teeknishaana Xiyyaaraa, 150 ogummaa keessummeessuu xayyaararraa, 264 gurgurtaa tikkeettii fi tajaajila maamilaatiin kan leenji’an yemmuu ta’u, kanneen keessaa lamaansaanii Itiyoophiyaa ala biyyoota Afriikaa keessaa kan dhufanidha. Hojii raawwachiisaa muummee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoosirna eebbaarratti akka dubbatanitti, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata guddaa teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun humna namaa isa barbaachisu ufumaan leenjsuu fi ga’oomsudha. Yeroo ammaa dorgommiin Afriikaa waliin osoo hinta’iin daandiiwwan qilleensaa qabeenya olaanaa qabanii fi teeknooloojiin ammayyooman waliin akka ta’e dubbatanii, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata dorgomee bu’aa buufachuun ittifufedha jedhaniiru. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa namoota mul’ata, beekumsa dhaabbaticha hooggananiin, akkasumas hojjettoonni kutannoo tajaajluusaaniin asgahuusaa dubbataniiru. Kanaaf eebbifamtoonnikutannoo fi ciminaan hojjechuun guddina dhaabbatichaa ittifufsiisuuf ittigaafatama fudhachuu akka qaban himaniiru. Eeggataan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Kaasee Yimaam gamasaaniin, akaakuu leenjii Yuunivarsiitichi kennu bal’isuun gumaacha damee Aviyeeshiniif taasisu akka ittifufu dubbataniiru.
Mootummaan kutaalee hawaasaa xiyyeeffannoo dursaa fi deeggarsa barbaadaniif yeroo sadaffaaf deeggarsa ramaduunsaa ibsame
Dec 9, 2023 24
Sadaasa 29/2016(TOI)- Mootummaan bara bajataa 2016 kutaalee hawaasaa xiyyeeffannoo dursaa fi deeggarsa barbaadaniif qaamolee tumsitootaa osoo hinhafiin qindeessuun yeroo sadaffaaf deeggarsa ramaduusaa komishiniin hooggansa yaaddoo balaa Itiyoophiyaa beeksise. Komishinichi ibsa ergeen akka beeksisetti, gargaarsi qaamolee deeggartootaan dhihaachaa ture yeroof dhaabbachuurraa ka’uun dhiibbaa dinagdee fi hawaasummaa kutaa hawaasaa deeggarsa guyya guyyaa barbaadurra gahaa ture furuufn akka danda’amu mootummaan tarkaanfii fudhateera. Haala Kanaan marsaa walitti aanan lamaan i Adoolessa /2015 irraa amma Sadaasa/2016tti deeggarsi akaakuu fi maallaqaa birrii biiliyoona 7 tuqaa 9 baasu lammiilee miiliyoona 7 tuqaa 3’f kennamuun nibeekama. Haala walfakkaatuun komishiniin hooggansa yaaddoo balaa Itiyoophiyaa dhaabbilee deeggartoota dhiheenya hojiitti deebi’an dabalee qindeessuun fedhii jiru keessaa lammiilee buqqa’anii fi hongeen miidhaman kanneen xiyyeeffannoo fi deeggarsa dursaa barbaadan miiliyoona 6 tuqaa 5 oliif marsaa sadaffaaf deeggarsa taasiseeraaf. Haala Kanaan akaakuun deeggarsa nyaataa kuntaala kuma 867 ol akkasumas maallaqa calla birrii miiliyoona 560 ol, baatii Mudde 2016 raabsuuf hojiitti seeneera. Sadaasa 28/2016 irraa kaasee deeggarsa geejjibsiisuu ibsee deeggarsichi waliigala maallaqaan yoo shalagamu birrii biiliyoona 8 tuqaa 6 olitti akka ta’u ibsi kun ni’agarsiisa. Itiyoophiyaa kaabaa bakkeewwan hongeen miidhamaniif xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf eerameera.
Hospitaalli Waliigalaa Eekkaa Kotobee guutummaatti tajaajila waldhansaa fayyaa idilee kennuutti deebi'e
Dec 8, 2023 389
Sadaasa 28/2016 (TOI) - Hospitaalli Waliigalaa Eekkaa Kotobee tajaajila yaala fayyaa idilee guutummaatti kennuutti deebu'uu beeksise. Hospitaalichi weeraraa Vaayirasii koroonaa hordoofee tajaajila yaala fayyaa idilee kunnuu adda kutee ture amma guutummaatti kennuu jalqabuu beeksiseera. Hospitaalichi tajaajila yaalaa fayyaa idilee kennuu jalqabuusaa ilaalchisee ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii waliin magaalaa Adaamaatti mariyachaa jira. Hoji geggeessaan Olaanaa Hospitaalichaa doktar Muluqeen Tasfaayee akka himanitti, weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf hospitaalichi aantummaadhaan tajaajila yaalaa fayyaa kennaa turuu yaadachiisaniiru. Hospitaalichi yeroo sanatti tajaajila yaalaa idilee kennuu kan dhaabe yoo ta'u; yeroo ammaa humna guutuun gara tajaajila idilee kennuutti deebi'uu ibsaniiru. Hospitaalii Eekkaa Kotobee tarsiimoo Itoophiyaa akkasumas Afrikaa bahaatti dhaabbata fayyaa filatamaa isa taasisuu dandeesisuu qopheeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Galmi kun akka milkaa'uu ogeeyyiin miidiyaa Hospitaalicha waliin qindoomanii akka hojjetan gaafataniiru. Hospitaalichi keessumaa tajaajila faarmaasii fi qoricha, meeshaalee yaalaa fayyaa fi galteewwaan tajaajila yaala fayyaaf barbaachisan biroorratti humna guddaa ijaaruu isaa eeraniiru. Kanaanis Tajaajila yaalaa fayyaa si'ataa fi ammayyaa’aa ta’e uummata biraan gahuuf tattaaffi cimaa taasisaa jiraachuu hoji geggeesaan Hospitalichaa himaniiru. Bara kanas hospitaalichi sirna odeeffannoo kenniinsa tajaajila yaalaa fayyaa elektirooniksii guutuutti hojiirra kan oolchu ta'uu himaniiru. Hanqina humna namaa dabalatee hanqinoota biroo furuuf hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru. Hospitaalichatti daayreektarri qulqullina yaalaa fayyaa fi hooggansa fayyaa Doktar Yoonaas Gebre'igaabeer akka jedhanitti, hospitaalichi dhukkubsattoota yaala fayyaa cimaa dabalatee haadholii fi daa’immaniif tajaajila yaala fayyaa keessoo fi baqaqsanii yaaluu kennaa jiraachuu himaniiru. Kaayyoon waltajjii kanaa hospitaalichi yaala fayyaa koroonaa fi yaala hatattamaa yeroo dirqamaa keessaa bahuun hojii yaala fayyaa idileetti deebi'uu isaa miidiyaalee ifoomsuudha jedhaniiru. Kanaaf maamiltoonni gara hospitaalaa dhufanii yaala barbaachisu argachuu akka adanda'an miidiyaaleen hubachiisuu qabu jedhaniiru. Waltajjicharratti ogeeyyiin miidiyaa fi komunikeeshinii dhaabbilee adda addaa irraa hirmaataniiru.
Dhaabbanni misoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa meeshaalee waldhaansaa birrii miiliyoona 15 ol baasu deeggare
Dec 8, 2023 25
Sadaasa 28/2016(TOI) - Dhaabbanni misoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa meeshaalee waldhaansaa birrii miiliyoona 15 fi kuma 650 baasu naannoo Amaaraa fi Oromiyaaf deeggare. Itiyoophiyaatti hojii gaggeessituun dhaabbata misoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa Abbaayinash Ayyalee deeggarsicha bakka bu’oota naannoleef kennaniiru. Deeggarsichi waldhaansaa fi tajaajila fayyaa da’umsaa naannolee fooyyessuuf kan kaayyeffate ta’uu hojii gaggeessituun kun ibsaniiru. Fuulduras dhaabbatichi deeggarsoota akkasii taasisuun sirna fayyaa biyyattii fooyyessuuf qoodasaa akka bahu mirkaneessaniiru. Dhaabbannimisoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa waggoota 40 darbaniif dameelee misoomaa addaddaatiin Itiyoophiyaatti deeggarsa taasisaa akka ture ibsameera.
Diinagdee
Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dureeyyota Jaappaan simachuuf yoomiyyuu qophiidha
Dec 9, 2023 16
Sadaasa 29/2016 (TOI) - Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dureeyyota Jaappaan simachuuf yoomiyyuu qophii ta’uusaa beeksiseera. Fooramiin invastimantii biizinasii Itiyoo-Jaappaan hojii raawwachiisaan muummee korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii obbo Akliiluu Taaddasee fi jilli invastimantii Jaappaan 10 ola irratti hirmaatan Finfinneetti taa’ameera. Obbo AkliiluuTaaddasaa wayita kana ergaa dabarsaniin, hariiroon Itiyoo-Jaappaan waggoota 90 ol ta’us hariiroon Invastimantii jiru gahaa miti. Korporeeshinichi hariiroo kana cimsuu fi dureeyyii Jaappaan paarkiiwwan Industirii keessatti simachuuf yoomiyyuu caalaa qophii ta’uusaa ibseera. Itti dabaluunis korporeeshinichi reefoormiin imaammatarraa kaasee kenniinsa tajaajilaa irratti akkasumas hojmaatilee biroorratti taasise qophaa’ummaasaa kan agarsiisu ta’uusaa kaasaniiru. Carraaleen invastimantii fi bu’uraalee misoomaa akkasumas onnachiiftuu paarkiiwwan industirii, qaxanaa daldala bilisaa Dirreedawaa jiran jila kanaaf dhihaateera. Fuulduras Jilli kun paarkiiwwanindustirii Finfinnee Boolee Lammii fi Qilinxoo nidaawwata jedhamee akka eegamu odeeffannoon korporeeshinicharraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaan tajaajila geejjiba qilleensaa jalqabuu fi babal’isuuf biyyoota 17 waliin waliigalte
Dec 9, 2023 12
Sadaasa 29/2016(TOI)- Itiyoophiyaan tajaajila geejjiba qilleensaa jalqabuu fi babal’isuuf biyyoota 17 waliin waliigalteetti. Waliigaltee kan taasifte biyyoota Afriikaa, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa, Awurooppaa fi jiddugaleessa bahaa 17 waliin ta’uun ibsameera. Waliigalteen kun abbaa taayitaa siviil aviyeeshinii Itiyoophiyaa fi dhaabbilee biyyoota gita ta’an jidduutti kan mallatteeffame yaa’ii maree waggaa tajaajila geejjiba qilleensaa Saa’udii Arabiyaa Riyaaditti adeemsifamerrattidha. Haala Kanaan Naayijeeriyaa, Gaanaa, Moorookoo, Iiswaatiinii, Seraaliyoon fi Zumbaabuwee waliin daangaa tokko malee deddeebii xiyyaaraa raawwachuuf, bakka bu’ummaa daandiiwwan qilleensaa bal’isuuf, mirgoota tiraafikii kennuu fi bakka qaqqabiinsaa dabalataa daangaa malee eeyyamuuf haala dandeessisanirratti waliigalteen mallatteeffameera. Waliigaltichi Taanzaaniyaa, Siisheelsii fi Gaaboon waliin ammoo daandiiwwan qilleensaa Itiyoophiyaan galmeeffaman balallii deddeebisii dabalataa biyyoota jidduutti taasisuuf kan dandeessisudha. Siviil Aviyeeshiniin Itiyoophiyaa Raashiyaa, Ingiliiz,Kaanaadaa, Poolaand, Fiinlaand, Kuweet, Paakiistaan, Baangilaadiish fi Suriinaam waliinis waliigaltee kan taasise yemmuu ta’u, waliigaltichi balallii irra deddeebii eyyamuun carraalee gabaa bal’isuuf kan dandeessisudha. Waliigalteen kunneen faayidaa Itiyoophiyaan siviil aviyeeshiniirraa argachaa jirtu kan guddisu akka ta’e odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa. Yaa’iin maree idil addunyaa tajaajila geejjiba qilleensaa Saa’ud Arabiyaatti taa’ame Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 97 hirmaataniiru.
Fedhiin Misoomaa Itoophiyaa guddina biyyoota ollaas giddu galeessa kan godhateedha
Dec 8, 2023 30
Sadaasa 28/2016 (TOI) - Fedhiin Karra Galaanaa Itoophiyaa fedhii biyyoota naannawaas giddu galeessa kan godhate ta’uu Ministirri Pilaanii fi Misoomaa doktar Fitsum Asaffaan ibsan. Lakkoofsi ummata Itoophiya dabalaa dhufuu hordofee sodaan karra galaanaa dhimma ijoo ta’aa jiraachuu doktar Fitsum turtii CGTN waliin taasiisaniin himaniiru. Kunis fayyadamummaa waloo giddu galeeffachuun adeemsa marii fi waliigaltee kennanii fudhachuun ta’uu akka qabu kaasaniiru. Itoophiyaan waggoottaan kurnan darban biyyoota Afrikaa misoomaan walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechuu dubbataniiru. Daldalli bilisaa fi walitti hidhamiinsi bu’uuraalee misoomaa daraan murteessaa ta’uu himaniiru. Kana milkeessuu keessatti Itoophiyaan qooda ishee gumaachuun faayidaas argachuuf hojjechaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Miidhaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisaa jiru qolachuuf Itoophiyaan hojii fakeenya ta’u hojjechuu ibsaniiru. Waggoottaan shanan darbanis Biqiltuuwwan biiliyoona 3.2 dhaabuu ishee himaniiru.
Damee oomishaa bu’a qabeessa taasisuuf imaammanni fooyyeffameera- ministeera industirii
Dec 8, 2023 22
Sadaasa 28/2016 (TOI)- Damee oomishaa bu’a qabeessa taasisuuf imaammata fooyyessuu dabalatee hojiileen biroo hojjetamuusaa ministeerri industirii ibse. Sagantaan misooma dhaabbata mootummoota gamtoomaniiyaa’ii misoomaa waggaa waggaan taasisu Finfinneetti taa’aa jira. De’eetaan ministiraa industirii Taarraqany Bulultaa yaa’ii kanarratti akka jedhanitti, misoomni industirii jiddugaleessa imaammata misooma Itiyoophiyati. Karoora misoomaa waggaa kudhanii fi ajandaa riifoormii dinagdee biyya keessaatiin damee kanaaf xiyyeeffannoon kennameera jedhaniiru. Haala Kanaan bu’a qabeessummaa damee kanaa cimsuuf hojiileen bu’ura misoomaa fi kanneen biroo hojjetamuusaanii eeraniiru. Kana cinaattis tarsiimoowwan guddina damee industirii cimsan hojeeffamuu ibsaniiru. Walumaa gala rakkoolee industirii ilaalchisee mudatan furuun misooma industiriif kutannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti bakka bu’aan Itiyoophiyaa Chaaruu Biist gamasaaniin, waggoota darban Itiyoophiyaan industirii babal’isuuf hojii jajjabeessaa hojjetteetti jedhaniiru. Dameen industirii sharafa alaa argamsiisuun, carraa hojii uumuu fi oomishoota biyya alaatii galan bakka buusuun walumaagala jijjiirama caasaa fiduun humna guddaa qaba jedhaniiru. Sagantaan misooma dhaabbata mootummootaa damee industirii cimsuuf yaadota imaammataa dhiheessuun Itiyoophiyaa waliin hojjechaa akka jiru himaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoo-telekoom naannoo Oromiyaatti bu'uuraalee tajaajila dijtalaa dheesuuf waliigaltee mallatteesse
Dec 8, 2023 33
Sadaasa 28/2016 (TOI) - Itiyoo-telekoom naannoo Oromiyaatti kennisa tajaajilaa kan ammayyeessanii fi ijaarsa Ismaarti siitii kan dhugoomsan bu'uuraalee tajaajila dijtalaa dheesuuf waliigaltee mallatteesse. Waliigalticha hoji geggeesituu olaantuu Itiyo- telekoom Firehiwoot Taammiiruu, Sadarkaa Pirezidaantiitti hoggantuu Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Maskaram Dabbabaa fi Kantiibaa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa mallateessaniiru. Sirna kanarratti haasaa kan taasisaan Hoggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Maskaram Dabbabaa naannoon Oromiyaa tajaajila hawaasummaa fi dhaabbatummaa hedduu bal'inaan kan kennu ta'uu himaniiru. Keessaayyuu Barnoota, fayyaa, Turizimii fi tajaajiloota biroo qaqqabamaa taasisuuf hojiin bal'aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaafis tekinolojii ammaa hojiirra oolchuu fi oomishitummaa dabaluu hojii ijoo taasisuun hojjetama jiras jedhaniiru. Waliigalteen kun godinaalee, aanaalee fi magaaloota naannichaa tekinolojiin walitti hidhuun guddina barbaadamu fiduuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Waliigalteen kun kennisa tajaajila mootummaa foyyeesuu fi gaaffii kennisa tajaajilaarratti uummatarraa dhihaatuuf deebii kan kennudhas jedhaniiru. Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomee Addunyaa gama isaaniin yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaatti magaaloota ammayyeessuun hojii baramedha. Hundeeffamni magaalaa Shaggaris kan jiddugaleessa kan godhate waan ta'eef waliigalteen Itiyo -telekoom waliin taasifame magaalaa kana caalaatti ammayyeesuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Keessaayyuu magaalaa tekinolojiin guddatte, mijattuu fi oomishituu taatee uumuuf waliigalteen kun gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru. Hoji geggeesituun Itiyo -telekoom Firehiwoot Taammiruu gama isaaniin dhaabbatichi hojii tajaajila bu'uuralee misoomaa telekoom babal'isuun cinaatti hojii tajaajila dijitaalaa dhaabbilee babal'isuurrattis xiyyeeffannoonhojjechaa jirachuu himaniiru. Kunis Dijitalaa Itoophiyaa mirkaneesuu keessaatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Waliigaltee har'a mallatteeffame kun naannichaatti hojiiwwaan misoomaa hojjetaman ariifachiisuu keessaati gahee guddaa kan bahudha jedhaniiru. Waliigalteen kun ijoodhaan dhaabbilee dijitaalaa uumuu, waliin gahinsa barnootaa, qabeenya albuudaa adda baasuu fi haala oomishaa ammayyeessuu akkasuma hojii qonnaa tekinolojiin deeggaruu kan hammatudha jedhaniiru.
Inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa fi tajaajilli Immigireeshiniifi lammummaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan
Dec 7, 2023 32
Sadaasa 27/2016(TOI) - Inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa fi tajaajilli Immigireeshiniifi lammummaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Waliigalteen mallatteessan kun gama siistama diriirsuu, leenjii humna namaa fi damee cehumna teeknooloojiin waliin hojjechuuf akka dandeessisu odeeffannoon inistiitiyuuticharraa argame nimul’isa. Haala Kanaan tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa tajaajilli lammiileef kennu teeknooloojiin akka deeggaramu inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa deeggarsa taasisuu akka dandeessisu eerameera. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii sammuu namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa fi daarektarri olaantuu tajaajila immigireeshinii fi lammummaa adde Salaamaawiit Daawiit sanada kana mallatteessaniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii sammuu namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa sirna kanarratti ergaa dabarsaniin, dhaabbatichi tajaajiloota lammiileef kennu teeknooloojiin akka deeggaramu taasisuuf inistiitiyuutichi kutannoo qaba jedhaniiru. Daarektarri olaantuu tajaajila immigireeshinii fi lammummaa adde Salaamaawiit Daawiit gamasaaniin, Inistiitiyuutii sammuu namtolchee waliin hojjechuuf waliigaluunsaanii akka isaan gammachiisee fi tajaajila dhaabbannisaanii kennu ammayyeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf gargaaru eebbifame
Dec 7, 2023 34
Sadaasa 27/2016 (TOI) - Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa mootummaa fi ummataa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf dandeessisu eebbifamee guutummaatti hojii jalqabuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka ibsanitti, moosaajiin kun qabeenya mootummaa fi ummataa sirnaan bulchuuf, qisaasaa fihojmaata badaa hambisuuf akkasumas gamoowwan galmeessuun sirriitti beekuun ittifayyadamuuf nidandeessisa. Moosaajichi dhaabbilee mootummaa 20 irratti yaalamee bu’aqabeessummaansaa kan mirkanaa’e yoo ta’u,dhaabbilee bulchiinsa magaalichaa hafanirratti har’aa kaasee hojiirra ni’oola jedhaniiru. Abbaan taayitaa bulchiinsa qabeenyaa fi biiroon misooma innoveeshinii fi teeknooloojii walta’uun Moosaajii kana akka uuman kantiibaa Adaanech fuula marsariitiisaaniirratti beeksisaniiru. Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf gargaaru eebbifame Sadaasa 27/2016 (TOI) - Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa mootummaa fi ummataa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf dandeessisu eebbifamee guutummaatti hojii jalqabuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka ibsanitti, moosaajiin kun qabeenya mootummaa fi ummataa sirnaan bulchuuf, qisaasaa fihojmaata badaa hambisuuf akkasumas gamoowwan galmeessuun sirriitti beekuun ittifayyadamuuf nidandeessisa. Moosaajichi dhaabbilee mootummaa 20 irratti yaalamee bu’aqabeessummaansaa kan mirkanaa’e yoo ta’u,dhaabbilee bulchiinsa magaalichaa hafanirratti har’aa kaasee hojiirra ni’oola jedhaniiru. Abbaan taayitaa bulchiinsa qabeenyaa fi biiroon misooma innoveeshinii fi teeknooloojii walta’uun Moosaajii kana akka uuman kantiibaa Adaanech fuula marsariitiisaaniirratti beeksisaniiru. Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf gargaaru eebbifame Sadaasa 27/2016 (TOI) - Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa mootummaa fi ummataa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf dandeessisu eebbifamee guutummaatti hojii jalqabuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka ibsanitti, moosaajiin kun qabeenya mootummaa fi ummataa sirnaan bulchuuf, qisaasaa fihojmaata badaa hambisuuf akkasumas gamoowwan galmeessuun sirriitti beekuun ittifayyadamuuf nidandeessisa. Moosaajichi dhaabbilee mootummaa 20 irratti yaalamee bu’aqabeessummaansaa kan mirkanaa’e yoo ta’u,dhaabbilee bulchiinsa magaalichaa hafanirratti har’aa kaasee hojiirra ni’oola jedhaniiru. Abbaan taayitaa bulchiinsa qabeenyaa fi biiroon misooma innoveeshinii fi teeknooloojii walta’uun Moosaajii kana akka uuman kantiibaa Adaanech fuula marsariitiisaaniirratti beeksisaniiru. Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf gargaaru eebbifame Sadaasa 27/2016 (TOI) - Finfinneetti Moosaajiin bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenyaa mootummaa fi ummataa hojmaata teeknooloojii dijitaalaan hojeessuuf dandeessisu eebbifamee guutummaatti hojii jalqabuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka ibsanitti, moosaajiin kun qabeenya mootummaa fi ummataa sirnaan bulchuuf, qisaasaa fihojmaata badaa hambisuuf akkasumas gamoowwan galmeessuun sirriitti beekuun ittifayyadamuuf nidandeessisa. Moosaajichi dhaabbilee mootummaa 20 irratti yaalamee bu’aqabeessummaansaa kan mirkanaa’e yoo ta’u,dhaabbilee bulchiinsa magaalichaa hafanirratti har’aa kaasee hojiirra ni’oola jedhaniiru. Abbaan taayitaa bulchiinsa qabeenyaa fi biiroon misooma innoveeshinii fi teeknooloojii walta’uun Moosaajii kana akka uuman kantiibaa Adaanech fuula marsariitiisaaniirratti beeksisaniiru.
Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan qorattoota sadii badhaase
Dec 1, 2023 85
Sadaasa 21/2016 (Toi) - Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan yeroo 21ffaaf qorattoota sadiif badhaasa Toree Godaal kenneera. Badhaasni Toree Godaal sagantaa badhaasaa damee fayyaatiin agarsiiftuu dhiibbaa idil addunyaa doktr Godaal ta’ee kan tajaajilu ta’uun himameera. Doktar Toree Godaal waggaa 50 darbe daarektara lammaffaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan ta’uun wayita tajaajilanitti dargaggoonni qorattoonni Itiyoophiyaa rakkoo isaan mudatu furuuf fi onnachiisuuf kan jalqaban badhaasa maallaqaa ta’uun ibsameera. Saganticharratti kan argaman de’eetaan ministira fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee kalaqa guddisuu rakkoolee wal xaxaa ilaalcha haaraan sakatta’uu fi furaatota haaraa fiduuf daandiiwwan misooma egeree fidan argachuuf nigargaara jedhaniiru. Badhaafni Toree Godaal dargaggoota qorattoota qorannoo caaluuf kakaasuu fi gumaachi qabxii tokkoon tokkoosaanii kanneen biroof karaa kan banu waan ta’eef jajjabaachuu fi muuxannoo kanneen biroof qooduu qabu jechuusaanii odeeffannoon ministeera fayya ni’eera. “Duudhaa fi qajeelfamni doktar Godal onnachiiftuu nuuf ta’uun bara tajaajila keenyaa hunda itti fayyadamna” kan jedhan ammoo daarektara olaanaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan piroofeesar Afawarq Kaasuudha. Badhaasichi barsiisaa inistiitiyuutii teeknooloojii Yuunivarsiitii jimmaa doktar Yaadannoo Yaazaachoo Taayyee, ogeessa olaanaa laaboraatoorii Yuunivarsiitii Arsii doktar Shimallis Tashoomee Ayyaalneh fi gargaartuu barsiiftuu Yuunivarsiitii Finfinnee adde Saaroon Fiqaaduuf kennameera. Bakka bu’oonni embaasii Noorweey fi Swiidiin, hooggantoonni olaanoo ministeera fayyaa, inistiitiyuutiin qorannoo Armaweer Hansan, hoogansii fi hojjettoonni hoospitaala komrihensiiv Alart, barattoonni waldhaansaa fi keessummoonni waamaman sagantaa badhaasaa kanarratti argamaniiru.
Ispoortii
Shaampiyoonaan atileetiksii sochii dirree gabaabaa fi jiddugaleessaa Itiyoophiyaa Mudde 3 jalqabama
Dec 7, 2023 38
Sadaasa 27/2016 (TOI) - Shaampiyoonaan atileetiksii sochii dirree gabaabaa fi jiddugaleessaa Itiyoophiyaa Mudde 3 amma 7/2016tti ni’adeemsifama. Dorgommichi dorgommiiwwan waggaa federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa adeemsisu keessaa tokko yemmuu ta’u akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti nitaasifama. Shaampiyoonaa baranaatiinis kilaboonnii fi dhaabbileen 19 ofilaaluuf dorgomicharratti nihirmaatu. Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaatti bakka bu’aan adeemsa hojii hirmaannaa fi dorgommii Bisiraat Laxxibaluu TOI’f akka ibsanitti, dorgommii kanaaf atileetonni 770 galmaa’aniiru. Kanneen keessaa 451 dhiira, 319 ammoo dubartoota akka ta’an dubbataniiru. Atileetonni dorgommicha mo’atan maallaqa, meedaaliyaa fi waancaa nibadhaafamu. Saala lamaanuu 1ffaa kan bahan birrii kuma 3, 2ffaa kan bahan birrii kuma 2, 3ffaa kan bahan ammoo birrii kuma 1 fi 500 nibadhaafamu. Atileetota riilee walmakaa dorgomaniif ammoo saala lamaanuu 1ffaa kan bahaniif birrii kuma 6, 2ffaa kan bahan birriikuma 4, 3ffaa kan bahan birrii birrii kuma 2 nibadhaafamu. Atileetonni beekamoon 18 dorgommicharratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, dhiiraan Ermiyaas Girmaa Buna Sidaamaarraa, dubrtootarraa ammoo Birqee Hayyaloom baankii daldala Itiyoophiyaarraa keessatti argamu.
Taphoonni Piriimer Liigii torbee torbaffaa har’aa jalqabee nitaphatamu
Dec 7, 2023 40
Sadaasa 27/2016 (TOI) – Sagantaan Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee torbaffaa taphoota lama Istaadiyeemii Yuunivarsiitii saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti har’a taphatamaniin jalqabama. Magaalaan Walqixxee Hambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9tti nitaphatu. Qabxii 5’n sadarkaa 13ffaarratti kan argamu magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa walitti aansuun taphate shan keessaa tokko qofaa mo’ateera. Taphoota lamaan mo’atamee lamaan ammoo walqixa baheera. Hambarichoo Duraameen qabxii lamaan sadarkaa 155ffaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarra yemmuu jiraatu, taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphate keessaa sadiin mo’amee lama ammoo walqixa baheera. Hambarichoo Duraameen amma ammaatti tapha tokkooniyyuu hinmo’anne. Galgala sa’aatii 12tti Faasiil Kanamaa Walaayittaa Diichaa waliin nitaphata. Faasiil Kanamaan qabxii 12’n sadarkaa 4ffaarratti yemmuu argamu taphoota liigichaa Kanaan dura taphate shan keessaa sadii mo’atee lama ammoo qabxii qooddateera. Morkataansaa Walaayittaa Dichaan taphoota Liigichaa shan Kanaan dura taphateen al tokko qofa mo’ate. Lama mo’atamee lama ammoo walqixa baheera. Walaayittaa Diichaan qabxii 8’n sadarkaa 8ffaarra jira. Boru Machaal magaalaa Adaamaa waliin guyyaa sa’aatii 9tti, magaalaan Bahaar daar magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 12tti nitaphatu. Taphi torbee torbaffaa Liigichaa amma Sadaasa 30/2016tti nitura.
Ayyaana guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaalchisuun magaalaa Jigjigaatti dorgommiin fiigichaa kiiloomeetira 5 adeemsifame
Dec 5, 2023 79
Sadaasa 25/2016 (TOI)- Ayyaana guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa ilaalchisuun magaalaa Jigjigaatti dorgommiin fiigichaa kiiloomeetira 5 adeemsifame. Dorgmmiin kun barii sa’aatii 12 fi walakkaarraa kaasee addababayii Mahaammad Abdallaa Hasanitti kan adeemsifame yemmuu ta’u, dargaggoonni magaalaa Jigjigaa hirmaataniiru. Ayyaana guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa har’a Sadaasa 25 irraa kaasee amma Sadaasa 29/2016tti qindeessummaamana maree federeeshiniitiin mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun magaalaa Jigjigaatti qophiilee addaddaan nikabajama. Haala Kanaan Sadaasa 25 guyyaa obbolummaa, Sadaasa 26 guyyaa sabdaneessummaa, Sadaasa 27 guyyaa waloomaa, Sadaasa 28 guyyaa ida’amuu, Sadaasa 29 guyyaa Itiyoophiyaa jechuun moggaafamuun qophiilee addaddaatiin kabajamuu jalqabeera.
Ispoortiitti fayyadamuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuun nageenya waaraaf fayyadamuun nibarbaachisa
Nov 30, 2023 95
Sadaasa 20/2016 (TOI )- Ispoortiitti fayyadamuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuun nageenya waaraaf fayyadamuun nibarbaachisa jedhan af-yaa’iin naannoo Baaniishaangul Gumuz doktar Tamasgeen Disaasaahubachiisan. Ayyaana saboota sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa sababeeffachuun naannoo Beeniishaangul Gumuz godina Matakkal magaalaa Gilgal Balasitti har’a dorgommiin fiigichaa dirreerraa taasifameera. Af-yaa’iin mana maree naannichaa doktar Tamasgeen Disaasaa wayita kana akka jedhanitti faayidaa Ispoortiin qabu nageenya waaraaf oolchuu barbaachisa. "Ispoortiin walitti hidhamiinsa hawaasaa cimsuuf faayidaa olaanaa qaba” kan jedhan af-yaa’ichi, haala Kanaan Ispoortii nageenya waaraa buusuuf fayyadamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Kaayoon dorgommii kanaa ayyaanicha sababeeffachuun hariiroo waliinii cimsuu ta’uu kan ibsan ammoo komishinarii komishinii Ispoortii naannichaa Yuusuuf Bashiri. Hooggantoota naannichaa olaanoo dabalatee jiraattonni magaalaa Gilgal Balasii fi naannawashee dorgommii dirree kiiloo meetira sadii kanarratti hirmaataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan balaawwan addaddaa sababa jijjiirama qilleensaatiin mudatan hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Dec 4, 2023 83
Sadaasa 24/2016 (TOI) - Itiyoophiyaan balaawwan addaddaa sababa jijjiirama qilleensaatiin mudatan hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jirtu ministirri bishaanii fi inarjii doktar injinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministirri bishaanii fi inarjii doktar Habtaamuu Ittafaa yaa’ii jijjiirama qilleensaa mootummoota gamtoomanii 28ffaa cinaatti marii ministirootaa dhaabbata meetirooloojii addunyaa qophaa’e irratti hirmaataniiru. Waltajjiinkun mata duree “sirni ofeeggannoo dursaa hundaaf” jedhuun adeemsifameera. Ministirichi waltajjicharratti ergaa dabarsaniin Itiyoophiyaan balaawwan addaddaa sababa jijjiirama qilleensaan mudatan hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhaniiru. Keessumaa buufataalee fi bu’uraalee misoomaa ammayyaa meetirooloojii haala qilleensaa walitti qabuuf gargaaran diriirsuun, raga qilleensaa wayitaawaa fi ofeeggannoo dursaa kennuun tarkaanfiiwwan saaxilamummaa hir’isan hedduu fudhachaa akka jirtu ibsaniiru. Ittidabaluunis yaaddoo balaa hir’isuuf kaawunsiliin ittisa balaa biyyaalessaa itti aanaa ministira muummeen hoogganamu hundeeffamee xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeranii waltajjicharratti muuxannoo Itiyoophiyaa qooduusaanii odeeffannoon ministeera bishaanii fi inarjiirraa argame nimul’isa.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Kuubaa Miigweel Diyaaz-Kaanaal waliin mari’atan
Dec 1, 2023 346
Sadaasa 21/2016 (TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii koop28 cinaatti pirezidaantii Kuubaa Miigweel Diyaaz-Kaanaal waliin mari’atan. Hooggantoonni lamaan itti gaafatama jijjiirama haala qilleensaa addunyaa, tumsa biyyoota lamaanii fi dhimmoota misooma biyyaalessaa ilaalchisuun mari’achuusaanii odeeffannoon waajjira ministeera dhimma alaa ni’eera. Ministirri muummee doktar Abiyyi ahimad yaa’ii koop28 cinaatti pirezidaantii Kuubaa Miigweel Diyaaz-Kaanaal kan haasosfsiisan agarsiisa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa (Paaviiliyoon) ilaalchisuuni.
Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galte
Dec 1, 2023 88
Sadaasa 21/2016 (TOI)- Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf yaalii taasifamuuf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galteetti. Pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii sheeh Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan yaa’ii koop28 wayita banan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti qolachuu fi rakkinicha furuuf biyyisaanii yaalii taasifamu deeggaruuf doolaara biiliyoona 30 akka gumaachitu waadaa galaniiru. Maallaqni kun yaalii dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuu fi to’achuuf taasifamu keessatti hanqina faayinaansii mudatuuf oolchuu fi cimsuuf akka oolu dubbataniiru. Sheek Mahaammad Biin Zaayid damee anniisaa qulqulluurratti invast gochuu fi cehumsa anniisaa qulqulluu taasisuuf dhiheessiin faayinaansii gahaa gufuu ta’uu ibsaniiru. Koop28 furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf biyyoonni akka tumsan, akka mari’atanii fi murtiilee akka dabarsan yaaduun kan qophaa’edha jedhaniiru. Dhiibbaalee jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf biyyisaanii hojii hedduu hojjechuushee eeranii, keessumaa baay’ina gadhiisii kaarboonii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030tti harka 40 hir’isuu fi bara 2050tti ammoo zeerootti gadi buusuun waliigaltee irra gahame milkeessuuf damee anniisaa qulqulluurratti invast gochaa akka jirtu ibsaniiru. Yaa’iin waggaa haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Dubaayitti taa’amaa kan jiru yemmuu ta’u, hooggantoonni biyyootaa jijjiiramni haala qilleensaa keessumaa dhiibbaa geessisu qolachuuf fandii irraa eegamu ramaduuf waadaa nigalu jedhameetu eegamaa.
Doktar Abiy Ahimad; Sheek Mahaammad Biin Zayiid bakka argisiisa ashaaraa magariisaa Itoophiyaatti argamuun waan daawwataniif galateeffatan
Nov 30, 2023 95
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Gamtaa Emereetota Arabaa Sheek Mahaammaad Biin Zayiid Al Nahayaaniin bakka argisiisaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaatti argamuun waan daawwataniif galateeffatan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Hojii Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu bakka agarsiisaa COP28’tti argamanii daawwachuusaaniif obboleessa koo Sheek Mahaammad Bin Zayed Al Nahyaniin nan galateeffadha” jedhaniiru. Itoophiyaan hojiilee ashaaraa magaariisaa ishee argisiisa yaa’ii COP28 irratti beeksisaa jiraachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
Gabaasa addaa
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 837
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 2186
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.