Hojiileen nageenya waaraa cimsuun fi misooma si’achiisuun ummata fayyadamaa taasisan ciminaan ittifufu - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen nageenya waaraa cimsuun fi misooma si’achiisuun ummata fayyadamaa taasisan ciminaan ittifufu

Hagayya 06/2017(TOI)- Nageenya waaraa cimsuun fi misooma si’achiisuun fayyadama ummataa mirkaneessuuf qoodasaanii akka bahan hooggantoonni naannolee fi bulchiinsa godinaa ibsan.
Waltajjiin marii nageenyaa biyyaalessaa mata duree “bayyanachuu Itiyoophiyaaf nageenya cimsuun” jedhuun xumura torbee darbee taa’amuunsaa niyaadatama.
Hirmaattota waltajjichaa TOI’n wayita sana dubbise nageenya cimsuun bu’a qabeessummaa misoomaa mirkaneessuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Godinichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiileen hedduun hojjetamaa akka jiran naannoo Amaaraatti bulchaan godina Gondar kibbaa Xilahun Dajanee dubbataniiru.
Hojiileen misoomaa kaayyoo diinaa fashaleessuun ummata fayyadamaa taasisan si’achaa jiru jedhaniiru.
Ajajaan itti aanaa qajeelcha waliigalaa poolisii naannoo Sidaamaa itti aanaan komishinaraa Fiqree Yoosaayi, mootummaan naannichaa hawaasa hirmaachisuun hojii nageenyaa hojjeteen bu’aa gaarii galmeessisuu.
Hoogganaan waajjira milishaa naannoo Beeniishaangul Gumuz obbo Ismaa’el Abduraahimaan gamasaaniin, nageenyi naannichatti bu’e ummanni guutummaan misoomatti akka galu gochuu dubbataniiru.
Fuulduras hawaasa waliin ta’uun nageenya waaraa cimsuu fi misoma si’achiisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru.