Dhaabbileen Amantaa Ijaarsa Nageenyaa irratti Qooda Olaanaa Bahaa Jiru- Ministeera Nageenyaa - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen Amantaa Ijaarsa Nageenyaa irratti Qooda Olaanaa Bahaa Jiru- Ministeera Nageenyaa

Adoolessa 29/2017(TOI)-Dhaabbileen Amantaa Adeemsa Ijaarsa Nageenya itti fufaa irratti qooda olaanaa bahaa jiraachuu Ministeerri nageenyaa ibse.
Sagantaan guyyaa 2ffaa yaa’ii biyyoolessaa dhaabbilee Amantaa 4ffaan Magaalaa Harar Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti gaggeeffamaa jira.
Konfiraansicha irratti kan argaman De’eetaan Ministira Nageenyaa Dr,.Keeyireddiin Tazarraa akka jedhanitti, dhaabbileen Amantaa adeemsa Ijaarsa nageenya fulla’aa keessatti qooda olaanaa bahaa jiru.
Dhaabbileen Amantaa Qooda Damichaan bahaa jiran cimsanii ittifufuu akka qaban dubbachuun, keessumaa Ijaarsa Nageenya biyyaaf shoorri hundaa cimuu qaba jedhaniiru.
Yaa’iin Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa yaa’ii nageenyaa nagaa buusuu fi cimsuuf eegale jabeessuun itti fufuu qaba jedhaniiru.
Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Harariii Roozaa Umar akka jedhanitti, nageenyi fulla’aan biyyattiitti akka bu’uuf abbootiin Amantaa hordoftootasaaniif nagaa baay’isanii lallabuu qabu jedhaniiru.
Rakkoolee Naannoo adda addaatti mudachaa jiran waliin dubbachuu fi marii’achuun hiikuun nagaa jabbeessuun hundarraa eegama jechuun ergaa dabarsaniiru.
Keessumaa nagaa, waloomaa fi tokkummaa cimsuuf waliin dhaabbachuun hojii misoomaa eegalame cimsuu qabna jedhaniiru.
Barreessaa waliigalaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qeesis Taagaay Taaddalaa akka jedhanitti, yaa’ichi waltajjii marii waldhabdee furuuf gargaaran hedduu qopheessuun rakkooleen akka furaman taassiseera.
Kanaanis hariiroo waliinii jabeessan hojiiwwan wal-kabajuu, Nagaa, waloomaa fi dhiifama cimsan raawwatamaniiru jedhaniiru.
Nagaa buusuu irratti qaamoleen dhimmi ilaalu hundi qooda isaanii bahuu akka qaban eeruun, Manni maree dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaas nageenyi biyya keenyaa akka eegamu uummata guutuu Itiyoophiyaaf waamicha dhiheessaniiru.
Hoggantoonni Dhaabbilee Amantaa Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa, Hoggantootni Biiroo Nageenyaa, Qondaaltonni Mootummaa olanoo naannichaa, Abbootii Amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi Abbootii Gadaa fi jiraattonni konfiraansii Magaalaa Harar Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti gaggeeffamanaa jiru irratti argamaniiru.