Tajaajila tola ooltummaa fayyaa baranaatiin namoota miiliyoona shan tajaajiluuf hojiin jalqbameera

Adoolessa 30/2017(TOI)- Tajaajila tola ooltummaa fayyaa baranaatiin namoota kaffalanii waldhaanamuu hindandeenye miiliyoona shan tajaajiluuf hojiin jalqbamuu ministeerri fayyaa beeksise.

Hoospitaalli walii gala Eekkaa Kotobee komishinii qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun tajaajila tola ooltummaa gannaa qorannoo fayyaa bilisaa jalqabsiiseera.

Tajaajilli kun mata duree “tola ooltummaan hawaasa fayya buleessaaf” jedhuun gorsa, qorannoo fi waldhaansa fayyaa torbee tokkoof nikennama.

Ministira fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa dabalatee daarektarri olaanaa hoospitaala Eekkaa Kotobee Dr. Muluqan Tasfaayee fi hooggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalaa Finfinnee saganticharratti argamaniiru.

Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa wayita kana tajaajilli tola ooltummaa ofkennuu kan gaafatu ta’uu eeranii, waggoottan jjjiiramaa darban hojiileen tola ooltummaa hedduun hojjetamuu beeksisaniiru.

Hojii Kanaan namoota miiliyoona 4 tuqaa 5’f tajaajilli waldhaansaa kennamuu ibsanii, barana namoota miiliyoona shan waldhaanuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Waggaa darbe harka qalleeyyii kuma 80’f gorsii fi qorannoon bilisaa hoospitaala waliigalaa Eekkaa Kotobeetti kan kenname yoo ta’u barana namoota kuma 100 caalaniif qaqqabuuf nihojjetama jedhaniiru.

Daarektarri olaanaa hoospitaala waliigalaa Eekkaa Kotobee Muluuqan Tasfaayee gamasaaniin, tajaajilichi ogeeyyonni fayyaa tola ooltummaa qabatamaan kan ittiin raawwatanidha jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015