Dhiiga Tola Ooltummaan arjoomnu ciminaan ittifufna-Barattoota Yuunivarsiitii Amboo - ENA Afaan Oromoo
Dhiiga Tola Ooltummaan arjoomnu ciminaan ittifufna-Barattoota Yuunivarsiitii Amboo

Hagayya 08/2017(TOI)-Tola ooltummaan dhiiga arjoomuun boqonnaa sammuu guddaa kan kennu waan ta’eef gocha namoomaa kana cimsinee itti fufsiisna jedhan Barattootni Yuunivarsiitii Amboo dhiiga arjooman.
Sagantaan dhiiga Arjoomuu har’a Yuunivarsiitii Ambootti gaggeeffameera.
Barattoonni Yuunvarsiitii wayita kana TOI’ yaada kennan akka jedhanitti , dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruun hojii boqonnaa sammuu guddaa namaaf kennudha jedhaniiru.
Kanneen dhiiga arjooman keessaa Barattuu Amartii Marabuu, lammiilee hanqina dhiigaan miidhaaf saaxilaman deeggaruuf yeroo adda addaatti dhiiga arjoomuu ishee dubbatteetti.
Dhiigni arjoomtu lammiilee dahumsaan, balaa tasaan, akkasumas dhukkuboota adda addaan rakkataniif deeggarsa guddaa waan ta’eef dhiiga arjoomuu akka itti fuftu dubbatteetti.
Barataa Faasikaa Bashaa, dhiiga arjoomuun boqonnaa sammuu guddaa kan namaaf kennu waan ta’eef hiriyoota isaa waliin ta’uun hirmaachaa akka jiru dubbateera.
Keessumaa du’a haadholii sababa dahumsaan mudatu hir’isuuf dhiigni barbaachisaa ta’uu hubachuun dhiigaa tola ooltummaan arjoomamu akka jabeessu ibseera.
Dhiiga Arjoomuun kennaa guddaa lubbuu namaa baraaru waan ta’eef dhiigaa arjoomuu irratti hirmaachaa jiraachuu kan ibse immoo barataa Taajuddiin Mahaammadi.
Kanneen biroonis hojii gaarii kana irratti hirmaachuun lubbuu lammiilee baraaruuf qodasaanii bahu akka qaban dubbateera.
Itti Gaafatamaan Baankii Dhiigaa fi Tiishuu Amboo Obbo Alamaayyoo Qajeelaa gamasaaniin, Godinichatti namoota tola ooltummaan dhiigaa arjooman irraa bal’inaan walitti qabamaa jiraachuu ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Amboo waliin qindoomuun tola ooltota dhiiga arjooman irraa dhiigaa walitti qabaa jiraachuu isaanii ibsuun, barattoonni yuunivarsiitii waggaatti yeroo Afur dhiiga Arjoomu jedhaniiru.
Ganna kanas tola ooltota dhiiga arjoman irraa dhiiga yuunitii kuma sadii walitti qabuuf xiyyeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.