Yakkoota dubartootaa fi daa'imanirratti raawwataman ittisuuf danddeettii raawwachiisummaa qooda fudhattootaa cimsuurratti hojjatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yakkoota dubartootaa fi daa'imanirratti raawwataman ittisuuf danddeettii raawwachiisummaa qooda fudhattootaa cimsuurratti hojjatamaa jira

Hagayya 08/2017(TOI)-Yakkoota dubartootaa fi daa'imanirratti raawwataman ittisuuf danddeettii raawwachiisummaa qooda fudhaattootaa cimsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Baalee beeksise.
Waajjirichi leenjii yakkoota dubartootaa fi daa'immanirratti raawwatamuuf dambii naamusa abbootii alangaa irratti xiyyeeffate kennaa jira.
Saganticharratti kan argaman ittigaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baalee Obbo Abdulwaahiid Abdurahmaan akka jedhanitti, manni hojichaa tajaajiltummaa fi dhaqabamummaa abbaa alangaa si'ataa akka ta'uuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu dubbatan.
Keessattuu yakkoota dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman xiqqeessuuf danddeettiin qooda fudhattootaa cimsuun milkaa'ina hojichaatiif tumsa kan qabu ta'uus akeekan.
Rakkoolee qorannaa, himannaa fi murtii keessatti mul'atan beekamuun furmaata akka argataniif leenjiin kun gumaacha ol'aanaa kan qabu ta'uus eeraniiru.
Akkasumas naamusa abbootii alangaa adeemsa hojii kana keessatti mul'atu xiinxaluun hojii ittaanuuf akka galteetti fudhachuuf kaayyeffachuus dubbatan.
Yakkoonni dubartootaa fi daa'imman irratti raawwataman miidhaa xinsammuu, qaamaa fi rakkoo hawaasummaa gara garaatiif kan isaan saaxilu ta'uu kan himan ammoo Waajirichatti abbaa Alangaa yakkoota dhimma dubartootaa fi daa'immanii kan ta'an Qadaamaawit Mogosi.
Waajirrichi rakkoolee kanneen ittisuuf waggaa dabre qofa galmeewwan yakkoota dubartootaa fi daa'immanirratti xiyyeeffatan 103 ta'an adabbii akka argatan taasisuus akka agarsiiftuutti kaasaniiru.
Milkaa'ina hojii kanaatiifis danddeettii raawwachiisummaa abbootii alangaa fi qorattoonni seerotaa fi dambii kanaan walqabaterratti qaban daran cimsuun rakkinicha ittisuuf yaadamee leenjii qophaa'e ta'uus akeekaniiru.