Rakkoolee Mudatan Mariin Furuun nagaa fi tokkummaa cimsuun ittigaafatama hunda keenyaa ta’uu qaba

Adoolessa 29/2017 (TOI)- Rakkoolee Mudatan Mariin Furuun nagaa fi tokkummaa cimsuun ittigaafatama hunda keenyaa ta’uu qaba jechuun hubachiisan gaggeessitoonni olaanoo  fi bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa.

Konfaransiin nageenyaa biyyaalessaa yaa’ii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa afraffaa ergaa nagaa fi waamichaa taasisuun xumurameera.

Abbootiin gaggeessitoonni olaanoo fi bakka bu’oonni ergaa nageenyaa fi waamicha xumura sagantichaarratti dabarsaniin, “ nagaa buusuuf cimsinee ittifufna” jedhaniiru.

Waldhabdee fi walitti bu’iinsi carraa kamiinuu mudatan mariin akka furamuu fi nagaa cimsuun qooda olaanaa bahuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Itiyoohiyaa keessa bakka hundatti nageenyi waaraa fi tasgabbiin akka gabbatu hundi qoodasaa bahuu akka qabu kaasanii, rakkoolee mudatan mariin furuuf nagaa fi tokkummaa cimsuuf hundi qophaa’uu akka qabu cimsanii kaasaniiru.

Naannoon Kibba Itiyoophiyaa yaa’ii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa shanaffaa akka qopheessu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015