Hanqina Kitaabilee baruu fi barsiisuuf oolan guutuuf Maxxansi raawwatamaa jira- Ministeericha

Hagayya 7/2017(TOI)-Hanqina Kitaabilee baruu fi barsiisuuf oolan guutuuf Maxxansi raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa Beeksise.

kitaabileen barnootaa sadarkaa 2ffaa Miiliyoona 43 tuqaa 5 ta’u marsaa lamaan maxxanfamuun naannoolee fi bulchiinsa magaalotaaf raabsamuus ibsaniiru.   

kana hordofuun kitaabni barataa sadarkaa 2ffaa tokko fi tokko walgahuu Ministeerichatti hogganaan qophii Sina Barnootaa Saayinsii uumamaa Zaafuu Abrahaa TOI’f ibsaniiru.

Naannooleen sirna barnootaa idileen duraa  sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaatti   barnooticha abbummaan kan hogganan ta’uu fi kitaabilee waliin gahuuf Naannooleen hedduun hojii jajjabeessaa raawwataniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Direedawaa fi naannoo  Harariitti  tokkoon tokkoon barataa qqaqqabuu ibsuun,  naannoolee birootti immoo kitaabni 1 barataa 3’f akka qaqqabe ibsaniiru.

Hanqinna kitaabota barnootaa idileen duraa hanga kutaa 8ffaa Ingiliffa, herrega, saayinsii naannoo  guutuuf qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun  kitaabonni barnotaa dabalataa  maxxanfamaa akka jiran himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015