Inshuraansiin fayyaa hawaasaa naannichatti waliingahiinsa tajaajila fayyaa haqa qabeessa guddisuuf gargaaraa jira-biiroo fayyaa

Hagayya 03/2017(TOI)-Inshuraansiin fayyaa hawaasaa naannoo Oromiyaatti waliingahiinsa tajaajila fayyaa haqa qabeessa guddisuuf gargaaraa akka jiru biiroon fayyaa naannichaa beeksise.

Itti antuun biiroo fayyaa Oromiyaa Tigist Tafarii TOI’f akka ibsanitti, fayyadamtooni inshuraansii fayyaa hawaasaa tajaajla qulqullina qabu akka argata taasifamaa jira.

Baay’ini fayyadamtoota inshuraansii fayyaa hawaasaa naannichaa oolee bulee guddachaa dhufeera.

Tajaajilichi hawaasni baasiif osoo hinyaadda’iin fayyaasaa eeggachuuf carraa uumeeraaf jedhaniiru.

Bara bajataa xumurame fandiin inshuraansii fayyaa birrii biiliyoona 7 tuqaa 4 caalu miseensotasaarraa walitti qabamuu dubbataniiru.

Fuulduras tajaajila kennamu hoospitaalotaa fi dhaabbilee fayyaa sadarkaan jiran keessatti kennamu fooyyessuu fi ittiquufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu ibsaniiru.

Bara bajataa xumurame miseensonni inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 23 caalu dhaabbilee fayyaa naannichaa garagaraa keessatti tajaajila wal’aansaa argachuusaanii itti aantuu ittigaafatamtuun kun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015