Sirni sagalee kennuu filannoo Majliisaa damee ulaamaa har’a solaata juma’aa boda nigaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Sirni sagalee kennuu filannoo Majliisaa damee ulaamaa har’a solaata juma’aa boda nigaggeeffama

Hagayya 09/2017(TOI)-Sirni sagalee kennuu filannoo Majliisaa damee ulaamaa sadarkaa biyyaalessaatti sadarkaa aanaa amma federaalaatti har’a solaata juma’aa boda nigaggeeffama.
Filannoon majiliisaa dameelee garagaraa shanitti gaggeeffamu hara irraa eegalee amma Dilbataatti sadarkaa biyyaalessaatti aanaa amma federaalaatti masjiidota keessatt filannoon kan gaggeeffamu ta’uun nibeekama.
Haala Kanaan har’a solaata juma’aa booda sirni sagalee kennuu nigaggeeffama.
Filannoo kanaaf hawaasni musliimaa kaardii filannoo qabachuun hooggantoota hordoftoota gaggeessan filachuuf hirmaannaa cimaa akka taasisu hooggantoonni boordii manneen maree olaanaa dhimmoota islaamaa naannolee gara garaatti filannoo raawwachiisan waamicha taasisaniiru.
Filannoon majliisaa dameelee garagaraa shanitti gaggeeffamu har’a Hagayya 9 bara 2017 irraa eegalee amma Hagayya 11 bara 2017tti sadarkaa biuuaalessaatti aanaa amma federaalaatti masjiidota keessatti kan gaggeeffamu ta’uu, nibeekama