Lammiilee Lolaa laga Awaashiin buqqa’anii fi Miidhaman gargaarsaa fi deeggarsa gochuuf  tattaaffiin qindoominaa taassifamaa jira

Hagayya 01/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaa  Godina Shawaa lixaa fi Shawaa Kibba lixaatti   Lagni Awash guutuun lammiilee buqqa’anii fi miidhaan irra gahe gargaaruuf sochiin qindoominaa taassifamaa jiraachuu Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Itti Aanaan Itti Gaafatamaan Buusaa Gonofaa Naannoo Oromiyaa Obbo Tasfaayee Haayiluu  TOI’f akka ibsanitti, rooba cimaa tibbana roobeen lagni Awaash guutee Godina Shawaa Kibba Lixa fi Godina Shawaa lixaa mana jireenyaa fi ooyruu qonnaa irra dhangala’uun   miidhaa geessiseera.

Keessumaa hawaasni Godina Shawaa kibba lixaa Aanaawwan Daawoo, Iluu fi Sabbataa hawaas jiraatan miidhaaf saaxiamuu isaanii ibsaniiru.

Jiraatttonni Godina Shawaa lixaa Aanaawwan  Ejeree, Ejersa lafoo,  fi Walmaraa haaluma wal fakkaatuun miidhaan akka irra gahe dubbataniiru.

 Kanaanis gandoota Aanaawwan ja’a keessaasatti argaman kudhan irratti miidhaa geessisuu ibsuun,  balaa Kanaan namoonni  kumaatamaan lakkaa’aman qe’eesaanii irraa buqqa’uu fi   qabeenyarra miidhaan qaqqabuu dubbataniiru.

Lammiiwwan balaa Kanaan  buqqa’aniif deeggarsi taassifamaa jiraachuu  himuun, Buusaan Gonofaa Naannoo Ormiyaa bakkichatti argamuun lubbuu baraaruu fi  buqqaatota qubachiisaa jira.

Bakkeewwan hundatti lammiilee buqqa’anii fi  miidhaan irra gahee  garagaarsaa fi deeggarsa gochuuf  sochii qindaa’aan taassifamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Buusaa Gonofaan Naannoo Oroiyaa bakkeewwan balaaf saaxilaman adda baasuun hojii of- eeggannoo duraa  akka  taasisaniif gorsaa turuusaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015