Pirezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh hajii Ibraahim Tufaa filannoo ulaamotaaf sagalee kennan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh hajii Ibraahim Tufaa filannoo ulaamotaaf sagalee kennan

Hagayya 09/2017(TOI)- Pirezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh hajii Ibraahim Tufaa filannoo ulaamotaaf sagalee kennaniiru.
Pirezidaantichi magaalaa Adaamaa masjiida Hudaatti argamuun sagalee kunnuun ergaa dabarsaniin, majliisichi dhaabbata Islaamaa cimaa ijaaruu fi hawaasa musliimaa hawaasa musliimaa tajaajiluuf hojjechaa akka jiru ibsanii, filannoon har’aas kanuma kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Haala Kanaan guyyaa har’aa filannoon ulaamotaaf biyyattiitti sagaleen kennamaa akka jiru ibsaniiru.
Hawaasni musliimaa carraa seena qabeessa gaarii hooggantootasaa filatutti kanaa irratti dammaqinaan hirmaachuun imaanaa bahachuu akka qabu beeksisanii, isaanis haaluma Kanaan sagalee kennuusaanii dubbataniiru.
Adeemsi sagalee kennuu kun qophiin gaariin kan itti taasifame, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’uu ibsanii, filannoon ulaamotaa sadarkaa kanatti akka gaggeeffamu boordiin filannoo raawwachiisuu fi koreen sadarkaan jiran tattaaffii fi tumsa taasisaniif galateeffataniiru.
Kenniinsi sagalee Dilbata dhufu sadarkaa dargaggootaa, hayyootaa, dubartootaa fi hawaasaatti kan itti fufu waan ta’eef hirmaannaan cimee akka ittifufu ergaa dabarsaniiru.