Deeggarsi Dhaabbilee Wal’aansaaf taassifamu Milkaa’ina tajaajila Fayyaatiif Gumaacha  guddaa qaba-Biiricha

Hagayya 01/2017(TOI)-Deeggarsi Dhaabbilee wal’aansaa naannichaaf taassifamu tajaajila  fayyaa milkeessuuf gumaacha akka qabu Biiroon Fayyaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Dhalattoonni Naannicha biyya Alaa fi biyya  keessaa  jiran deeggarsa  meeshaalee  wal’aansaa  adda addaa birrii  miiliyoona  90 olitti tilmaamamu Godina Harargee  Lixaatti kan argamu Hospitaala Asaboof  arjoomaniiru.

Sagantaa wal-harkaa fuudhinsa deeggarsichaa irratti  kan argaman Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa, Deeggarsi dhaabbilee wal’aansaaf taassifamu tajaajila fayyaa Milkeessuuf  gumaacha guddaa qaba jedhaniiru.

Mootummaan Naannichaa Dhaabbilee fayyaa  babal’isuu,  dhiheessii qorichaa fooyyessuu fi   hojii  ogeeyyii fayyaa waliin gahuu xiyyeeffannoon raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan Naannichaa  milkaa’ina hojii walii galaa damee fayyaan taassisu  qaamoleen qooda fudhattootaa deeggarsa godhan  akka cimsan waamicha dhiheessaniiru.   

Itti Gaafatamaan Qajeelcha Fayyaa Godina  Harargee Lixaa  Ahimaddiin Mahaammad    meeshaaleen wal’aansaa kunneen siree wal’aansa baqaqsanii hodhuu, qorannoo dhukkubaa,  fi tajaajila wal’aansa dhukkubsattoota ciisaanii  waldhaanamanii akka keessatti argamu  ibsaniiru.


 

Keesumaa Dhalattooni Godinichaa Biyya Alaa jiraatan  deeggarsa meeshaalee  wal’aansaa  yeroo  yerootti  taassisan dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa babal’isuuf gumaacha olaanaa taassisaa jiraachuu  ibsaniiru.

Hanga ammaatti  Godinichatti deeggarsi meeshaalee wal’aansa adda addaa Daaroo Labuu, Hirnaa fi  Hospitaala Baddeessaaf  birrii  miiliyoona 250 olitti tilmaamamu taassisuu dubbataniiru.

Deeggarsi hospitaala Asabootiif taassifame  hawaasa naannichaaf  tajaajila wal’aansaa guutuu kennuuf  kan gargaaru ta’uu ibsuun, qaamolee deeggarsa taassisan  galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015