Naannoo Oromiyaatti manni harka qalleeyyota kuma 150 haaromfamaa fi ijaaramaa jira

Hagayya 02/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti manni harka qalleeyyota kuma 150 tajaajila tola ooltummaatiin haaromfamaa fi ijaaramaa jiraachuu biiroon dubartootaa fi daa’immanii naannichaa ibse.

Hooggantuun biirichaa Mabraat Baacaa TOI’f akka ibsanitti, tajaajilli tola ooltummaa naannichatti raawwatamaa jiru damee dubartootaa fi daa’immaniinis cimee ittifufeera.

Keessumaa mana hadholii harka qalleeyyii haaromsuu fi ijaaruun xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Waggoottan dargan hojiileen harka qalleeyyii fi maanguddoota fayyadamoo taasisan hojjetamuu eeranii, ganna kanas haaromsii fi ijaarsi manneen harka qalleeyyii fi manguddootaa kuma 150 hojjetamaa jira jedhaniiru.

Amma ammaattis manneen kuma 29 ol haaromfamaniiru, hojjetamaniiru.

 

Haadholiin galii hinqabne deeggaruuf horsiisa loon aannanii fi hoolaa fi re’ee akka horsiisan deeggarsi taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin ashaaraa magariisaa fi deeggarsi meeshaalee Barnootaa taasifamaa akka jiru dubbataniiru.

Barattoota miiliyoona 3 caalaniif deeggarsi meeshaa barnootaa taasifamaa jira jedhaniiru.

Mootummaan naannichaa moggaasa tajaajila lammummaa jedhuun dameelee 72’n hojiilee kutaalee hawaasaa garagaraa fayyadamoo taasisan hojjechaa akka jiru eerameera.

Haala Kanaan bara 2011 amma 2017tti tajaajila tola ooltummaa naannichatti hojjetameen birrii mootummaan baasu kan biliyoonaan lakkaa’amu oolchuun akka danda’ame ibsameera.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI #Itiyoophiyaa

#Tajaajila Tola Ooltummaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015