Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa dameelee 14’n raawwatamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa dameelee 14’n raawwatamaa jira

Adoolessa 30/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa damee 14’n raawwatama jiraachuu Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Naannichaa beeksise.
Biirichatti Daarektarri Qindeessaa DargaggootaTola ooltotaa Obbo Amiinoo Amaan TOI’f akka ibsanitti, Tajaajilli tola ooltummaa bara kanaa naannichatti bakeewwan hundatti raawwatamaa jira.
Sagantichi damee 14 fi tarreeffama hojii 35 irratti xiyyeeffachuun raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, damichi jireenya hawaasaa kan fooyyessanii fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
Biqiltuuwwan ammaan dura sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabbaman kunuunsuun, Dhiiga Arjoomuu, mana harka qal’eeyyii haaressuu fi marii ijaarsa nageenyaa fi godaansa seeraan Alaa ittisuurratti xiyyeeffatan, haala fayyaa dahumsaa irraatti hubannaa uumuun tajaajila tola ooltummaan hojiiwwan raawwataman keessaa ta’uu ibsaniiru.
Sochii baatii tokko keessatti hanga ammaan naannoolee hundatti biqiltuuwwan dhaabbachaa kan jiran yoo ta’an, Ijaarsi mana harka qal’eeyyii kuma 4 fi 500 ol raawwatamaa jira.
Kana keessaa manneen kuma 2 xumuramuusaanii ibsuun, haaromsi manneen kuma 3 olii immoo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana cinaatti dabtara kuma 370 fi qalama kuma 20 barattootaa maatii harka qal’eeyyiif deeggarsaan kennamuu ibsaniiru.
Akka obbo Amiinoon jedhanitti, sagantaan tola ooltummaa dargaggoota walitti fiduun, gama nageenyaan qooda olaanaa bahuun dargaggoonni Aadaa wal gargaarsaa fi muuxannoo hojii akka argatan gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajjila tola ooltummaa gannaa Adoolessa 1 bara 2017 hanga Fulbaana 30 bara 2018 turu irratti baatiiwwan lama hafan dargaggonnii fi kutaan hawaasaa biroon dammaqinaan hirmaachuun Ashaaraa isaanii akka kaa’an waamicha dhiheessaniiru.