Inistiitiyuutichi dameele qorannoo fi leenjii galmoota guddina biyyaa bu’ura godhatan irratti hojjechaa  jira

Hagayya 01/2017(TOI)-Inistiitiyuuiin leenjii teekniikaa fi ogummaa federaalaa dameele qorannoo fi leenjii galmoota guddina biyyaa bu’ura godhatan irratti hojjechaa akka jiru ibse.

Inistiitiyuuiin leenjii teekniikaa fi ogummaa federaalaa qorannoo raawwii karoora bara bajataa 2017 fi kalattiiwwan bara bajataa jalqabameerratti marii gaggeesseera.

Hooggantoonni olaanoon inistiitiyuutichaa maricharratti hirmaatan turtii TOI waliin taasisaniin bara bajataa jalqabame qulqullina irratti hundaa’uun damee leenjii teekniikaa fi ogummaan jiddugala ga’oomaa baha Afriikaa ta’uuf hojiin jalqabame nicima jedhaniiru.

Daarektarri tajaajila hawaasaa inistiitiyuutichaa Geetinnat Tashoomaa akka jedhanitti, dhaabbatichi ergama biyyaalessaa milkaa’inaan bahachuuf hojjechaa jira.

Keessumaa qorannoo fi leenjii utubaawwan dinagdee biyyaalessaa bu’ura godhatan akkasumas cehumsa teeknooloojiirratti hojii bu’a qabeessa hojjechaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa jalqabames qulqullin irratti hundaa’uun ergama biyyaalessaa qabachuun jiddu gala ga’oomaa baha Afriikaa ta’uuf xiyyeeffannoon akka hojjetu ibsaniiru.

Qorannoon Dirree Dawaatti gaggeeffame hojiilee qorannoo fi leenjii karaa qindaa’aas fi walhubateen gaggeessuuf bu’urri gaariin ka itti argame ta’uu kan ibsan ammoo daarektara mirkaneessa qulqullinaa Dr. Hayilamaariyam Mitikkuuti.

Hojiileen gama leenjii, qu’annoo fi qorannoo, teeknooloojii fi misooma intarpiraayizootaan hojjetamaa  jiran jiddugaala ga’oomaa baha Afriikaa ta’uun faayidaalee dinagdee biyyaalessaa haalaan guddisuuf akka hojjetu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015