Itiyoophiyaan qulqullina tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tarsiimoo hojiirra oolchituuf  deeggarsi cimee itti fufa -dhaabbata fayyaa Addunya

Adoolessa 28/2017(TOI)-Qulqullina tajaajila fayyaa Mirkaneessuuf tarsiimoo  Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu galmaan ga’uuf deeggarsasaa cimsee akka itti fufu   Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa  beeksise.

Dhaabbatichatti Bakka Bu’aa Itiyoophiyaa Dr.Owun Kaluwa Asumes( Owen kaluwa Assumes)  TOI waliin turtii taassisaaniin Itiyoophiyaan sirna tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojii raawwachaa jirtu dinqisiifataniiru.

Damee Fayyaa Teekinoolojiin deeggaruun qulqullina tajaajila fayyaa, fayyummaa  waldhaanamtootaa fi dhaqqababummaa fayyaa mirkaneessuuf hojii raawwachaa jiru   kaasaniiru.

 A.L.A. Bara 2030 galma Misoomaa hunda galeessa dhugoomsuuf teekinooloojii fi  hojii kalaqaa dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Teekinooloojii fi kalaqa hojiirra oolchuun dhaqqabamummaa fayyaa hunda hamate mirkaneessuuf biyyoota hojjechaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsuun, dhaabbanni fayyaa Addunyaa tumsaan hojjechaa jiraachuu dubbateera.

 Warraaqsi teekinooloojii 4ffaan Kalaqaan, hubannoo nam-tolchee fi damee fayyaa  dameelee biroo irratti fayyadamuuf Itiyoophiyaa waliin akka hojjetan ibsaniiru.

Dhaabbanni fayyaa Addunyaa Itiyoophiyaan qulqullina tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tarsiimoo hojiirra hoolchaa jirtu deeggaruun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Fuuldurattis damee fayyaan hojiirra kan oolan bu’aawwan  kalaqaa babal’isuu fi hojii  fayyaa hawaasaa irratti tarsiimoo hojiirra oolan tumsaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Innoveeshiniin damee fayyaan tajaajila qulqullina qabu dhiheessuuf, dhaqabummaa  bal’isuu fi tajaajila fayyuummaansaa eegame dhiheessuun akka dandeessisu   dubbataniiru.

Haata’u malee tumsa cimsuu, bu’aawwan kalaqaa damee fayyaan barbaachisa  ta’an  adda baasuu fi  faayidaarra oolchuu, qulqullinaa fi qaqqabummaa fayyaa akka deeggaraniif ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015