Tajaajila tola ooltummaatiin hojiilee balaa tirafikaa ittisuuu gargaaranirratti hirmaacha jirra-tola ooltota magaalaa Amboo - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila tola ooltummaatiin hojiilee balaa tirafikaa ittisuuu gargaaranirratti hirmaacha jirra-tola ooltota magaalaa Amboo

Hagayya 05/2017(TOI)-Tola ooltonni magaalaa Amboo balaa tiraafikaa yeroo gannaa mudachuu danda’u qoodasaanii bahaa akka jiran dubbatan.
Tajaajilli kun naannoo Oromiyaa dameelee garagaraan raawwatamaa jira.
Hojiileen hawaasa fayyadan hedduun hojjetamaa kan jiran yoo ta’u TOI’n tola ooltota magaalaa Ambootti nageenya tiraafikaa eegsisaa jiran dubbiseera.
Kanneen yaada kennan keessaa Usmaan Baqqalaa Kanaan dura konkolaachisaa wayita ture balaan tiraafikaa isa mudatee miidhaan irra gahee akka ture niyaadata.
Yeroo gannaa imaltoonni balaa tiraafikaaf akka hinsaaxilamne hojii tola ooltummaatiin hubannoo uumuurra darbee tattaaffii taasisaa akka jiru dubbateera.
Yeroon ganna waanta’eef hojjettoota waajjira geejjibaa waliin ta’uun nageenya daandii mijataa gochuuf hojjechaa akka jiru ibseera.
Tola oolaan dargaggoo Tasfaayee Dabal akka jedhetti imaltoonni balaa tiraafikaaf akka hinsaaxilamne tola ooltummaan tajaajilaa jira.
Lafoo deemtonni daandii karaa bitaa qabatanii deemuu akka qaban daandii yoo qaxxaamuran karaa Zebraa qofa ta’uu akka qabu hubachiisaa akka jiru dubbateera.
Waajjira geejjibaa magaalaa Ambootti dursituun garee nageenya tiraafikaa itti aanaa Inispeektaraa Immabeet Tashoomee gamasaaniin, balaa tiraafikaa ittisuu fi to’achuun tumsi qaamolee hundaa qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Dargaggoota tola ooltota, qooda fudhattoota, hawaasaa fi konkolaachiftoota qindeessuun balaa tiraafikaa yeroo gannaa magaalichatti mudachuu danda’u ittisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hoogganaan waajjira geejjibaa bulchiinsa magaalichaa obbo Fayyisaa Tarreessaa akka jedhanitti, balaa tiraafikaa magaalichaa hir’isuuf qindoominaan hojjetamaa jira.
Jiraattonni magaalichaa Kanaan dura seeraa fi sirna tiraafikaa eeguurratti muuxannoo gaarii akka qaban eeranii, keessumaa sochiin imaltootaa adeemsa tiraafikaa irratti dhiibbaa akka hin uumne qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kessumaa gumaachi dargaggoonni tola ooltonni taasisaa jiran guddaa ta’uu eeranii, gochi kun aadaa ta’ee akka ittifufu nitaasifama jedhaniiru.