Naannoo Oromiyaatti dhaloota ga’oomee fi dorgomuu danda’u horachuuf hojjetamaa jira-biiroo barnootaa

Hagayya  03/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti mala barsiisuu  fooyyessuu fi dandeettii barsiisotaa guddisuun dhaloota ga’oomee fi dorgomuu danda’u horachuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon barnootaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Leenjiin barsiiftonni qooqaa fi erragaa, supparvaayizaroonni, dursaan barsiitotaa fi ogeeyyonno barnootaa naannichaa sadarkaan jiran kutaa 1ffaa amma 5ffaatti jiran kuma 11 ol irratti hirmaatan har’a jalqabameera.

Itti aanaa hoogganaan biiroo barnootaa naannichaa Dr. Bultoosaa Hirkoo yeroo leenjichi jalqabame akka ibsanitti, beekumsaa fi ogummaa barsiisotaa guddisuuf mala barsiisuurratti fooessa taasisuu fi dandeettii barsiisotaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Leenjiin mala barsiisuurrati xiyyeeffate naannicha jiddugaleessota sagal keessatti eegalamuusaa ibsanii, qulqullina barnootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa gumaacha jedhaniiru.

Amma xumura Fulbaana dhufuutti barsiisonni, supparvaayizaroonnii fi ogeeyyonni sadarkaan jiran kuma 57 caalan mala barsiisuurratti nileenji’u jedhaniiru.

Barsiistonni leenji’an beekumsa imaammata baruu fi barsiisuu haaraa gocharratti xiyyeeffate bu’a qabeessa taasisu dandeessisu akka argatan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015