Tajaajilli tola ooltummaa fayyaa Lammiilee kuma 100 ol qaqqabeera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli tola ooltummaa fayyaa Lammiilee kuma 100 ol qaqqabeera

Hagayya 7/2017(TOI)-Hospitaalli Ekkaa Kotobee Lammiilee kaffalanii wal’aanamuu hin dandeenyeef tajaajila tola ooltummaa fayyaa kennaa jiruun hanga ammaatti lammiilee kuma 100 ol ta’an qaqqabuu beeksise.
Tajaajilichi Adoolessa 30 hanga Hagayya 6 bara 2017tti guyyaa 7 lammiilee Magaalaa Finfinneetti argamaniif kennuuf yaadamee eegaalamuu Daarekteerri Olaanaan Hospitaalichaa Dr.Muluuqan Tasfaayee dubbataniiru.
Tajaajila tola ooltummaa Kanaan qorannoo walii galaa, qorannoo kaansarii harmaa, qorannoo kaansarii fiixee gadameessaa, dhibee keessaa, kan gogaa, kan ilkaanii, kan sammuu, yaalii baqaqsanii hodhuu gidduugaleessaa, raadiyooloojii, (IMEJING) fi tajaajila fiiziyootiraappii dabalatee gosa wal’aansaa 17n kennaa jiru jedhaniiru.
Yeroon tola ooltummaa hanga kaleessaatti ta’us fedhii jiru gidduugaleessa godhachuun hanga Jimaata dhufuutti dheeressuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, hanga ammaatti lammiileen kuma 100 ol caalan tajaajila argachuu isaanii ibsaniiru.
Hojiin Idilee Hospitaalichaa osoo addaan hin citiin gara hawaasaatti seenuun tajaajila tola ooltummaa milkaa’aa kennaa jirra jedhaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa fayyaa humna hospitaalaa cimsuun namoonni dhukkubsachuun dura qorannoo fayyaa Aadaasaanii akka godhatan gochuun akkasumas ogeessota fayyaa hawaasa waliin caalaatti walitti dhiheessuun muuxannoon gaariin kan argame ta’uu kaasaniiru.
Tola olltummaan duudhaa gaarii hawaasaa waan ta’eef fuulduratti bal’inaan itti fufuu qabana jedhaniiru.
Qindeessitoota tola ooltummaa fi dhaabbilee tumsaan hojjechaa jiran, akkasumas hojjettoota Ekkaa Kotobeef galata dhiheessaniiru.