Tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa dargaggootaa duudhaaleen Hawaasaa ifatti akka bahu dandeessisaa jira

Hagayya 07/2017(TOI)-Tajaajilli tola ooltummaa Daangaa qaxxaamuraa dargaggootaa duudhaaleen hawaasaa ifatti akka  bahan kan godhuu fi  Boqonnaan sammuu kan itti argamu  hojii  gaarii ta’uu  hirmaattonni tajaajilichaa dubbataniiru.

 Biiroon Dhimma Dubartoota fi  Hawaasummaa naannoo  Benishaangul Gumuz   

mata duree ‘’ Humna dargaggoota Ida’amanii galma  misooma  fulla’aaf ” jedhuun  guyyaa dargaggoota Idil Addunyaa Magaalaa Asoosaatti  Kabajaniiru.

Wayita kana dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa irratti hirmaatan    muuxannoo gaarii argatan qoodaniiru.

Naannoo Benishaangul Gumuz Aanaa Hoomashaatti bakkeewwan naannichaa adda addaatti   tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa dargaggootaa  irratti  kan hirmaatte    dubree Riqiyyaa  Mahaammad yaada  kenniteen,  simannaa fi afeerraan bakkeewwan adda addaatti taassifame duudhaa gaarii hawaasichaa  carraan itti argedha jetteetti.

Kunis dargaggoonni jaalala biyyaa akka qabaatanii fi naannoowwan hundatti duudhaan hawaasaa ifatti akka bahu kan taassisu ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Affaar, Amaaraa fi bakkeewwan birootti Arjooma dhiigaa, biqiltuu dhaabuu fi hojiiwwan tola ooltummaa biroo irratti hirmaachuun yeroo milkii dabarsuusaanii  dubbataniiru. 

Dargaggoota bakkeewwan adda addaa irraa dhufan waliin muxannoo  wal jijiiruun, waa’ee biyyaa  marii’achuu fi kan rakkatan deeggaruun dabarsuusaanii eeraniiru.

Hirmaataan tajaajila Tola ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa Naannoo Tigiraayii fi Sumaalee ture  dargaggoo  Suwaar Maasaad gama isaatiin,  tajaajilli tola ooltummaa   hawaasa gad-jedhanii tajaajiluu, boqonnaan sammuu kan itti argamu,  hojii gariidha jedheera.

 Bakkeewwan  hundatti  tajaajila tola ooltummaa adda addaa raawwachuu ibsuun, tajaajila tola ooltummaa daangaa Qaxxaamuraa irratti dargaggoonni  hedduuminaan osoo bobba’anii gaarii ta’uu dubbateera.

Tajaajilli tola ooltumaa daangaa qaxxaamuraa dargaggoota kaayyoo tokkoof kan walitti qabuu fi Hawaasaaf jiraachuu isaanii kan itti mirkaneessan ta’uu Miseensa Koree Hojii raawwachiisaa Mana Maree Dargaggoota Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Dargaggoota Naannoo Benishaangul Gumuz Dargaggoo Mahaammad Mahaammud ibsaniiru.

Manni marichi  dargaggoonni dhimma biyyaa irratti akka hirmaatanii fi  qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeruun, dargaggoonni tajaajila tola ooltummaan ganna akka dabarsaniif  dhaamaiiru.   

Guyyaan dargaggoota Idil-Addunyaa Naannoo Benishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti  kabajame  akka addunyaatti yeroo 25ffaa, akka Itiyoophiyaatti yeroo  22ffaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015