Siyaasa
Nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna-jiraattota magaalaa Dasee
Apr 8, 2024 155
Bitootessa 30/2016(TOI)- Nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna jedhan Jiraattonni magaalaa Dasee hiriira deeggarsaa milkaa’inoota waggoota jahan darbaniif beekamtii kennu bahaniin Hiriirri magaalaa Dasee mata duree “nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna” jedhuun adeemsifamaa jira. Hiroora deeggarsaa kanaan ergaawwan nu Itiyoophiyaanonni nageenyaa fi badhadhina guutuu biyya keenyaaf qooda keenya nibana, biyyaa fi ummata ilalchaa fi gocha badii finxaaleyyii muraasaan diigamu hinqabnu, hirmaannaan ummataa olaanaan badhaadhina Itiyoophiyaaf, biyya keenya olaantummaatti ceesisuuf hooggansa jijjiiramaa waliin ciminaan nidhaabanna jedhan hiriira deeggarsaa irratti darbaniiru. Jijjiiramni biyyaa Itiyoophiyaa kan baraaree fi jiraachuu keenya kan ittifufsiisedha, hidhi haaromsaa guddichi ibsituu tokkummaa fi cimina keenyaati, shira diinota keenyaa kan turee fi bookkisa ergamtuusaaniitiin imalli keenya badhaadhinaa hingufatu, Itiyoohiyaan injifannoo Adwaa haaromsaa jirti, injifannoo fi milkaa’inni ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa ashaaraa deena qabeessa injifannoo abbootii keenyaa itti daballedha jedhuun ibsaniiru. Ergaawwan Bitootessi 24 guyyaa Itiyoophiyaan mataa olqabatte guyyaa seena qabeessadha, mootummaa kan yaade hojjetu kan jalqabe xumuru qabna, nageenyi keenya mana keenyaa jalqaba, nageenyaa fi tokkummaa biyya keenyaf waan nurraa barbaadamu nibaana, Waraana bakka bu’ummaatiin naannoo keenya diiguun hindanda’amu, nageenya naannoo keenyatti dhufaa jiru yeroo gabaabaatti nageenya waaraatti niceesifna jedhan darbaa jiru. Hawaasni barii jalqabee gandoonni baadiyyaa osoo hinhafiin kallattii hundaan Istaadiyeemii Hooxeetti walgahaa jira.
Marii biyyaaleessaaf aanaalee 850 irraa hojiin hirmaatota adda baasuu guutuummaatti xumurameera
Apr 5, 2024 300
Bitootessa 27/2016(TOI) - Marii biyyaaleessaaf aanaalee 850 irraa hojiin hirmaatota adda baasuu guutuummaatti xumuramuu Komishiiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Dubbi himaan Komishiinii Marii Biyyaalessaa Xibabuu Taaddasaa adeemsi marii biyyaalessaa maal irra akka jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera. Ibsa isaaniin bara 2015 irraa eegalee hojiin hirmaatoota adda baasuu, waltajjiiwwan bakka bu'oota galteewwaan ajandaaf ta'an walitti qabuu qabuurratti hirmaatan filachiisuu hojjetamuu eeraniiru. Adeemsa hanga ammatiinis aanaalee 850 irraa hojiin hirmaatoota adda baasuu guutummaatti xumuramuu ibsaniiru. Aanaalee 100'tti immoo hojiin kun yeroo dhihootti ni xumurama jedhaniiru. Naannoolee guutummaatti hojiin kun xumuramees Affaar, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa, Hararii, Sidaamaa, Kibba lixa Itoophiyaa, Kibba Itoophiyaa fi Jiddigala Itoophiyaatti jedhaniiru. Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa fi Finfinneettis hojiin hirmaatoota adda baasuu xumurameera jedhaniiru. Naannoo Somaalee aanaalee 25 fi naannoo Oromiyaa aanaalee 70ttis xumuramaa jiraachuu ibsanii; gara fuula duraatti naannoo Amahaaraa fi Tigiraayitti ni raawwatama jedhaniiru. Marii biyyaalessaaf hirmaattoonni adda baafaman waltajjiiwwaan marii gara fuula duraatti qophaa'urratti kan hirmaatan ta'uu ibsaniiru. Dhaabbileen adda adda, Waldaaleen, Paartileen Siyaasaa fi kanneen warri biroo bakka buufatanis waltajjii ajandaa walitti qabuu irratti hirmaachuuf qophii akka taasisan hubachiisaniiru. Haala karoora qabameen naannolee fi bulchiinsa magaalootaatti bakka bu'oonni yeroo walfakaatatti marii kan taasisan ta'uus eeraniiru.
Duulli garee shororkeessaa Shanee balleessuuf taasifamu ciminaan ittifufa- Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay
Apr 5, 2024 106
Bitooessa 27/2016(TOI)- Duulli garee shororkeessaa Shanee amma dhumaatti balleessuu fi nageenya qaxanichaamirkaneessuuf taasifamu ciminaan ittifufa jedhan ajajaan ajaja jiddugaleessaa Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay. Letenaal Jeneraal Zawuduu Balaay hooggantoota raayyaa fi bulchiinsa siviilii qaamota kooriiwwan ajaja jiddugaleessaa hundarraa fi ajaja lixaa koorii tokkoo waliin haala nageenyaa qaxanichaa yeroo ammaa firaawwii raayyaa ilaalchisuun marii taasisaniiru. Duula dhihoo kana qaxanicha kallattii hundaan taasifameen diinarratti tarkaanfiin cimaan fudhatamuu fi bu’aan olaanaa argamuusaa ibsanii, duulli garee shororkeessaa kana balleessuuf taasifamu cimee akka ittifufu dubbachuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaa nimul’isa. Hoogganaan olaanaa qajeelcha gamtaa ittisaa Letenaal Jeneraal Balaay Siyyum raayyaan qaxanichatti bobba’e dirqamasaa bahaa waan jiruuf nageenyi naannawichaa yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufuun alatti hawaasni tasgabbaa’ee jireenyasaa gaggeessaa akka jiru argineerra jedhan. Godina Wallaggaa Lixaatti aanaaleen Begii fi Qondaalaa akkasumas godina Qeellam Wallaggaatti bulchitoonni aanaa Gidaamii fi qaamoleen nageenyaa maricharratti hirmaataniiru. Duula raayyaan halkanii fi guyyaa taasisaa jiruun haalli nageenyaa naannawasaanii baay’ee fooyya’uusaa fi ummannis yeroo yerootti odeeffannoo kennuu fi hojii addaddaatiin hirmaannaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Jiraattonni Dirreedawaa hiriira nagaa taasisaa jiru
Apr 5, 2024 86
Bitootessa 27 / 2016(TOI)-Jiraattonni Dirreedawaa Mata duree “Tokkummaa cimsuun nageenyaa fi badhaadhina Itiyiohiyaa nimirkaneessina” jedhuun hiriira deeggarsaa taasisaa jiru. Jiraattonni baadiyyaa fi magaalaarraa walitti dhufan dhaadannoowwan waggoota jijjiiramaa jahan darban hooggansa cimaa doktar abiyyi Ahimadiin jijjiiramoota gama nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaariin argaman qabachuun hiriira nagaa taasisaa jiru. Kanneen keessaa nageenyi hundaaf hundi nageenyaaf, hooggansa cimaa hoogganaa keenya dktar Abiyyi Ahimadiin guddinaa fi badhaadhina keenya nimirkaneessina kan jedhan keessatti argamu. Bu’aawwan jijjiiramaan argaman sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ministira muummee keenya cinaa hiriirree ga’ee keenya nibaana jedhaniiru. Jiraattota hiriira nagaa bahan keessaa adde Sintaayyoo Gabramadin TOItti akka himanitti, waggoottan jijjiiramaa jahan darbanitti Dirreedawaatti hojiilee misoomaa fi bulchiinsa gaariirratti jijjiiramoonni bu’uraa dhufaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad aangoo erga qabatanii kaaseetu gamtoominnii fi tokkummaan Dirreedawaa deebi’ee jijjiiramni galmaa’aa kan jiru jedhaniiru. Bu’aaleen jijjiiramaa kunneen cimsuun itti fufuuf, jaalalaa fi tumsa ministira muummeef qabnu agarsiisuufi har’a addababayiirratti kan argamne kan jedhe ammoo dargaggoo Gammachuu Mahaammadidha. Jiraattonni hiriira nagaa kana addababayii baabura lafoo Dirreedawaatti adeemsisaa jiru.. Ittaantuu af-yaa’ii mana maree bulchiinsa Dirreedawaa adde Fathiyaa Aden dabalatee miseensonni Kaabinee bulchiinsa Dirreedawaa, hooggantoonni paartii badhaadhinaa fi jaarsoliin biyyaa argamaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa waggoota jahan darban hojiilee qabatamaa badhaadhinaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjeteera-doktar Laggasaa Tulluu
Apr 4, 2024 278
Bitootessa 26/2016(TOI)- Mootummaan jijjiiramaa waggoota jahan darban hojiilee qabatamaa badhaadhinaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjechuusaa ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu ibsan. Ministirichi hojiilee jijjiiramaa waggoota jahaa, waliigaltee nageenyaa fi hojiilee misooma bonaarratti ibsa kennaniiru. Itiyoopphiyaan nagaa qabdu misoomashee dhugoomsuun olitti dhageettii Addunyaa fi Afriikaatti qabdu guddisuu fi faayidaa biyyaalessaashee eegsisuuf akka dandeessu ibsaniiru. Mootummaan jijjiiramaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin durfamu waggoottan jahan darban nagaa fi tasgabbii buusuuf, dirree sabdaneessummaa keessummeessuu uumuuf hojiilee hedduu hojjeteera jedhan. Fakkeenyaaf gama siyaasaan imaammata haqa cehumsaa qopheessuusaa, komishinii marii biyyaalessaa hundeessuunsaa, dhaabbilee demokiraasii, haqaa fi nageenyaa irratti bu’aa qabatamaa fiduusaa kaasaniiru. Mootummaan jijjiiramaa sirna federaalizimii demokiraatawaa sabdaneessummaa hammataa qabatamaan lafa qabachiisuusaa ibsaniiru. Baatiin Bitootessaa fedhii jijjiiramuu Itiyoophiyaa kan itti dhugoomee fi imalli jijjiiramaa qabatamaan kan itti jalqabamedha jedhaniiru. Guddinni dinagdee quubsaan galmaa’uusaa, qabenyi biyyattii dachaan dabaluunsaa, rawwiin pirojektoota meeggaa fooyya’uun, guddinni dinagdee damee hundagaleessaa bu’aa argamsiisaa akka jiru eeraniiru. Milkaa’onni Qamadii bonee fi ashaaraa magariisaan argaman biyya jijjiiraa akka jiran dubbataniiru. Shiroonni keessaa fi alaa Itiyoophiyaa diiguuf taasifaman hooggansa cimaa fi qabsoo cimaan fashalaa’uusaanii kaasaniiru. Mootummaan jijjiiramaa gama dippilomaasiitiin dhageettii Itiyoophiyaa kan dabalan, faayidaa biyyaalessaa kan eegsisan, hojiilee hariiroo Afriikaa fi addunyaa hojjechuusaa ibsaniiru.
Biyyoota miseensaa mana maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaatti makamaniif simannaan taasifame
Apr 3, 2024 92
Bitootessa 25/2016(TOI) - Biyyoota miseensaa mana maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaatti makamaniif simannaan taasifame. Simannaan kun Angoolaa, Botiswaanaa, Kotidevuwaar,Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoo, Gibxi, Ekuwaatooriyaal Giinii, Gaambiyaa, Seraaliyoon, Taanzaaniyaa, fi Ugaandaadha. Sagantacharratti haasawa kan taasisan komishinariin komishinii dhimmoota siyaasaa, nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa ambaasaaddar Baankolee Adeeyyee, hojiiwwan ijoo manni mariachi waggoota 20 darban hojjetee fi jijjiiramoota dhufan dubbataniiru. Afriikaa sagaleen rasaasaa keessatti hindhagahamne dhugoomsuuf yaaliin bal’aan taasifamuu dubbatanii, ijaarsa dhaabbileerrattis hojmaanni haaraan didiirfamanii hojeeffamaniiru jedhan. Itiyoophiyaatti hojiilee nageenya waaraa fiduuf waliigaltee nageenyaa Afriikaa Kibbaa Piriitooriyaatti taasifamee fi rakkoolee Afriikaa Afriikaanotaan furuuf Afriikaa rasaasni keessatti hindhagahamne dhugoomsuuf hojjetaman fakkeenya eeraniiru. Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa waggoota kurnan dhufanittis Afriikaatti walitti bu’iinsa ittisuurrattis xiyyeeffatee akka hojjetu mirkaneessaniiru. Ammas biyyoota miseensaa keessatti walitti bu’iinsonni akka mul’atan eeranii, keessumaa walitti bu’iinsi Sudaanitti ittifufe akka dhaabatu waamicha taasisaniiru. Afriikaatti shororkeessummaarratti qabsaa’uu, biyyoonni nageenyaa fi tasgabbiif tumsaan akka hojjetan deeggaruu, aadaa demokiraasii guddisuu fi dhimmoonni biroos xiyyeeffannoon nikennamaaf jedhaniiru. Akka lakkoofsa Awurooppaatti Bara 2030 galma Afriikaa sagaleen rasaasaa keessatti hindhagahamne dhugoomsuuf haatumsinu jechuun waamicha taasisaniiru. Biyyoonni miseensotaa mana maree kanatti makaman milkaa’ina galma kanaaf ga’eesaanii akka bahan gaafataniiru. Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa biyyoota miseensotaa 15 akka qabu nibeekama.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015