Daandiin sababa shororkeessaa Shaneen cufamee ture raayyaadhaan banamee tajaajila kennuu jalqabe

108

Bitootessa 27/2016(TOI)-Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaa aanaa Boosat ganda Qaawwaatti daandiin sababa shororkeessaa Shaneen magaalaa Boolee kiiloo meetira 22 cufamee ture deebi’ee tajaajila kennuunsaa ibsame.

Ajajaan olaanaa kutaa waraanichaa koloneel Geetinnat Jiraa akka jedhanitti, daandiin kun shororkeessaa Shaneen cufamee turus raayyaan qaxanaa kanatti erga bobba’ee asitti bu’uraaleen addaddaa hojii akka jalqaban gochuun danda’amuusaa odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame argame nimul’isa.

Hoogganaan waajjira komunikeeshinii aanaa Boosat fi qindeessaan kilaastara Boolee obbo Yaasiin Feeqoo daandiin baname daandii muummee Jibutiin kan walittihidhate waan ta’eef oomishoota muduraa addaddaa gabaa baasuu fi hawaasa si’aayinaan kan keessummeessu waan ta’eef faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015