Biyyoota miseensaa mana maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaatti makamaniif simannaan taasifame

Bitootessa 25/2016(TOI) - Biyyoota miseensaa mana maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaatti makamaniif simannaan taasifame.

Simannaan kun Angoolaa, Botiswaanaa, Kotidevuwaar,Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoo, Gibxi, Ekuwaatooriyaal Giinii, Gaambiyaa, Seraaliyoon, Taanzaaniyaa, fi Ugaandaadha.

Sagantacharratti haasawa kan taasisan komishinariin komishinii dhimmoota siyaasaa, nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa ambaasaaddar Baankolee Adeeyyee, hojiiwwan ijoo manni mariachi waggoota 20 darban hojjetee fi jijjiiramoota dhufan dubbataniiru.

Afriikaa sagaleen rasaasaa keessatti hindhagahamne dhugoomsuuf yaaliin bal’aan taasifamuu dubbatanii, ijaarsa dhaabbileerrattis hojmaanni haaraan didiirfamanii hojeeffamaniiru jedhan.

Itiyoophiyaatti hojiilee nageenya waaraa fiduuf waliigaltee nageenyaa Afriikaa Kibbaa Piriitooriyaatti taasifamee fi rakkoolee Afriikaa Afriikaanotaan furuuf Afriikaa rasaasni keessatti hindhagahamne dhugoomsuuf hojjetaman fakkeenya eeraniiru.

Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa waggoota kurnan dhufanittis Afriikaatti walitti bu’iinsa ittisuurrattis xiyyeeffatee akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Ammas biyyoota miseensaa keessatti walitti bu’iinsonni akka mul’atan eeranii, keessumaa walitti bu’iinsi Sudaanitti ittifufe akka dhaabatu waamicha taasisaniiru.

Afriikaatti shororkeessummaarratti qabsaa’uu, biyyoonni nageenyaa fi tasgabbiif tumsaan akka hojjetan deeggaruu, aadaa demokiraasii guddisuu fi dhimmoonni biroos xiyyeeffannoon nikennamaaf jedhaniiru.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti Bara 2030 galma Afriikaa sagaleen rasaasaa keessatti hindhagahamne dhugoomsuuf haatumsinu jechuun waamicha taasisaniiru.

Biyyoonni miseensotaa mana maree kanatti makaman milkaa’ina galma kanaaf ga’eesaanii akka bahan gaafataniiru.

Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa biyyoota miseensotaa 15 akka qabu nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015