Nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna-jiraattota magaalaa Dasee

149

Bitootessa 30/2016(TOI)- Nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna jedhan Jiraattonni magaalaa Dasee hiriira deeggarsaa milkaa’inoota waggoota jahan darbaniif beekamtii kennu bahaniin   

Hiriirri magaalaa Dasee mata duree “nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna” jedhuun adeemsifamaa jira.

Hiroora deeggarsaa kanaan ergaawwan nu Itiyoophiyaanonni nageenyaa fi badhadhina guutuu biyya keenyaaf qooda keenya nibana, biyyaa fi ummata ilalchaa fi gocha badii finxaaleyyii muraasaan diigamu hinqabnu, hirmaannaan ummataa olaanaan badhaadhina Itiyoophiyaaf, biyya keenya olaantummaatti ceesisuuf hooggansa jijjiiramaa waliin ciminaan nidhaabanna jedhan hiriira deeggarsaa irratti darbaniiru.

Jijjiiramni biyyaa Itiyoophiyaa kan baraaree fi jiraachuu keenya kan ittifufsiisedha, hidhi haaromsaa guddichi ibsituu tokkummaa fi cimina keenyaati, shira diinota keenyaa kan turee fi bookkisa ergamtuusaaniitiin imalli keenya badhaadhinaa  hingufatu, Itiyoohiyaan injifannoo Adwaa haaromsaa jirti, injifannoo fi milkaa’inni ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa ashaaraa deena qabeessa injifannoo abbootii keenyaa itti daballedha jedhuun ibsaniiru.

Ergaawwan Bitootessi 24 guyyaa Itiyoophiyaan mataa olqabatte guyyaa seena qabeessadha, mootummaa kan yaade hojjetu kan jalqabe xumuru qabna, nageenyi keenya mana keenyaa jalqaba, nageenyaa fi tokkummaa biyya keenyaf waan nurraa barbaadamu nibaana, Waraana bakka bu’ummaatiin naannoo keenya diiguun hindanda’amu, nageenya naannoo keenyatti dhufaa jiru yeroo gabaabaatti nageenya waaraatti niceesifna jedhan darbaa jiru.

Hawaasni barii jalqabee gandoonni baadiyyaa osoo hinhafiin kallattii hundaan Istaadiyeemii Hooxeetti walgahaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015