''Jijjiiramichi Finfinneef mikaa'ina hedduu fidee dhufe''

65

Bitootessa 28/2016 (TOI) - Jijjiramni biyyaaleessaa milkaa'ina hedduu magaalaa Finfinneef fidee kan dhufe ta'uu Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay himan.

Waggaa jahaaf jijjirama sadarkaa biyyaatti taasifamee sababeeffachuun magaalaa Finfinneetti hiriirri nagaa'' Badhaadhina biyya keenyaaf gamtaan ni hojjenna'' jedhu magaalaa Finfinneetti geggeeffameera.

Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraan Abbaay hiriira kanarratti argamuun haasaa taasisaniin; Jijjirama kana hordofuun hojiiwwaan misoomaa hedduun kan jiruu fi jireenya jiraatoota maalichaa jjjiran hojjetameera jedhaniiru.

Jijjiramicha hordochuun hojjiwwan hojjetam keessaa Ijaarsi paarkiiwwanii, misoomaa fi babal’ina bu’uuraalee daandii, pirojektoota hawaasa irratti xiyyeeffatan, akkasumas hojiiwwan misoomaa biroon fayyadamummaa jiraattota magaalichaa mirkaneessaan hojjetamuu eeraniiru.

Keessattuu, hojiin qaala'insa gatii tasgabbeessuuf deeggarsa maallaqaa gurguddaa kan taasifame ta'uu himanii; bu’aan hedduunis kanarraa argameera jedhaniiru.

Manneen barnootaatti baratootaaf nyaata dhiheessuu hojii hojjetameen baratoonni hedduun fayyadamoo ta'uu ibsanii; deeggarsi meeshaalee barnootaas taasifamaa jira jedhaniiru.

Jijjiramichi magaalaa Finfinneef milkaa'inoota hedduu kan fide ta'uu himanii jijjiramicha itti fufsiisuuf dirqama keenya bahuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015