Itiyoophiyaa fi Puuntlaand hariiroo gama hedduu fooyyessuuf waliigalan

Bitootessa 25/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Puuntlaand hariiroo gama hedduu fooyyessuuf waliigaluunsaanii ibsame.

De’eetaan ministira alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa garee jila ministira olaanoo naallaqaa Puuntlaand Mahaammad Faaraahiin durfamu har’a waajjirasaaniitii simatanii haasofsiisaniiru.

Mootummaan Puuntlaand haaraa filatame hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf fedhii akka qabu ibseera.

Tumsa damee daldalaa, Invastimantii, inarjii fi bu’ura misoomaaf xiyyeeffannoo akka kennu eerameera.

Itiyoophiyaan keessumaa deeggarsa damee nageenyaa fi barnootaan Puuntlaandiif taasisaa jirtu gareen jilaa kun galateeffateera.

Itiyoophiyaan hariiroon Puuntlaand waliin qabdu akka cimu kutannoo akka qabdu ambaasaaddar Misgaanuun dubbataniiru.

Mootummaan Puuntlaand filannoo milkaa’aa dhiheenya taasifteef de’eetaan ministiraa ergaa dabarsuusaanii odeeffannon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015