''Finfinneetti Hiriirri deeggarsa namoonni hedduun irratti hirmaatan nagaan xumuramera''

216

Bitootessa 28/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti hiriirri namoonnii hedduun irraatti hirmaatan rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan geggeeffamee xumuramuu Humni Waloo nageenyaa fi Tasgabbii beeksiseera.

Humnichi qaamolee nageenyaa hiriirichi nagaan akka xumuramuuf gumaacha taasisaniifi itti gaafatamummaa isaanii karaa sirriin ba’atani galateeffateera.

Hiriirri Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame kun karaa milkii fi naga qabeessaan akka xumuramu humni waloo nageenyaa fi tasgabbii dursee qophii barbaachisaa taasisuus eerera.

Hiriira kana irratti hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo, kutaaleen hawaasaa adda addaa kutaalee magaalichaarra walitti dhufan hedduun kan hirmaatan yoo ta'u hiriirichis rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan geggeeffamee xumuramuu humnichi beeksiseera.

Hiriirri kun akka nagaan xumuramuuf hawaasni humna nageenyaa cinaa dhaabbatee tumsa barame taasisaa turu eerera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015