Biyyi ilaalchaa fi gocha badi humnoota finxaaleyyii muraasaan diigamu hinjiru-jiraattota godina Gondar Lixaa

169

Bitootessa 30/2016(TOI)- Biyya ilaalchaa fi gocha badi humnoota finxaaleyyii muraasaan diigamu hinqabnu jedhan jiraattota godina Gondar Lixaa.

Godinichatti jiraattonni bulchiinsa Gandaawuhaa hiriira deeggarsaa taasisaa jiru.

Hiroora deeggarsaa kanarratti ergaawwan nu Itiyoophiyaanonni nageenyaa fi badhadhina guutuu biyya keenyaaf qooda keenya nibana, biyyaa fi ummata ilalchaa fi gocha badii finxaaleyyii muraasaan diigamu hinqabnu, hirmaannaan ummataa olaanaan badhaadhina Itiyoophiyaaf, biyya keenya olaantummaatti ceesisuuf hooggansa jijjiiramaa waliin ciminaan nidhaabanna jedhan hiriira deeggarsaa irratti darbaniiru.



Kana malees jijjiiramni biyyaa Itiyoophiyaa kan baraaree fi jiraachuu keenya kan ittifufsiisedha, hidhi haaromsaa guddichi ibsituu tokkummaa fi cimina keenyaati, shira diinota keenyaa kan turee fi bookkisa ergamtuusaaniitiin imalli keenya badhaadhinaa hingufatu,Itiyoohiyaan injifannoo Adwaa haaromsaa jirti jedhan dhageessifamaa akka jiran odeeffannoon komunikeeshinii naannichaarraa arganne nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015